Jawaar siyaasa Itoophiyaa, MM Abiy, Obbo Lammaafi karoora ofiirratti

Namni siyaasaa Jawaar Mohaammad bulchiinsa MM Abiy Ahimad abbaa irrummaan himate
Ibsa waa'ee suuraa, Namni siyaasaa Jawaar Mohaammad bulchiinsa MM Abiy Ahimad abbaa irrummaan himate
    • Barreessaa, Ameyu Etana
    • Gahee, BBC News Afaan Oromoo

Namni siyaasaa Obbo Jawaar Mohaammad mootummaan amma Itoophiyaa bulchaa jiru 'abbaa irreedha', akkasumas walitti bu'iinsa adeemaa jiru mariin furuu hin barbaadu jechuun himate.

Turtii addatti BBC waliin taasiseen, biyyi balaatti adeemaa jirti jechuun ''callisnee hin ilaallu'' jechuun dubbate.

Obbo Jawaar erga waggaa sadii dura ''dhiifamaan'' hidhaatii gadhiifameen booda gara caalu callisuufi gidduu dhaabatanii dubbachuurratti erga fuulleeffatee booda kana mootummaa cimsee qeeqaa jira.

Akkasumas, waa'ee Obbo Lammaa, siyaasa Itoophiyaa, dhimma KFO waliin qabu, yaaddoo, abdii fi dhimmoota kaan hedduurratti BBC waliin dubbate.

Obbo Jawaar turtii BBC waliin taasise keessatti nageenyi biyyaa boora'uuf, kufaatii dinagdeef, akkasumas daaqama siyaasaa Itoophiyaa keessatti mul'achaa jiruuf mootummaa himteera.

BBC'n himannaa Jawaar dhiheesserratti gama mootummaatiin deebii argachuuf Waajjira Ministira Muummee, Komininikeeshinii Federaalaa, Paartii Badhaadhinaafi kaanitti bilbiluus hin milkoofne.

BBC

Yeroo dheeraaf gidduu dhaabachuu kan fulleeffate ture Jawaar, dhiheenya kana mootummaa kallattiin qeeqaa jira.

Dubbachuu callisuus ''hirmaannaa cimaa godhaan ture,'' kan jedhu Jawaar, qaamota mootummaafi dippilomasii keessa dalagan waliin walqunnamaa akka jiru dubbate.

''Erga waliigaltee Piritoriyaatii hamma tokko abdiin ture. Amma garuu dhiheenya kana wanti argaa jiru gama nagaatti deebi'uuf [marii dhugaan furuuf] fedhiin akka hin jirre,'' hubachuu hime.

Aangawoota ''yeroo bitachuuf'' jiru jedheen gama mariitti akka deebi'an gochuuf ''gama hundaan dhiibbaa irratti godhuuf'' sosso'aan jira jedhe.

Akka nami siyaasaa paartii mormituu kuni jedhutti, walitti bu'iinsa Itoophiyaa keessa mariin furuuf ''kan rincicaa jiru mootummaadha.''

Haata'u malee, bulchiinsi MM Abiy Ahimad mariif karri isaa banaa ta'uufi walitti bu'iinsi biyya miidhaa akka jiru hima.

''Sirni kuni ummata kiyya fuudhee qilee akka hin seenne yaalaan jira. Diinummaa hin qabu, jibba irraa hin qabu'' jedha Jawaar.

Jireenya baqaarra jirtaa?

Bulchiinsa ADWUI sochii Qeerroon dhiibbaa uumuun aangoorraa buusuu keessatti 'qooda ijoo' kan qabu Jawaar, erga yeroo dhihootii biyya ollaa Itoophiyaa Keeniyaa keessa jiraataa jira.

Waggoota jaha dura yeroo biyyatti deebi'u 'reeffa kiyyatu Itoophiyaadhaa baha' erga jedhee booda maaliif biyya ollaa jiraachuu eegale?

''An ammallee jiraatuma Itoophiyaati. Garuu, Keeniyaarraan hojjedha,'' kan jedhu Jawaar, hojii hariiroo idil-addunyaa keessa jiruuf akka Naayiroobiin Finfinnee caalaa mijattuuf dubbate.

''Baqadheetii miti. Yeroo yeroon gara Finfinnee nan deddeebi'a. Maatiin kiyyas achi jiru…. Asitti sosocho'ee nama arguu nan danda'a. Finfinneetti sosocho'ee nama arguun baay'ee ulfaataa ture.

''Hojii kiyyaa,f akkasumas immoo sababa kiyyaan rakkoon biraa akka hin uumamne jedheen biyya kana filadhe.''

Maaltu danqe?

Naannoo Oromiyaa keessatti walitti bu'iinsi humnoota mootummaafi hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) furmaata waaraa osoo hin argatiin waggaa jaha guuteera.

Marii marsaa lamaaf Taanzaaniyaatti taasifame keessatti qaamaanis hirmaachuu baatu ''haala mijeessuu keessatti'' hirmaatuu kan himu Jawaar, mariin dhibuuf mootummaa himate.

''Wal shakkiifi wal hubannaa dhabuun gama lachuunu jira. Dhiheenya garuu marsaa sadaffaa akka godhamuuf yaaliin dippilomaatotaa bal'aan godhamaa ture.

