Waa'ee doonii waraanaa galaana jala deemuu kana beektuu?

Doonii waraanaa US

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Doonii waraanaa US humna niwukilaraan galaana jala imalu

Dhihoo kana US muddamni Baha Giddugaleessaa keessatti hammaate ishee yaaddessinaan doonii waraanaa garas ergiteetti.

Ministirri Ittisaa US Liyood Oostin dooniin waraanaa garas ergame kan xiyyaara waraanaa baatu ta'uu mirkaneessaniiru.

US tarkaanfii kana kan fudhatteef doorsisaa fi dhaadannoo Iraan Israa'el irratti gaggeessaa jirtuuf deebii kennuuf ta'uun barameera.

Aab Oostin gamasaaniin US ''michuuwwan ishee baraaruuf tarkaanfii barbaachisu hunda ni fudhatti,'' jedhaniiru.

Dooniin galaana jala imalu yookiin misaa'elli US irraa to'atamu isa guddicha USS Gorgia jedhamuudha.

Meeshaan kun misaa'eloota Tomhawk jedhaman 154 ta'an baachuu danda'a.

Pentaagan ibsa kenneen doonii US guddicha Abrahan Lincoln gara Baha Giddugaleessatti butuu eereera.

Dooniin waraanaa kun xiyyaarota waraanaa F-35 hedduu baata.

USS Abraham Lincoln

Madda suuraa, Getty Images

Addunyaan maaliif doonii galaana jalaa hojjechuu barbaadde?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waa'ee galaana jala imalanii wal waraanuu wayita yaadnu gara jaarraa 18ffaatti nu deebisa. Garuu teeknooloojii doonii waraanaa galaana jala imaluu kan gabaa addunyaatti ba'ee mul'ate 1990oota keessa.

Addunyaan meeshaa guddaa, teeknooloojii ammayyaa gatii qaalii qabu kana kan hojjetteef waan biraaf miti, waraana qofaafi.

Dooniin kun galaana jala sirriiquun, yeroo garii ammoo galaana jala riphee turuun yeroo waraanaa eegee haleellaa raawwata.

Jireenyi doonii kanarraa salphaa miti, hojjettootaaf eegumsa cimaatu godhamaaf.

Sirna jireenyasaaniif wabii ta'etu doonii galaana jalaa kana waliin jira.

Dooniin waraanaa galaana jala imalu Waraana Addunyaa Tokkoffaarratti hojiirra hin oolle, garuu Waraana Addunyaa Lammaffaarratti dandeettiinsaa sirriitti hubatame.

Yeroo sana dooniin warra Naazii, U-boats, ulaa garba Atilaantik gargaarsi US irraa gara Biriteen fi Awurooppaa seenutti dhihaachuun haleelte.

Isa boodadha dubbiin babal'atee, waraanni galaana jalaas kan xiyyeeffannaa argate.

US fi michoonnishees haaloo ba'uuf doonii warri Naazii haleelan duukaa eegdota ergite.

Mallattoo addaa warri Jarmanii fayyadamaa turan 'Enigma' cabsuu danda'an. Warri Jarmanii mallattoo kanaan odeeffannoo waa'ee iddoo qabatanii, ciminaa fi taaktika isaanii waliif dabarsaa turan.

Haalli kun US fi michoonni ishee kiyyoo diinaa sakatta'anii bira ga'uun akka cabsan isaan gargaare.

Argannoowwan teeknooloojii biroon doonii galaana jalaa Naazii dadhabsiisan ittuma fufan.

Teeknooloojii dambalii sagaleen iddoo dooniin jiru adda baasu (Sonar system), meeshaalee waraanaa doonii galaana jala yabalu barbadeessan fi kanneen qilleensarraan haleellaa raawwatan bal'inaan oomishaman.

Kun hundi walitti ida'amee sodaa fi doorsisa U-boat addunyaarraa fonqolche.

Galaana akka dirree waraanaatti...

Doonii galaana jala imalu

Madda suuraa, MINISTRY OF DEFENCE/UK

Ibsa waa'ee suuraa, Ministeerri Ittisaa UK biyyoota akka Awustiraaliyaa fi Ameerikaa waliin ta'uun doonii galaana jalaa humna niwukilaraan socho'u hojjechuutti seenan

Jaarraa 20ffaa keessa teeknooloojiin doonii waraanaa galaanarraa fi bishaan jala imaluu addunyaarratti babal'achuun dirreen waraanaa galaanarra akka ta'u taasise.

