Lammiileen Sarbiyaa guyyaa hunda sa'aatii 5:52 irratti maaliif mormii dhageessisu?

Harka dhiigaan cuubame mallattoo mormii ta'e

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Harka dhiigaan cuubame mallattoo mormii ta'e

Yeroo mara sa'aatii 11:52tti Sarbiyaatti daandiin hundi daqiiqaa 15'f cufamanii sochiin tiraafikaas dhaabbatee callisatu ta'a.

Ji'a Sadaasaa darbe biyyattiitti magaala guddoo lammaffaa kan taate Novisaaditti baaxiin buufata baaburaa keessaa jigee lubbuu galaafateef haqa gaafachuuf.

Uggurri sochii daqiiqaa 15 guyyaa hunda gaggeeffamu kunis sa'aatii itti dhumaatiin kuni mudatee fi namoota 15 sababa kanaan du'an yaadachuuf.

Balaa mudate kanaan booda ministira ijaarsaa biyyattii kan balaa kanaan booda aangoo fedhiisaaniin gadhiisan dabalatee namoonni hedduun too'atamanii ture. Isaan garuu balleessaa akka hin qabne waakkatan.

Biyyattiin hanga mormiin kun guutummaa biyyaa walingahin dura miira gaddaa keessa turte.

Boodarra barattoonni yunvarsiitii Belgireed walakkaa ji'a Sadaasaa mooraa barnootaatti deebi'anii jennaan mormiin kuni suutuma suuta gara yunvarsiitiiwaan 50 fi manneen barnoota sadarkaa lammeessoo biyyattii keessa jiran maratti bal'ate.

Guyyaa Dilbata darbe namoonni kumaatamaan lakkaa'aman mormii barattootaa kanatti dabalamuun daandiitti bahanii taatee kanaaf itti gaafatamummaan akka uumamu gaafachaa turan.

'Hundi keenya golgaa sana jala jirra'

Dilbata galagala kanneen kumaatamaan lakka'ama daandii magaalaa guddoo Sarbiirratti bahuun marmii dhageessisan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Dilbata galagala kanneen kumaatamaan lakka'ama daandii magaalaa guddoo Sarbiiyaa Balgireed irratti bahuun marmii dhageessisan

Mormiin dilbata darbee kuni Sarbiyaa keessatti erga waggootaatii mormii isa guddaa ture.

Daqiiqaa 15'f daandiiwwan magaala Bilgireed mormitootaan guutamanii miidhamtoota yaadachuun taatee kanaaf itti gaafatamummaan akka jiraatuuf gaafachaa turan.

"Barattootni yeroo dheeraadhaaf callisarra turan. Ta'iin amma mul'atu kun miira ittigaafatamummaan dhabamuu daangaa darbedha," jedha barataan fayyaa Yunvarsiitii Novisad, Maksim Ilik.

Dilbata mormii kana qonnaan bultoonni, hojjettoonni fayyaa, taatoowwan, artistoonnii fi jiraattonni magaala Bilgireed barattootatti makamanii turan.

Mormii callisaan dhageessifatan kanarratti mormitoonni barreeffama "Hundi keenyaa baaxii sana jala jirra," jedhu mul'isaa turan.

Mormitoonni kunneen malaammaltummaa biyyattiitti babal'ateen ijaarsi buufata baaburaa qulqullina malee ijaarame dhumaatii kanaaf sababa jedhu. Buufatni baaburaa kuni waggootaa dhihoo asitti qofa si'a lama suphaan kan taasifameef yoo ta'u, kaampaanii mootummaa chaayinaatin hojjetame.

Kuma kudhaniin kanneen lakkaa'amanis mormii barattootaatti makaman

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Kumaatamnis mormii barattootaatti makaman
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

"Waan hundaa bu'uurarraa hamma gubbaatti jijjiirree gara boqonnaa haaraa fi faayya qabeessa ta'eetti bahuu qabna" kan jettu ammoo Magaala olla Birgreed irraa kan dhufte Pancevo'dha.