''Yaalii sana kan dide warra Waraana Bilisummaa Oromoo miti, mootummaadha. Sobuun hin barbaachisu,'' jedhe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gama kaaniin, ''humnoonni Naannoo Amaaraa araaraaf qophii qabna,'' jechuu isaaniis hima.

''Kan duuba deebi'ee 'chirchaaroodhaan' tokko tokkoon bitachuu barbaadu kan araara dhugaatiif gad-taa'uu hin barbaanne mootummaadha.''

Haa ]ta'u malee, qondaala hidhattoota Faannoo keessaa tokko kana dura BBC'n dubbisee mariif akka hin teenye himanii turan.

''Garaagarummaa siyaasaatu gara qawweetti nama geesse. Qawween ummata keessaa baatee nageenyi akka uumamu kan barbaadamu taate sababni bu'uuraa lolatti nu geesse suni furamuu qaba.

''Mootummaan kana furuu hin barbaadu. Mootummaan cinaadhaaf aangoo kennee, cinaadhaaf maallaqa kennee kaan sossobee, kaan dirqisiisee harka kennisiisuu barbaada,'' jechuun hime.

Waliigaltee bara 2018 mootummaan ABO waliin Asmaraatti waliigalan irratti dhibdee qaamota lamaan gidduu uumameen walitti bu'iinsi Naannoo Oromiyaa keessa babal'atuu itti fufeera.

Mootummaan kana dura irra-deddeebiin oppireeshinii waraanaa gaggeessuun yeroo gabaabaa keessatti akka balleessu ibsus, faallaan yeroo babal'atan mul'ata.

Gidduutti Obbo Jawaar Mohaammad dabalatee hirmaannaa Abbootii Gadaan hidhattooti dhibbaan lakkaa'aman gara nagaatti deebi'aniiru.

Hidhattooti Waraana Bilisummaa Oromoo gariin karaa nagaan sosso'uuf dhihoo mootummaa waliin waliigaltee raawwachuunis galaa jiru.

Hidhattooti kuni 'dararaa ummanni keessa jiru ilaalanii' akka galan dubbataniiru. Adeemsi akkanaa nagaa buusuu isaarratti kanneen shakkii qaban keessaa tokko Jawaaridha.

''Ani Oromiyaa, Itoophiyaa keessatti namni tokko qawwee qabatee bosona keessatti akka hafu hin barbaadu. Osoo hunduu galeen barbaada,'' jechuun hima.

Ta'us, inniis furmaata waaraa hin finne, xinxaltoonni akka jedhanitti. Hidhattooti mootummaa waliin waliigaluun ''gaariidha'' kan jedhu Jawaar garuu rakkoo Oromiyaa keessaa fura jedhee garuu hin yaadu.

''Wanti amma galchaa jiran maaliif bu'aa buusuu hin danda'u maaliifan jedhe. Ani godheera bar. Bara 2019 waraana Marroo jala ture keessaa walakkaa ol galchine.

''Gaafa sanas daba mootummaatiin, akkasumas shakkii warra Adda Bilisummaa Oromoo qabuun waraanni hammi tokko hafe. Waraanni suni dacha dachaan babal'ate.''

Jawaar akka jedhutti, dhibdeen ODP fi ABO madda ijoo rakkoo nageenyaa Oromiyaati

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Jawaar akka jedhutti, dhibdeen ODP fi ABO madda ijoo rakkoo nageenyaa Oromiyaati

Aangawooti mootummaa ammoo gama isaaniin rakkoo ummanni keessa jiruuf faayidaa akka qabuufi kaanis kan fedhii qaban simachuuf akka fedhan himu. Jawaar garuu kuni furmaata waaraa miti jedha.

''Dargaggeessa kana kan dhiibee galche siyaasa Marrootii miti. Waan Marroon ilaalcha siyaasaa addaa qabaateefi miti.

''Ajjeechaa, hidhaa, dhiibbaa bulchiinsi Oromiyaafi Federaalaa Itoophiyaa irraan gahutu dargaggeessa bosona galche.

''Dargaggeessi kuni bosonaa akka galu kan biraammoo deebi'ee akka hin seenne kan barbaadamu yoo taate rakkoo siyaasaa jalqabumaa lola seensisan furuun dirqama ta'a.''

Durumaa Naannoo Oromiyaa bakka dhaloota bulchaa Itoophiyaa taateef ka'umsi mootummaan himuufi paartileen mormituu himan wal faallessa.

Mootummaan erga bulchiinsi MM Abiy aangotti bahe booda, paartileen mormituu karaa qaxxaamuraan aangoo koruu fedhan jedhee himata. Jawaar immoo sababoota lama eera.

''Rakkoo kana kan uume wal dhibdee Adda Bilisummaa Oromootiifi OPDO (ODP kan booda Badhaadhinatti jijjiirame) dha.

''Lammaffaa, murtii Abiy Ahimad abbaa irree ta'uudhaaf dirree siyaasaa biyyattii dhiphisetu kanatti nu fide.''

''Kanaaf, dirree siyaasaa bal'isuu, marii araaraa, rakkoolee siyaasaa mariidhaan [political bargain] godhanii yoo kan hin furiin taate kan har'a bosona jiru yoo gale boru dachaa dachaadhaan gala jechuudha.

