Hidhattoonni kaan tibbana Oromiyaa keessaa kanneen galanirraa barachuu qabu - MM Abiy

Madda suuraa, EBC
Hidhattoonni walitti bu'iinsa keessa qooda fudhachaa jiran akka 'hidhattoota Oromiyaa keessaa' akka galan Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad waamicha dabarsan.
''Akkuma hidhattoonni Oromiyaatti waamicha nageenyaa fudhachuun galan kaanis nagaa Itoophiyaaf akka dhaabatan hidhattoota obbolaa keenya tahan hundaaf ergaan dabarsa'' jedhan.
Ministirri Muummee Abiy kana kan jedhan Guyyaa Sabaa fi Sablammootaa Itoophiyaa 19ffaa Naannoo Kibbaa magaalaa Aarbaa Mincitti kabajameerratti argamuuni.
Tibbana hidhattoonni gartuuwwan Waraana Bilisummaa Oromoo Mootummaa Naannoo Oromiyaa waliin waliigaltee raawwatan qabsoo nagaatti hirmaachuuf seenaa jiru.
MM Abiy nagaa hidhannee Itoophiyaa badhaate ijaaruu galma keenya jalqabaa godhannee hojjechuu qabna jedhan.
Itti dabaluun shira, dubbii fi waraana hiikkannee guddinaa fi badhaadhina Itoophiyaaf harka wal qabannee hojjechuu qabna jedhan.
Wal ajjeesurraa garagarummaa keenya marii nagaatiin furuu hidhattoota tibbana naannoo Oromiyaatii galan irraa barachuun danda'ama jedhan.
Jalqabbii gaariin kun Naannoo Oromiyaa fi Amaaraatti ''qabsoo hidhannoo fi wal ajjeesuutiin injifannoon argama jedhanii obbooloota amananiif barnoota guddaa kan tahudha'' jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kanneen Mootummaa Naannoo Oromiyaa waliin waliigaltee keeyyata 13 mallatteessan ajajaa duraanii WBO Zoonii Gidduugaleessaa Obbo Sanyii Nagaasaa fi qondaalota isaaniiti.
Kun erga mariin nagaa marsaa lama Taanzaaniyaatti jaarsummaa Ameerikaa, Noorweyii fi Keeniyaan gaggeefame milkii malee hafee waliigaltee dhagahamedha.
Haa tahu malee, Ajajaa WBO Marroo Dirribaa qaama waliigaltee kanaa keessa hin jiru.
Inumaayyuu sanyii Nagaasaafi Itti Aanaa isaa 'sababa rakkoo naamusaan kana dura miseensummaa keessaa kan gaggeeffamanidha' jechuun WBO'n himate.
''Waraanni keenya waliigalte jedhame kana fudhatee socho'e hin jiru. Warruma kana dura waraanicha irraa bahanidha'' jedhe gorsaa olaanaa Marroo Dirribaa, Jireenyaa Guddataa.
Xiinxaltoonni siyaasaa tokko tokko ammoo waliigalteen amma jedhame kun nageenya waaraa hin fidu jedhanii amanu.
UN keessatti waldhabdee hiikuu irratti waggoota 30 oliif kan hojjetan Obbo Baayisaa Waaqwoyyaa immoo ''hidhataan namni tokkuyyuu galuun nageenya fiduuf bu'aa guddaa qaba'' jedhan.
Haa tahu malee hidhattoonni bifa amma mul'atu kanaan simatamuun seera miti jedhu.
''Kaampiin qophaa'eefii yoo xiqqaate ji'a jahaa hanga waggaa tokkoo leenjii haaromsaa fudhachuu qabu.
''Sana booda gaafa achii bahan maal tahuu akka barbaadan gaafatamuun gara hojii adda addaatti bobbaafamuu qabu,'' jedhan.
''Hidhataan gaafa galu nama siyaasaa fi waraana waliin wal lolaa ture miti nama nagaa kaan waliiniyuu wal arguu hin qabu. Kun seera biyyi lafaa hidhattoota yeroo galchitu itti fayyadamtudha.''
Dabalataan qaama hidhatee Oromiyaa keessa socho'u hunda waliin osoo waliigalteerra hin gahiin nageenya waaraa fiduun ulfaataa tahuu himan.
Jiraattonni godinaalee Oromiyaa garagaraa lola mootummaafi hidhattota gidduu taasifamuun ajjeechaa, saamichaafi butamuu dabalatee rakkoo 'hamaa' keessa jiraachuu BBC'n gabaasaa tureera.
Garee hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo tibbana mootummaa wajjin waliigaluun araara buusan ilaalchisee jiraattonni yaadasaanii BBCf qoodaniiru.
Jiraataan magaalaa Walisoo BBC'n dubbiseefi nageenya isaaniif jechaa maqaan hin eeramne garee hidhattootaa fi mootummaa gidduu waliigalteen raawwachuun booda hidhattoonni gara magaalaa Walisoo galuu himaniiru.
Hidhattoonni kunneen yeroo seenanitti, ''dargaggeessi, jaarsi, jaartiin namoonni magaalicha keessa jiraatan hunduu karaatti bahanii simannaa taasisaafi turani, miira gammachuuti isaan keessa ture,'' jedhan.
Hidhattoonnis qawwee isaanii qabatanii akka galan himuun, ''konkolaataadhaan asiifi achi adeemaa gammachuu isaanii ibsachuuf dhukaasaa turan,'' jedhu jiraataan kuni.
Jiraataan yeroo hidhattoonni kunneen galan ijaan argan lakkoofsi isaanii tilmaamaan 'mana dhibbaa keessa tahu' jedhaniiru.
Hidhattoonni galuu isaaniitiin hawaasni ''gammachuu guddaa qaba sababiinsaa jiraataan fira baadiyyaarraa qabu dhaqee awwaaluullee hin danda'u ture, sochiin daangeffamaa ture.
''Gammachuu guddaa qaba, nama mormii agarsiisu tokkollee ani hin argine,'' jechuun simannaa hawaasaa ibsan.
Jiraataan biraa magaalaa Amboo irraa BBC'n dubbises hidhattoonni gaafa Roobii darbe konkolaataan gara magaalittii akka galaa turan ijaan arguu himan.