Jalqaba jaarraa 20ffaarraa eegalee waggoota shantama itti aanan keessatti biyyoonni teeknooloojiin guddatan galaana keessaa fi irra imaluun walhaleeluu aadeffataniiru.

Guddinni teeknooloojii kun akkaataa waraanaa duraan ture guutummaatti jijjiire.

Kana keessatti dooniin waraanaa galaana jala imalu- Submarines jalqabarratti eerama.

Biyyoonni jalqaba teeknooloojii kana baayyinaan fayyadaman US fi Faransaayi.

Dhaabbati guddichi doonii waraanaa Biriteen- Royal Navy jedhamu boodarra itti dabalame.

Jaarmiyaan kun jalqaba doonii galaana jala deemu kan bite akkamiin akka hojjetuu fi akkamiin ittisuun akka danda'amu hubachuuf ture.

Garuu hanga Waraana Addunyaa Tokkoffaatti dooniin galaana jalaa hojiirra waan hin oolleef dandeettii fi humni teeknooloojii sirriitti hin hubatamne ture.

Ergasii garuu galaana jala deemuun waraana gaggeessuun akka danda'amu addunyaan hubatte.

Teeknooloojiin doonii yookiin meeshaa waraanaa galaana jala imaluu hojiirra ooluun akkaataa waraanaas jijjiireera.

Akkaataa seera waraanaa duraan tureen doonii hidhannoo waraanaa hin qabnu haleeluun galaana jala dhidhimsuu dura akeekkachiisi erga kennamee booda gareen doonii sanarra turan baraaramu.

Garuu dooniin waraanaa galaana jala imalu qaamaanis xiqqoo waan ta'eef bakka itti namoota doonii biraa oofan baraaru hin qabu, ammoo yoo dirree galaanaatti olba'e diinaaf saaxilamuu danda'a.

Kanaafuu haleeluurratti fuulleffata malee namoota nagaa baraaruu hin danda'u.

Inumaa dooniin waraanaa Jarmanii daangeffama tokko malee galaana keessa imaluun, doonii imaltootaa kaan akeekkachiisa tokko malee akka rukutanii kuffisan murteeffatan.

Waraana Addunyaa Tokkoffaa booda garuu haalli kun waan fooyya'e fakkaata. Keessattuu erga Birtiteen doonii waraanaa galaana keessa imalu dhorkitee jijjiiramni taasifameera.

Ammoo teeknooloojiin dirra galaanarra taa'uun xiyyaaraan haleellaa raawwatan dhufe. Kunis rakkoo mataasaa godhate.

Kubbaaniyyaa guddichi doonii waraanaa Biriteen- Royal Navy doonii waraanaa xiyyaara baatu hojjete.

Xiyyaara waraanaa dooniirra qubachuun achirraa haleellaa raawwatus bara Waraana Addunyaa Tokkoffaa hojjette Biriteen.

Teeknooloojiin kun ammoo of danda'ee guutummaatti faayidaarra kan oole Waraana Addunyaa Lammaffaarratti.

Jalqaba xiyyaara doonirra buufachuun achirraa haleellaa guddaa raawwatu kan as baase humna qilleensaa Jarmanii, Luftwaffe jedhamu.

Itti aansuun Jappaan kan mataashee qabattee as baate.

Waraana galaanarraa jalqabaa

Doonii galaana jala imalu- HMS Vanguard

Madda suuraa, Getty Images

Addunyaarratti yeroo jalqabaaf waraanni galaanarraa kan gaggeeffame bara 1942 yoo ta'u innis kaaba Awustiraaliyaa galaana Kooraal irratti.

Waraanni guutummaatti galaanarratti gaggeeffame kun- Waraana Kooraal (Battle of the Coral Sea) jedhama.

Doonii waraanaa faallaa jiran osoo wal hin argin wal waraanaa turan.

Bara 1941 fi 1945 gidduu waraanni Paasifik guutummaatti waraana xiyyaarri dooniirra buufachuun raawwatamu ture.