''Har'a osoo Marroonuu gale Oromiyaa keessa nageenyi bu'uu hin danda'u hamma wal dhibdeen siyaasaa bosona nama galchu kuni furmaata hin argatiinitti.''

Filannoo biyyaalessaa jahaffaa irratti paartileen mormituu Naannoo Oromiyaa ''dhiibamne'' jechuun hin hirmaanne. Oromiyaa keessa dura aantummaan paartii biyya bulchutu dorgome.

'Gamaa gamana harkisne'

Bulchiinsi MM Abiy akkuma aangotti dhufeen paartileen Oromoo paartii namoota siyaasaa biyyatti harkaa qaban waliin gurmuu 'Gaaddisa Hooggansa Oromoo' hundeessanii ture.

Ta'us, fulla'uu hin dandeenye. Milkaa'uu dhabuu isaaf qaamoleen lamaan wal himatu.

''Akki nuti yaadaa turreefi Abiy fa'i yaadaa turan gargari,'' kan jedhu Jawaar, kufaatii ADWUI booda ''wal tumsinee, wal hubannee, wal obsinee biyya gara dimookiraasiitti ceessisna hawwii jedhu qabna turre.

''Isaan garuu karoora biraa qabaachaa turan... Adaadumaan abbaa irrummaa cimsachaa deeman.

''..Nutimmoo hamma tokko dhiibbaa irratti goonee daandii baaburaa gara dimookiraasii geessurraa akka hin baaneef shaakalaa turre.

''Deemnee deemne kan yaalle sunis wanti hin ta'iinif maali; nuyi gamana harkifne isaan gamana harkisani Gaaddisnillee bifa saniin laamsha'uu danda'e.''

Aangawootni mootummaa kana dura BBC'n dubbise dirree dimookiraasii bal'atetti mormitoonni fayyadamuu didanii aangoo qabachuuf gaman jechuun qeequ.

Himannaa kana garuu Jawaar ni waakkata. Kallattii gara fuulduraa maal ta'uu qaba kan jedhuurratti dhibdeen dhalatuu hima.

Kamtu cima?

Naannooleen lamaan bara 2018 jijjiiramni siyaasaa Itoophiyaa keessa akka dhufuuf qooda olaanaa bahan keessaa ijoon Naannoo Oromiyaafi Naannoo Amaaraadha.

Haata'u malee, naannoleen lamaan yeroo ammaa walitti bu'iinsa keessa jiru. Rakkooleen naannoleen lamaan keessa jiru gargaris ta'u kamtu furuuf cimaadha?

''Furuudhaaf fedhiin jiraannaan furuudhaaf laafaadha. Biyti suni carraa guddaa qabdi. Tokkoffaa, namni lola ifatee jira,'' jechuun lolli kan duriirraa gara giddugalaatti dhufuu hima.

''Lammaffaa, riphee loltoonnis bifa yaadan saniin deemuu akka hin dandeenye hubatanii jiran.

''Kan biraa hawaasni addunyaa, biyyoonni ollaas ta'e kan fagoo jiran biyyi kuni addaan faca'uu heddi jedhanii sodaa guddaa keessa waan jiraniif bifa danda'ame hundaan araarri akka dhufu nu tumsuuf qophiidha.''

Obbo Iskindir Naggaa bara bulchiinsa MM Abiy mana hidhaatii hiikamanii paartii hundeessaniis boodarra qabsoo hidhannoo seenaniiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Obbo Iskindir Naggaa bara bulchiinsa MM Abiy mana hidhaatii hiikamanii paartii hundeessaniis boodarra qabsoo hidhannoo seenaniiru

Haata'u malee, ''nagayaa kan hin barbaanne mootummaadha'' jechuun himata. ''Kanammoo waan isaan mormuuf miti, waanin itti dhihaayeedhee irraa dhagahe, hojii isaanii guyya guyyaan waan hordofeefi.''

Sababni kanaa immoo ''of tuulummaa'' aangoo qabachuun dhufe akka ta'e hima.

''Ijoolleen keenya aangoorra jirtu oftuulummaa keessa dabartee of wallaaltee jirti. Biyyi harkatti facaatee dhumtee jirti.''

Aangawoonni olaanoo ''hoggaa nabira dhufan ni hamatani [MM Abiyyiin]. Hoggaa isa bira dhaqan 'Kabajamoo Muummichaa' jedhuun,'' jechuun hima.

Mootummaa qeequun kan beekamu Jawaar Mohaammad, aangawoonni ''araaratti haa deemnu kan jedhu yoo taate …aangoo dhabna, hin rakkanna,'' jedhanii yaadda'u jechuunis dubbata.

Himannaa kanaaf BBC'n deebii argatuus baatu, Komishiniin Marii Biyyaalessaa dhibdee biyyattii furuuf kaayyeffate dalagaarra jira.

Ta'us, hundeeffamaafi adeemsa isaarratti paartileen mormituu qeeqaafi komii irraa qabu. KFO, ABO dabalatee keessaa hafaniiru.

Jawaaris galma isaa ni gaha jedhee akka hin amanne dubbata.

Eessa jirtu?

