Dr Teedroos haleellaa Israa'el Yamanitti raawwatte jalaa lubbuun ba'uunsaanii mirkana akka hin turre ibsan

Madda suuraa, Getty Images
Daarektarri Olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Dr Teedroos Adihaanoom guyyaa Israa'el Yaman magaalaa Sana'aa keessatti buufata xiyyaaraa fi buufataalee humna ibsaa irratti raawwatteetti lubbuun ba'uunsaanii mirkana akka hin turre ibsan.
Akka gabaasa Rooyitarsitti, qondaalli olaanaan dhaabbata fayyaa addunyaa kun buufata xiyyaaraa magaalaa Sana'aatti muuxannoo badaa dabarsaniiru.
Lubbuun hafuunsaanii mirkanaa'aa akka hin turres achuma magaalaa Sana'aarraa Jimaata kaleessaa dubbatan.
Israa'el haleellaa Kamisa darbe Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Sana'aa irratti raawwatteen, xiyyeeffannoon ishee hidhattoota Huutii kanneen deeggarsa Iraan qaban akka ta'e ibsite.
Dr Teedroos buufata xiyyaaraa Yaman seenuu fi Israa'el buufata xiyyaaraa kana qilleensarraan haleeluun walirra bu'e.
Haleellaan mudate akkaan hamaa ta'uu fi sagaleen dhukaasaa ammallee gurrasaanii keessaa akka iyyu ibsan qondaalli kun.
Taatee suukanneessaa akka ture kan ibsan Dr Teedroos, akkuma haleellaan sun raawwateen ''lubbuun ooleera'' jedhanii toora X irratti barreessanii turan.
Dr Teedroos osooma isaan buufata xiyyaaraa sana keessa taa'anii xiyyaara ittiin imalan seenuuf yeroo eeggatanii haleellaan eegalamuu ibsan.
Battaluma sanatti ummanni gargar faffaca'uu kan ibsan Dr Teedroos, dhohiinsa gurguddaa afur mudate keessaa tokko kutaa isaan keessa taa'anii xiyyaara eeggatan cinaatti dhohuu dubbatan.
''Yeroo sanatti haleellaa sana jalaa ba'uun kiyya mirkanaa'aa hin turre. Baayyee natti dhihoo ture. Bakkan jirurraa meetira muraasa irratti dhohiinsi mudate,'' jechuun Rooyitarsitti himan.
''Osooma xiqqooma kallattii jijjiirratee nu rukuta ture,'' jechuun haalaa ture ibsan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akka Dr Teedroos ibsanitti, haleellaa sana booda dirooniiwwan samiirra marsaa waan turaniif tuutasaanii waliin achuma buufata xiyyaarichaa keessa turuuf dirqamaniiru.
Haleellaan jalqabaa erga raawwatee booda dirooniiwwan marsaa turan haleellaa biraa eegaluu malu sodaa jedhu keessa turan.
Waahillan isaanii waliin ta'uun erga haleellaan raawwatee booda caccabaa meeshaa waraanaa lafatti kukkufe wayita ilaalan kan misaa'elaa ta'uu akka hubatanis ibsan.
''Bakki keessa dhokatan, dahooh tokkollee hin hafne. Kanaafuu bakkeetti hafta, hundi keenya saaxilamnee turre. Waan nurra ga'uu malu hunda teenyeema eeguu ture,'' jedhan.
Israa'el erga Huutiin irra deddeebiin misaa'elaa fi diroonii gara ishee dhukaastee booda deebii kennuuf haleellaa kana akka raawwatte ibsite.
Gareen Huutii lammiilee Filisxeem Gaazaa keessa jiran bira dhaabbachuuf akka Israa'el haleelan ibsu. Hanga Israa'el Gaazaa keessatti duguuggaa sanyii raawwachuu dhaabdutti haleellaa akka itti fufanis ibsan.
Waraanni Israa'el garuu duguuggaa sanyii Gaazaa keessatti lammiilee Filisxeem irratti raawwachuu cimsee waakkate.
Ministirri Muummee Israa'el Beenjamiin Neetaniyaahuu haleellaan kun jalqabbiidha jechuun akka itti fufan dhaadatan.
Haleellaa Israa'el Yaman irratti Kamisa darbe raawwatteen namoonni afur du'anii, 40 kan caalan madaa'uu miidiyaan garee Huutiin hoogganamu- Saba News Agency jedhamu ibseera.
Haleellaa kanaan garee hojjettoota UN keessaas namni kan miidhame yoo ta'u, Dr Teedroos Israa'el haleellaa kana raawwachuu dura akeekkachiisa tokkollee akka hin kennine ibsan.
Dr Teedroos fi gareensaanii gara Yaman kan imalaniif hojjettoota UN fi kaan achitti ugguraman gadhiisisuurratti dubbachuuf ture.
Haleellaan Huutii fi Israa'el naannawa sanatti hammaataa akka jiru kan hubatan Dr Teedroos, imalichi balaafamaa akka ta'e durumaanuu akka beekan dubbatan.
Mariin aanga'oota Yaman waliin taasisan milkaa'aa akka ture kan ibsan Dr Teedroos hojjettoonni UN 16 akkasumas dippiloomaatonni fi hojjettoonni dhaabbata miti-mootummaa ugguramanii turan gadhiifamaniiru jedhan.
Kun qondaala fayyaa addunyaa lammii Itoophiyaa ta'an kanaaf milkaa'ina guddaadha.
Dr Teedroos waan ijaan arganirraa ka'uun wayita dhaamsa dabarsan ''buufanni xiyyaaraa faayidaa uummataaf oolu eegamuu qaba. An achi jiraadhus dhiisus,'' jedhan.
Achi jiraachuunsaanii homaa waan jijjiiru yookiin waan addaa akka hin taane ibsan.
''Waahilli kiyya tokko carraa xiqqoodhaan du'arraa akka oole natti hime. Anis lubbuuma tokkon qaba. Kanaafuu warra rakkoo hamaa akkasii keessa jiran anis miirasaanii nan qooddadha. Taateen kun yoo xiqqaate miirasaanii akkan qooddadhu na taasiseera.''
''Waa'een addunyaa keenyaa kun baayyee na yaaddessa, eessatti akka deemaa jirru,'' jedhan Dr Teedroos.
Kanaafuu aanga'oonni addunyaa waraana kutaalee addunyaa garaagaraa irratti gaggeeffamaa jiru dhaabsisuuf waliin hojjechuu qabu dhaamsa jedhu dabarsaniiru.












