Tokkummaan dhaabbilee mormituu haalli Itoophiyaa 'hamaarraa gara baayyee hamaatti' adeeme jedhan

Paartilee Siyaasaa mormituu

Tokkummaa dhaabbilee siyaasaa mormituu Itoophiyaa haala qabatamaa Itoophiyaa gama hundaan jiru ilaalchisee ibsa baasaniin haalli biyyi keessa jirtu ''hamaarraa gara baayyee hamaatti adeemaa jira'' jedhan.

Tokkummaan Kookas jedhamu kan dhaabbilee akka KFO fi ABO dabalatee dhaabbilee jaha of keessaa qabu ibsa Mudde 19/2024 ibsa baasaniin ''haalli siyaasaa, dinagdee fi Hawaasummaa Itoophiyaa guyyaa guyyaan haala hamaarraa gara baayyee hamaatti'' adeemaa jira jedhan.

Mootummaan Badhaadhinaa siyaasni biyyattii kan hacuucuuf, qollifatuufi bittaa dhaaba tokko qofa jala akka galu gochuun dhaabbileen mormituu gahee irraa eegamu akka hin baane danqaa uumuu ibsichi eereera.

Gama diinagdeen biyyaas silaa misoomaaf osoo ooluu maluu waraanaafi nageenya eegsiisuurra akka oolu godhameera jedhan.

Qaalayinsi jireenya humna uummataan ol ta'ee roorroofi abdii kutannaan haala hamaa ta'een biyyaa baqachuun filannoo akka ta'u gochaa jira'' jedha ibsichi rakkoo gama dinagdeen uummatni keessa jira jedhu yoo ibsu.

Hawaasummaan hoji dhabdummaan, buqqaatiin, dhaabbileen hawaasummaa dadhabbiin... hojjettootnis roorroo keessaa erga galanii bubbulaniiru akka ibsa dhaabbalee kanaatti.

Dhaabni biyya bulchu uummata bu'ura amantiifi sabummun gargar qoodee walshakkuufi walitti bu'insaaf saaxiluun bitamaa ta'ee akka jiraatu gochuutti jira jechuunis himataniiru.

Dabaluunis uummata walitti bu'iinsaaf kakaasaa waayee haqa yeroo ce'umsaa, waraana kaahee marii nagaaf kutannoo osoo hin qabaatiin waayee marii biyyaalessaa haasa'aa jedhaniiru.

''Keessumaa naannoolee Oromiyaa, Amaaraa, Tigraay, Somaalee, Affaar, naannolee Kibbaa fi Bahatti waliin jireenya hawaasaa naga qabeessa ture'' dhaabni biyya bulchu jeequutti akka jiru ibsaniiru.

Mootummaan bu'aa siyaasaa yeroof wanta gochuutti jiru dhiisee...fakkeessuu keessaa bahee walatajjii siyaasaa biyyattii hunda hirmaachisaa gochuun waltajjii marii amanamaa, qaamolee walabaan durfamuuf haala akka mijeessu gaafataniiru.

Waraana babal'ataa jiru atattamaan akka dhaabatus waamicha godhaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Manni Maree dhaaba biyya bulchu dabalee dhaabbilee siyaasaa hundi miseensa itti ta'anii sirna paartii danuu jajjabeessuuf hundaa'e gaheesaa bahachuu caalatti bitamaa dhaaba biyya bulchuu ta'eera jechuunis komataniiru.

''Dhimma raawwachiisaa dhaaba biyya bulchuu ta'uun dhiibbaa guddaa jala galeera'' jechuun adeemsi kun akka sirratu waamichi Boordii Filannoof dhiyeessanii tures deebii dhabuu ibsaniiru.

Dhaabbilen siyaasaa kunniin qabxiilee ijoo rakkoon Itoophiyaa gama maraan hammachaa deemuusaa agarsiisa jedhan kan tarreessan yoo ta'u, seera ittiin bulmaata miidiyaalee fooyyessuu maqaa jedhuun yaaa bilisaan ibsachuu quucarsuun dhaabbilee laaffisuutti jira jechuun mootummaa komataniiru.

Sababa kanaatti ogeeyyiin miidiyaa, quuqamtootni mirgaa, aktivistootniifi namootni siyaasaa dararaa, hidhaa darbees baqaafi du'aaf saaxilamaa jiru jedhaniiru.

Dhimma haqa yeroo ce'uumsaa ilaalchiseee yaada kennaniin ammoo ''qindeessummaa moootummaatiin caasaan haqa yeroo ce'umsaa hundaa'u komishinoota amma dura hundaa'aniifibu'aafi gabaasa malee diigamaniin alatti fayidaa hin qabu'' jechuun adeemsichihunda hammataafi amanamaa akka ta'uu qabu gaafataniiru.

Gama kaaniin qaamoleen kabaja mirga namoomaafi ijaarsa sirna dimookrasii leellisan rakoo argaa jiraachuu kaasaniiru. hojjoottooni dhaabbilee kanaas hiraarfamaafi dararaa hanga du'aa gahu argaa jiraachuus ibsan.

Misoomni akka ta'utti hin karoorfamne lammiilee buqqaatiif saaxilaa jira jehcuunis hojiilee misooma amootummana hojjecha ajiruun rakkoo mudatu ibsaniiru.

Raakkoolee biyya keessatti dhaabni biyya bulchaa jiru raawwachaa jiruun cinaatti hariiroon biyyoota ollaa, gaanfa Afrikaa fi dippiloomasiin idil addunyaa tarsiimoo fagoo ilaaluurratti bu'uuramuu dhabuurraan qormaata keessa galeera jedhan.

''Mootummaan waraana akka meeshaa ittiin bituutti fayyadamuurra gara gaafatama mootumma deebi'ee biyyaafi uummata atattamaan badiirraa oolchuun waamicha yeroon hin kennamneefi'' jedha waamichi waliigaalaa dhaabbileen jahan waliin baasan.

Dhaabbileen siyaasaa kunniin Kongireesii Federaalawaa Oromoo, Adda Bilisummaa Oromoo, Paartii Dimookraataawaa Hibir Itoophiyaa, Sosochii Biyyaalessaa Walaayittaa, Madrakiifi EPRP.