Paartileen mormituu yeroo eeganii ibsa baasuu malee sochiirra hin jiran jedhamanii qeeqamu. Paartileen immoo dirreen dimookiraasii dhiphachuufi mootummaa dararaan himatu.

Mootummaa amma aangorra jiru ajjeechaa namoota siyaasaan kan himatu Jawaar, sababa sochiin isaanii laafeef jedhe akkanaan hima.

''Sirna akkasii keessatti sochii siyaasa godha jechuun lubbuu namaatti taphachuudha. … Kanaaf, sochiin paartii hin jirre malee paartileen jajjaboo jiru, caasaas qabu.

''Caasaa sana garuu lafa jala hojjenna malee ifatti baasnee kan hojjannu yoo taate ilma namaa ficcisiisuudha.''

''Abiy Ahimad dhiiga isaa keessa wanti dimookiraasii jedhamu hin jiru,'' kan jedhu Jawaar, kana akkuma MM Abiy aangotti dhufaniin qaamaan Ameerikaatti yeroo wal argan hubachuu dubbata.

Namoonni siyaasaa lamaan ilaalcha siyaasaa gargar ta'e qabu. Booda garuu Jawaar akkuma innuu himetti, 'mootummaa kana kursii jalatti eeguu qabna, bilisoomneerras' jechaa ture.

''Ejjennoon kiyya akkuma jirutti ta'ee hamma danda'een haa tumsu'' jedhee sosso'aa akka ture ibse. ''Hammuma yaalaa deemeen garuu milkaa'uu hin dandeenye.''

Itoophiyaa bulchuu yaaddaa?

Jawaar gaaffii kanaaf deebii kennuu dura fuula gudunfatee yaade. ''Yoo jara kanarraa hafte,'' jechuun deebise. ''Hamman danda'een biyyi kuni sirna kanarraa akka haftuuf,'' akka hojjetu dubbate.

Adeemsi MM Abiy biyya balaarra buusaa jira jechuun Jawaar himatus, bulchiinsi MM Abiy Ahimad garuu biyyi gara 'badhaadhina hunda galeessatti' imalaa akka jiru ibsa.

Mootummaan pirojektoota yeroon fixuu, magaalota misoomsuu, misooma qamadii bonaafi kaan eeruun jiruun ummataa akka fooyya'uf dalagaa akka jiru hima.

Faallaan Jawaar Mohaammad ''dinagdeen Itoophiyaa ni laamsha'e'' jedhee amana.

Aangawoota mootummaa waliin yeroo dhimma diinagdee dubbatu ''akka waan dammaafi aannan mana hunda keessa yaa'aa jiru'' akka itti dubbatan hime.

Ummati garuu qaala'insa jireenyaan hubamuu taajjabuu hima. ''Kuni baay'ee sodaachisaadha,'' jechuun aangawooti haala jiru hubataa hin jiran jechuun qeeqa.

Magaalaan Finfinnee misooma bulchiinsa MM Abiy jalatti taasifameen bareedduus mootummaan rakkoo ijoo ummataarratti hin xiyyeeffanne jedhu qeeqxonni

Madda suuraa, EDUARDO SOTERAS

Ibsa waa'ee suuraa, Magaalaan Finfinnee misooma bulchiinsa MM Abiy jalatti taasifameen bareedduus mootummaan rakkoo ijoo ummataarratti hin xiyyeeffanne jedhu qeeqxonni

''Biyti harkatti dhumte dhumtee Finfinneetti galte. Humni mootummaa tokkoo kan safaramu lafa biyyattii keessaa hangam'' akka to'atuufi humna biroo hidhatee socho'u hanqisuun akka ta'e dubbata.

''Harka isaaniitii baatee jirti biyti. Garuu harka keenya jalaa bahaa jirti jedhanii muddamanii sirreessuuf osoo deemanii yeroo kennitaaf.

''Akka waan tokko hin uumamnetti, bahaa dhiha nagaa qabdutti haasa'ani. …Qilee dhaquun jara kanaa hin oolamu. Nu hunda fuudhanii qilee akka hin dhaqne waan danda'ame gochuun barbaachisaadha.''

Kanaaf, akka kana dura mormii ummataan mootummaarratti dhiibbaa uumuuf yaada qabdaa?

''Ani sirna mancaasutti (warraaqsatti) hin amanu. Riifoormiitti nan amana. ..Sirna abbaa irree jalattimmoo gateettii ofiirra kaa'anii jilbeeffachuuttis hin amanu…

''Kuni mootummaadhaaf waamicha. Karaan amma deemaa jiran kuni Itoophiyaas kasaarsa, isaaniis kasaarsa. Oromoottimmoo diina baay'isaa jiran.''

''Kaleessa Itoophiyaan Oromoof hin taane namuufuu hin taatu jechaa turre. Har'ammoo Itoophiyaan Amaaraaf, Tigreef hin taane Oromoof hin taatu,'' jechuun Itoophiyaa hundaaf taatu barbaanna jedhe.

''Maqaa Oromootiin abbaan fedhe ol bahee saba biraa akka cunqursu hin barbaannu. Maaliifi nutuu akkas ta'aa ture kaleessa.''

'Filannoon hin taasifamu'

Filannoon Biyyaalessaa Itoophiyaa torbaffaa waggaa dhufu ni taasifama jedhamee eegama. Paartiin KFO kan Jawaar Mohaammad Itti-aanaa ta'uun tajaajilu filannoo darbeerratti hin hirmaanne ture.