Amma iddoon buufata doonii xiyyaara waraanaa baatu barameera, kun utuu kanaan jiruu ammoo teeknooloojiin waraana galaana jalaa biraan dhufe.

Meeshaan waraanaa galaana jala deemuu fi humna niwukilaraan oofamu hojjetame.

Meeshaan waraanaa kun humna niwukilaraan waan deemuuf baatirii hin barbaadu. Dirra galaanarratti ba'ee kallattiisaa diinatti hin agarsiisu.

Jaarmiyaa doonii waraanaa Royal Navy jedhamutti ogeessi tarsimoo doonii galaana jalaa Riiri Admiiraal Maark Biivaristook ''meeshaan waraanaa humna niwukilaraan galaana jala imalu hojjetamuun tarsimoo waraanaa irratti jijjiirama guddaa uume,'' jedhe.

Isa booda Royal Navy dabalatee dooniiwwan waraanaa addunyaarra jiran meeshaa kana hidhachuun of fooyyessuu eegalan.

Yeroo ammaa humni gaalaanaa biyyoota addunyaa hedduun doonii waraanaa galaana jala imaluu fi dooniiwwan gurguddaa xiyyaara baachuu danda'an qabu.

Doonii waraanaa keessatti jireenyi maal fakkaata?

Humna waraanaa galaanarraa US

Madda suuraa, Getty Images

Dooniiwwan waraanaa keessaa akkaan qaaliin kan humna niwukilaraan imaluudha. Doonii akkanaan kan beekaman US, Raashiyaa, Chaayinaa, UK fi Faransaay fa'a.

Namoonni doonii waraanaa galaana jala imalu irra hojjetan aanga'ootaa fi hojjettoota ogummaa injinariingii, yabalaa, sirna dambalii sagalee fi meeshaalee waraanaati.

Bakki dooniin kun qabu dhiphaa waan ta'eef namoonni doonii kanaan haala mijataa iddoo jireenyaa hin qaban.

Hojjettoonni kutaa muraasa keessa qooddachuun waliin jiraatu, rafu. Akkasumas dabareedhaan rafu. Kun amaluma hojii doonii waraanaati.

Dooniin waraanaa galaana jala imalu dhiibbaa guddaa keessa ta'eeti kan ergama raawatu.

Ifa lafaa kanatti ba'uun hin jiru, yoo akkas ta'e diina afaan bu'a.

Galaana jala waan turuuf ifa uumamaa fi qilleensa qulqulluu argachuun rakkisaadha.

Hojjettoonni doonii waraanaa yeroo dheeraaf galaana jala turu, kanaafuu amala addaa qormaata kana ittiin keessa darban qabu, sanaafis ni leenji'u.

Hojjettoonni kunneen hunduu hojii manaa mataasaanii qabatanii bobba'u. Hojii injinariingii, doonii yabalsiisuu, bakka barbaachisutti haleellaa raawwachuutu nama hundaaf qoodama.

Kanaafuu hunduu bakkaa fi yeroosaa eeggatee hojiisaa hojjechuu baannaan rakkoo keessa galu.

Dooniin waraanaa galaana jala deemu mala quunnamtii mijataa hin qabu. Kanaafuu raadiyoo fi saatalaayitii fayyadamuun ajajootaa fi garee biroodhaan wal quunnamu.

Hojjettoonni meeshaa walquunnamtii teeknooloojii kan dhuunfaasaanii hin qaban.

Hunda caalaa wanti hojjettoota doonii galaana jalaa irraa eegamu obsa, kutannoo fi naamusa.

Yeroo dheeraaf galaana jala waan turaniif obsa gaafata, dhiibbaa jalatti waan hojjetaniif kutannoo barbaachisa akkasumas qabeenya murtaa'aa waliin fayyadamuu waan gaafatuuf naamusi fi waldanda'uun ulaagaa ijoodha.

Waliigalattii jireenyi doonii galaana jalaa akkaan qaalii ta'ee fi biyyoota muraasa harka jiru kanaa fedhii fi beekumsa guddaa gaafata.

Hojiin kun ogummaan leenji'anii ga'oomuu fi beekumsa humna waraanaan guutuu ta'uu gaafata.