Akka isheen jettutti, dhaloota dargaggootaa kanarraa jijjiirama akka fiduu danda'an amantaa qabdi. Sababni ammoo dargaggoonni kuni mormiif ka'uun isaanii hundaafuu akeekkachiisa cimaadha.

"Ani yeroo hunda ejjennoo barattootaa nan deeggara. Sababnisaas isaan yeroo hunda waan dhugaatif dhaabatu. Kana malees waana jedhan qabatamaan mul'isu" jetti.

"Harki Dhiigaa'' mallattoo diddaa yoo ta'u, dhaadannoo "Malaammaltummaan ajjeesadha" jedhuun dabalama. Ergaan isaa "Harki keessan dhiigan laaqameera" jechuudha.

Baaneriiwwan hedduu irratti "Biyyi kan dhaloota dhufuuti" kan jedhuufi "hunduu gara mormiitti" ergaawwan jedhan maxxanfamaniiru.

Caallisa daqiiqaa 15 booda mormitoonni sagalee gudaadhaan angaa'otatti dhaadannoowwan adda addaa dhageessisu.

Mootummaan biyyichaa balaa kana qorachaa akka jiruufi baaxiin buufa baaburaa Novisaad irra deebiidhaan akka ijaaramu gochaa jiraachuu ibsus, barattoonni garuu hojiin kun xumura hin arganne jedhanii mormu.

Kana malees mormitoonni sababa mormii keenyaf deebii hin kennine jedhuun ministirri muummee biyyattiifi kantiibaan magaala Novisaad akka aangoo gadhiisanis barbaadu.

Yunvarsiitiiwwan magaala Bilgireed keessa jiranii fi magaala guddoo lammaffaa biyyattii Novisaad fi Niis keessa jiran hundi mormii kanaan cufamii jiru.

Waldaaleen barsiisotaa muraasnis yeroo barnootaa gabaabsuun gara mormii kanaatti makamuuf murteessaa jiru. Kana malees barattoonni manneen barnootaa sadarkaa lammeessoo manneen barnootaa dhiisanii bahuun miidhamtoota yaadachuutti jiru.

Tasgabbii dhabamuun manneen barnoota sadarkaa duraa fi lammeessoo keessatti hammaachaa dhufulleen miniteerri barnootaa biyyattii ammoo yeroon Boqonnaa Bonaa dhihootti akka ta'u beeksiseera.

Angaa'oni Sarbiyaa gaaffi barattootaa kana hunda deebisaa jiraachuu himanilleen, barattoonni garuu yaada angaa'otaa kanatti waliingalle. Gaaffiin keenya tokkolleen guutuutti kan deebi'e hin jirus jedhu.

Mormii

Madda suuraa, REUTERS/Zorana Jevtic

Barattoonni dhumaatii buufata baaburaa Novisaad kanaan walqabatee Dokumantoonni jiran hundi maxxxanfamanii akka bahaniif gaafachuutti jiru.

Mootummaan biyattii balaa buufata baaburaa Kanaan walqabatee dokumantiiwwn 195 websaayitii irratti maaxxnsuu ibsus, barattoonni garuu dokumentiiwan 800 caalan akka jiranii fi kanneen mootummaan maxxanse ibsa maallaqaan walqabatu gahaa akka hin qabne himu.

Yunvarsiitii Belgireeditti muummeen sivil injinariingii dhiheenya kanaa dokumantoota balaa Kanaan walqabatan xiinxaluu ibsuun, dokumantii mootummaan maxxanse kanarraa dokumantoonni murteessoon hafuu ibseera.

Mormii dilbata Galgalaa kana booda Pirezedaantiin Sarbiyaa Alekzander Vusik karaa Instagram isaaniin " walgeettiin namoota hedduu" kanneen miira mormiitin guutame Bilgireed keessatti mudachuu himuun, yeroo hunda yaada isaanii, akkamitti akka yaadan, hammam akka Sarbiyaaf barbaachisaa ta'e dhagahuuf qophiidha jedhan.