Isa waggaa dhufu taasifamuurratti ni hirmaattaa?

''Achiin nuu haa gahu. Haala qabatamaa amma Itoophiyaa keessa jiruun filannoo godhuun hin danda'amu. Dachiin biyyattii 70% ol to'annaa mootummaa jala hin jiru,'' jechuun hima.

''Lafa mootummaan hin to'anne keessatti filannoo gochuu hin dandeessu. … Filannoon tokko seeraan fudhatama kan qabaatu bakka namni irraa filamu 2/3ffaa keessatti filannoon gaggeeffamuu danda'uu qaba.''

''Haala ammaatiin 30% keessattuu filannoo gaggeessuun hin danda'amu. Oromiyaafi Amaara, Kibba keessattis jechuudha. Filannoon amma Itoophiyaaf waan dursa kennamuuf miti.''

Akka Jawaar jedhutti, sababa rakkoo nageenyaan filannoo adeemsisuun rakkoo ta'uu mala. Filannoo waggaa sadii duraa irrattis rakkoon nageenyaa dhiibbaa geessisee ture.

''Mataa jirutti sabbata marani. Yoo mataa hin jirre ruufa hin marani. Itoophiyaan mootummaa harkaa hin qabne keessatti filannoo gaggeessuun hin danda'amu. Dura nagaa buusuu qabna.''

Waa'ee filannoo gaggeessuu ammatti gama mootummaa wanti jedhame jiraachuu baatu, filannoon duraa akka achi darbu taasifamuun rakkoo siyaasaa cimaa uumee ture.

'MM Abiy abbaa irreedha'

Jawaar turtii addatti BBC waliin taasiseen yeroo ammaa ummata Oromoo gidduu garaagarummaa ijoo lamatu jira jechuun ibse.

''Warra sirna abbaa irree jala hiriirree biyya saamna jedhee Oromoofi Itoophiyaa salphisaa jiruufi warra sirna san didu gidduu garaagarummaan jiru.''

Jawaar bulchiinsa Ministira Muummee Abiy Ahimad abbaa irrummaan himateera.

Dhimma kana akka ibsu yeroo gaafatametti bulchiinsa amma jiru ‚''abbaa irree laamshoftuu (anocracy)'' jechuun ibse.

Kanas yoo ibsu, qaama lafaa biyyattii keessaa hammi mootummaan to'ate ''baay'ee xiqqaadha, dinagdeen baay'ee laamsha'aadha'' jechuun tarreessuuf yaale.

Bulchiinsi MM Abiy immoo faallaan paartileen 'keessoo isaanii keessatti dimookiraasii hin beekne biyyattii dimookiraasii fidna jedhanii yaalu' jechuun paartilee qeeqanii beeku.

'Ummanni riphee loltoota hin deeggaru'

Yeroo ammaa Naannoo Oromiyaafi Amaaraa keessatti riphee loltoonni maqaa sabaa dhahatan sochii taasisaa jiru. Galmi isaaniis mootummaa haaraa ijaaruu ta'uu himu.

Ministirri Muummee Abiy Ahimad osoo hidhattooti ''waggaa kuma tokkoyyuu nu lolanii nu mo'uu hin danda'an'' jechuun dubbataniiru.

Jawaar dubbii isaa keessatti lakkoofsi hidhattoota baay'ee ta'uu isaa inumaa kan 'mootummaa caala' jechuunis dubbate. BBC'n dhimma kana addatti hin mirkaneeffanne.

Hidhattooti humnoota mootummaa lolaa jiran hangam mootummaa yaaddessu? kan jedhuuf deebii kenneera.

''Ummanni riphee loltoota hin deeggaru. Ummanni lola ifateera. Ummanni kan Oromiyaas, kan Amaaraas, kan Tigraayis lola ifateera.

''Riphee loltoonni kuni ummata keessa jiru. Dhahannaa onnee ummataa kana ni beekan. Kanaafin akka isaan fedhanitti deemaa hin jiru. Adeemsi riphee lolaa duriifi amma adda adda,'' jedha.

Akka durii namoonni muraasni bosona seenanii suuta baay'achaa deeman osoo hin taane ''sochii ummataatu gara fincilaatti jijjiiramee riphee loltoonni bifa hin waalta'iniin deemu.

''Kanaaf, akka fedhan sanitti deemuun isaan rakkisa.'' Hidhattooti garuu faallaa kanaan deeggarsa ummataa akka qaban himu.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa hidhattoota nagaan galan ummati simachuu dubbate

Madda suuraa, EBC

Ibsa waa'ee suuraa, Mootummaan Naannoo Oromiyaa hidhattoota nagaan galan ummati simachuu dubbate

Naannolee lamaan keessa walitti bu'iinsa adeemaa jiruun ummati rakkoo guddaaf saaxilamuu BBC'n jiraattotarraa yeroo garagaraatti odeeffateera.

Keessumaa nama butanii qarshii gaafachuun, dararuun hidhattooti ni himatamu. Garuu isaan ni waakkatu.

Haata'u malee, booda kana qaamoleen mootummaas nama dirqiin qabanii gadhiisuuf qarshii akka gaafatan Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa ibseera.

Sababa kanaaf, ''Kan butu lachuudha'' jedha Jawaar. ''Qaamni mootummaallee nama saama, riphee lolaanis nama saama…

''Sirni mootummaa hedduu waan laamshoftee jirtuuf kan biraa dhiisi caasaan mootummaatuu to'annoo mootummaatii ala bahee saamicharratti bobba'aa jira.''

Jawaar galiin isaa maali?

Namoonni siyaasaa, keessumaa paartii biyya bulchu keessa jiran, akkasumas qeeqxonni Jawaar ''daldala keessa jira'' jechuun qeequ. Jawaar garuu maaliin jiraata? Galiin isaa maali?

''Hojiin qaba garuu yoon daldale maali rakkoon isaa? Namni siyaasaa hattuu qofa ta'uu qaba jechuudhaa? Yeroo hedduun dhagaha waan akkanaa kana.

''Namni siyaasaa yoo hojjete, yoo dalagate maali rakkoon isaa? Ani dalagachuu hin danda'umoo? Fayyaa, beekumsaafi barnoota nan qaba. Yoon daldale maali rakkoon isaa?

''…Inumaa rakkoon biyya sana keessa jiru namni hannaaf siyaasatti seena, of danda'ee hin hojjetu. Osoon beekee daldale ittiniinan gammada. Daldala keessa hin jiru garuu hojii gaariin qaba.

''Hojii sana nan hojjedha. Yoo immoo Rabbii naa qajeelchee carraan daldalaa dhuftemmoo sirriittin daldala.'' Jawaar hojii itti jiru garuu hin dubbanne.

KFO fi Jawaar

Jawaar dura taa'aa I/Aanaa Paartii Kongirasii Federaalawaa Oromooti. Dhaabi erga biyya seene itti makame kana keessatti garuu hariiroon inni qabu laaffataa adeemuu himama.

BBC'n qondaala olaanaa dhaabichaarraa akka kana dura hubatetti, hariiroon isaa akka laaffateedha. Kora bakka Obbo Baqqala Garbaa filuuf Adoolessa keessa ta'ameerrattis hin hirmaanne.

Dhimma kana kan gaafatame Jawaar waakkateera. ''Hariiroon kiyya jabaadha. Garuu biyyakoo keessa waan hin jirreef walgahii idilee yeroo hundumaa godhamu hirmaachaa hin jiru.

''Sanii alatti waan narraa eegamu gochaan jira. Hariiroo laafe kan jedhu sirrii miti. Hariiroo gaarii qabna. Gaafa hojiin hojjetamuu qabutti ni hojjenna.''

Jawaar dhimmoota garagaraarratti yaada isaa yeroo ibsu, tokko tokko ejjennoo dhaaba isaas kan faallessan ni mul'atu.

Ammallee 'Oromo first'?

Jawaar Mohaammad waggoota sagal dura dubbii miidiyaarratti 'I'm Oromo first' [Oromootu natti aana] jedhee dubbateen daran beekamuu eegale.

Booda kanammoo akka qaama araarsituu, akka jaarsa gidduu dubbatuu mul'isaa ture. Ammas ilaalchi isaa akkami?

''Oromoon akka Oromootti waan cunqurfameef akka Oromootti qabsaa'e. Itoophiyaa waan jibbeef miti… Hara'ammoo rorroo kalee ofirraa kaafnee roorroo haaraatu jira,'' jedha ejjennoo isaa yoo ibsu.

''Kan ammaa kanammoo kan hammeessu kalee gara tokkoon dhiibamaa turre. Har'a gama lamaan miidhamaa jira Oromoon,'' jechuun ibsa.

Jawaar Mohaammad mormii ummataa bulchiinsa MM Abiy Ahimad aangotti fide qindeessuu keessatti maqaan isaa dura aantummaan ni ka'a

Madda suuraa, MAHEDER HAILESELASSIE TADESE

Ibsa waa'ee suuraa, Jawaar Mohaammad mormii ummataa bulchiinsa MM Abiy Ahimad aangotti fide qindeessuu keessatti maqaan isaa dura aantummaan ni ka'a

Yeroo ammaa immoo kanneen ummata Oromoo keessaa bahaniifi gateettii dargaggoota Oromoon aangoo qabatan hacuuccaan himata.

Gama kaaniin, badii bulchiinsi amma jiru kan inni ''murna'' jedhee waamu badii saboota kaanirratti raawwate jedheen ''Oromoon abaaramaa, balaaleeffatamaa jira,'' jedha.

''Kanaaf, ilaalchi kiyya Itoophiyaa Oromoofis, saba biraafis haqa eegdee wal taasiftee, dimookiraatawaa taate ijaaruurratti fulleeffadhee hojjedha.''

Du'a Hacaaluu

Ajjeechaan Artist Hacaaluu Hundeessaa irratti raawwatame hordofee namoota hedduu to'annoo seeraa jala oolan keessaa tokko Jawaar Mohaammadidha.

Ajjeechaa weellisaa maqaa guddaa qabu kanaaf manni murtii namoota sadii yakkaan itti mureera. Ha ta'u malee, haati warraa isaa haqa akka hin arganne irra deddeebiin dubbataa turte.

''Hamman hubadhu kitaaba keessa barreesseen jira. Odeeffannoo kan ragaa itti hin qabne hin barreessine. Du'i Hacaaluu ni qoratama. Har'as ta'uu baatu boru ni qoratama.

''Dhugaan immoo ni baha. Gaafa tokko garuu qaamni walabaa ta'e dhaabbatee,'' akka qoratamu hime.

Jawaar kitaaba haaraa 'Hin Gaabbu' jedhe keessatti waa'ee kanaa katabuu hime.

''Wanti an beeku garuu erga gurbaan ajjeefamerraa kaasee qaamni mootummaa dhugaan akka hin baanef dhodhoysaa hedduu godhaa akka ture ifa,'' jechuun himateera.

'Laaptoppii'

Jawaar erga biyya alaatii biyyatti deebi'ee booda sagantaa Galma Barkumee Finfinnee qophaa'erratti kompiitara harkaa ittiin mormii gaggeessaa ture jedhe Obbo Lammaatti kenneera.

Obbo Lammaa Magarsaan yeroos Pirezidantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa turan. Mootummaa haaraa aangotti akka dhufu kanneen qooda olaanaa bahan keessaa akka ta'anis himama.

Haata'u malee, akkaataa hundeeffama paartii MM Abiy Ahimad walqabatee bulchaa Itoophiyaa waliin wal dhabanii yeroo ammaa bakki jiran ifatti hin beekamu.

Waa'ee laap tooppii kanaa kan gaafatame Jawaar ''dubbiin laaptoppii tuni narraa hin haftu,'' jedhee kolfe.

''Yeroo sana na sodaatu turan. Akka biyyatti hin galle jaarsota natti ergu turan. Waanuma biyya dhufee aangoo irraa fudhadhu itti fakkaata ture.

''Akka aangoo hin barbaanne, akka isaan tumsuu hedu hubachiisuuf laaptoppii sana kanan kenne,'' jechuun ibse.

Laaptoppiin suni kompiitara ittiin miidiyaa hawaasummaa gubbaa itti katabaa ture.

Obbo Lammaan eessa jiru?

Gama kaaniin Obbo Lammaa Magarsaa waliin quba yoo walqaba ta'es Jawaar gaafatameera.

''Fayyaa akka qabu, nagaa akka qabu Awurooppaa akka jiru nan beeka. Darbee darbee wal quba qabna,'' jechuun hime.

Kitaaba Jawaar 'Hin Gaabbu' jedhee katabe keessatti dhimmi Obbo Lammaas akka katabamee jiru hime.

''Lammaa deeggaruu kiyyatti hin gaabbu. Akka Oromoon barbaade dhumarra godhuu baatus,'' jechuun sirna amma aangorra jiru ummata miidhuun himachuun keessaa bahuu isaaniitti akka jajuun dubbate.

Obbo Lammaa Magarsaan bulchaa duraanii Mootummaa Naannoo Oromiyaadha

Madda suuraa, OPDO - Official

Ibsa waa'ee suuraa, Obbo Lammaa Magarsaan bulchaa duraanii Mootummaa Naannoo Oromiyaadha

''Wantiin hin gaabbine keessaa tokko gurbaa sani [Obbo Lammaa] deeggaruukooti. Nama gaariidha.''

Obbo Lammaafi MM Abiy Ahimad namoota walirraa adda hin baaneefi waliin mootummaan haaraa aangootti akka bahu dalagaa turanidha.

Obbo Lammaan akkuma MM Abiy deeggarsa salphaa hin jedhamne namoota qaban keessaa tokkoos turan.

Yeroo xumuraaf erga miidiyaatti dubbatanii waggaa afur ta'eera. Yeroo ammaa ejjennoon siyaasaa isaan qaban hin beekamu.

Furmaatni maali?

Jawaar waa'ee siyaasa Itoophiyaa rakkoo danuu hime. Furmaanni isaa maali?

''Jalqaba karaan deemamaa jiru qileetti nu galchee akka jiru balaa hamaa keessa galchee akka jiru amanuu gaafata. … Itoophiyaan karaa sirriirra hin jirtu. Karaa balaatti geessurra jirti.

''Abiy fi jarri isa bira jiran kana amananii fudhatuu qabani. Haalli Oromiyaa, Amaaraafi Tigraay keessa jiru harka mootummaa ala baheera. Kuni araara gaafata….

''Humnoota hidhatanii sosso'an amansiisuun ulfaataa miti nagayaaf… Tarsiimoo isaan hordofan, ilaalcha isaan qaban irratti waliigaluu dadhabne malee biyya akka diigamtu fedhii hin qaban.

''Ijoollee kana amansiisuudhaaf itti gaafatamummaa nan fudhadha. Kan Oromiyaa qofa osoo hin taane kan Amaaraas dabalatee,'' jedhe.

Kanaaf, falli ''garaagarummaa siyaasaa daandii siyaasaarratti furuudha malee Abiyyiifis biyyaafis yeroon saffisaa jira.''

'Callifnee hin ilaallu'

Jawaar imala gara Awurooppaatti taasisuun hawaasa achi jiru waliin 'qabsoo itti aanu irratti haasa'uufi' jechuun himeera. Maal jechuudha?

''Callifnee ilaaluu hin dandeenyu. Oolmaa ummata Oromoofi Itoophiyaatu nurra jira. Hoggansi Oromoo anarraa dabalatee callifnee ilaaluu hin dandeenyu,'' jechuun hime.

Erga biyya alaa dhaqe eegalee aadaa tokkon qabaachuu hima ''Yeroo yaadni tokko dhufu 'town hall' [marii galma keessaa] ummata wajjiin marii banaa nan godha.

''Yaada kiyya nan dhiheessa, gaaffiin hin dhufa. Yaada sana keessaa gabbifnee hojiitti seenna,'' jechuun deebise.

''Haalli amma Oromiyaafi Itoophiyaan itti deemtu haalli jarri maqaa keenyaan biyya ittiin deeman [bulchan] waara'aa miti, faayidaas hin buusu balaadha. Qabxii kana ummataa waliin mari'achuun barbaada.''

Gumaachi guddaa inni akka nama tokkotti ummata Oromoodhaaf godhe ''caba hamilee keessaa baasuudha,'' jechuun dubbate.

Bulchiinsi MM Abiy Ahimad walitti bu'iinsaafi rakkoo nageenyaan qoramaa jira

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Bulchiinsi MM Abiy Ahimad walitti bu'iinsaafi rakkoo nageenyaan qoramaa jira

Ta'us, abdii bara 2018 sabooti biroo Itoophiyaa kaan qaban eeruun bulchiinsi amma aangorra jiru ''Oromoorratti qaanii fidan'' jechuun himate.

Ta'us, bulchiinsa MM Abiy Ahimad 'aangotti fiduu keenyaan hin gaabbinu' kan jedhu Jawaar, ''jallaa ormaa kaafnee, jallaan keenya dhufe. Jallaa kana hin diriirsina yookiin karaarraa kaafna.''

Diriirsuun danda'amaa?

''Ni yaalla. Mukni yoggaa jallate ibidda keessa. Yookiin jallata yookiin caba. Jallatee garuu itti fufuu hin danda'u,'' jechuun hime.

Jawaar waggoota muraasa dura akka godhe qabsoo dargaggootaan mootummaa aangoorraa buusuuf yaadee?

''Wanti akkasii hin jiru. Amma haasaan barbaada. Bakka sana [mormii qindeessuu] hin geenye. Karaan qabsoo baay'eetu jira. Tooftaan haaraa baay'eetu jira…

''Akka Oromootti salphannee jirra. Ummata Itoophiyaa hanqanneerra. Ummata Oromoo qofa osoo hin ta'in ummata Gaanfa Afrikaa hanqanneerra. Ba'aa taaneerra.''

'Dogongora guddaatu hojjetame'

Itoophiyaan keessumaa gaaffii ulaa galaanaan walqabatee Somaaliyaa waliin muddama waggaa tokkoof ture keessa turte.

Itoophiyaan Ertiraa waliin waggoota 20 booda hariiroo tolfattuus yeroo ammaa haalli jiru akka durii akka hin taane xinxaltoonni himu.

Itoophiyaan Gaanfa Afrikaatti olaantummaafi dhageettii qabdu yeroo ammaa hin qabdu jedha Jawaar. ''Dippilomasiin Itoophiyaa du'eera,'' jechuunis qeeqa.

Itoophiyaan nagaa buusun beekamtu, yeroo ammaa madda yaaddoo Gaanfa Afrikaa taateetti jechuun dubbata.

''Keessatti wal nyaataa, ollaan immoo wallolaa jira,'' jechuun bulchiinsa MM Abiy qeeqa.

Jawaar Itoophiyaaf ulaan galaanaas ta'e humni galaanaa ni barbaachisa jedhee amana. Ta'us, bulchiinsi MM Abiy Ahimad ulaa galaanaa argachuuf ''humnaan deeme'' jechuun himata.

Itoophiyaafi Somaaliyaan muddama waggaa ture booda dhihoo waliigaltee raawwataniiru

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Itoophiyaafi Somaaliyaan muddama waggaa ture booda dhihoo waliigaltee raawwataniiru

Bulchitoota Itoophiyaan addatti MM Abiy siyaasa Somaaliyaa gidduu seenuu dhabuu isaanii ibsuun jajaa akka ture kan himu Jawaar, ta'us waliigalteen ulaa galaanaa ''akka tasaa'' itti seename jedha.

''Qophii malee, tarsiimoo malee, tumsa odoo hin ijaarratiin itti deemame. Bifa adda addaatiin balaaleeffannaa dippilomasii bahaa dhihaa Chaayinaafi Ameerikaatu wal ta'e.

''Qollifannaa dippilomasii keessa nu seensise. Dhiibbaan suni amma Abiy harka kennatee akka mallatteessu isa godhe. Amanamtummaan mootummaa Itoophiyaa baay'ee gadi bu'e.''

''Waan irraa baratamuu qabudha. Dogongora guddaatu hojjetame.''

Itoophiyaafi Somaaliyaan muddama waggaa tokkoof ture keessa erga turan booda dhihoo rakkoo isaanii furuuf waliigaluun isaanii ni yaadatama.

Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo hordofaa

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.

BBC Afaan Oromoo Facebook akkasumas Chaanaalii WhatsApp haaraa eegalleerratti hordofuu dandeessu.