Waliigaltee mootummaafi hidhattoota WBO irratti jiraattonni maal jedhu?

Hidhattoota WBO galaa jiran

Madda suuraa, Oromia President Office

Mootummaan Naannoo Oromiyaa garee hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) wajjin waliigatee araaraa mallatteessuun booda hidhannoo qabatanii galuun gabaafameera.

Finfinnee dabalatee bakkeewwan Oromiyaa garagaraa keessatti hidhattoonni kunneen simannaan taasifamaafii jira.

Jiraattonni godinaalee Oromiyaa garagaraa lola mootummaafi hidhattota gidduu taasifamuun ajjeechaa, saamichaafi butamuu dabalatee rakkoo 'hamaa' keessa jiraachuu BBC'n gabaasaa tureera.

Garee hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo tibbana mootummaa wajjin waliigaluun araara buusan ilaalchisee jiraattonni yaadasaanii BBCf qoodaniiru.

Jiraataan magaalaa Walisoo BBC'n dubbiseefi nageenya isaaniif jechaa maqaan hin eeramne garee hidhattootaa fi mootummaa gidduu waliigalteen raawwachuun booda hidhattoonni gara magaalaa Walisoo galuu himaniiru.

Jiraataan kuni,''Roobii kaleessaa Waraanni Bilisummaa Oromoo naannoo Ammayyaa fi Cittuu waaree booda sa'atii 11:00 keessa gara magaalaa Walisoo seenaa ture,'' jedhan.

Hidhattoonni kunneen yeroo seenanitti, ''dargaggeessi, jaarsi, jaartiin namoonni magaalicha keessa jiraatan hunduu karaatti bahanii simannaa taasisaafi turani, miira gammachuuti isaan keessa ture,'' jedhan.

Hidhattoonnis qawwee isaanii qabatanii akka galan himuun, ''konkolaataadhaan asiifi achi adeemaa gammachuu isaanii ibsachuuf dhukaasaa turan,'' jedhu jiraataan kuni.

Hidhattoonni magaala Walisoo galan kunneen konkolaataa Ayisuuzuu fa'iin akka galaniifi uffata danbii waraanaa kan uffatan,rifeensa mataa kan dhahatan tahuus jiraatan kuni dubbatu.

Jiraataan yeroo hidhattoonni kunneen galan ijaan argan lakkoofsi isaanii tilmaamaan 'mana dhibbaa keessa tahu' jedhaniiru.

Hidhattoonni galuu isaaniitiin hawaasni ''gammachuu guddaa qaba sababiinsaa jiraataan fira baadiyyaarraa qabu dhaqee awwaaluullee hin danda'u ture, sochiin daangeffamaa ture. Gammachuu guddaa qaba, nama mormii agarsiisu tokkollee ani hin argine,'' jechuun simannaa hawaasaa ibsan.

Jiraataan biraa magaalaa Amboo irraa BBC'n dubbises hidhattoonni gaafa Roobii konkolaataan gara magaalittii akka galaa turan ijaan arguu himan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Konkolaataa qixqixii afuriifi paatroolii lama kan akka ajjaabii duubaafi fuuldura deemu,'' jedhan.

Haala uffannaa isaanii yeroo ibsanis kan uffata danbii uffatanis, kan hin uffannes akka jiran himuun rifeensa dhedheeraa qabu jedhan.

Hidhattoonni naannawaa Midaaqanyi, Mutuluu akka galaniifi iddoo Waddeessa jedhamurraa ammoo miilaan galaa akka turan odeeffannoo qabaachuu himan.

Kana malees ''addabaabaayi magaalaa Amboo Teelee jedhamutti uummatni bahee gaafa simatu argeen jira,'' jedhan.

Gaafa Kamisaas konkolaataa biraa tokkoon galaa akka turan himuun ''kallattii hundaan baay'inaan akka galaa jiran dhagaheera,'' jedhan jiraataan kuni.

Ummanni galuu hidhattootaa gammadaa akka tahe himuun ''anis gammachuu kana nan qoodadha,'' jedhan.

''Kan du'aa jiruufi wal-ajjeesaa jiru Oromoofi Oromoo dha waan taheef waan seenaa gurrachessuu dha,'' jechuun araarri bu'uusaatti gammachuu qabaachuu himan.

Hidhattoonni kunneen akka galan uummanni Salaalee, Arsii fi Shawaa keessaa waamicha dhiyeessaa akka ture eeruun galuun isaanii ''waamicha kanaaf deebii kennuu dha,'' jedhan.

Jiraataan kuni hidhattoota iddoowwan gidduugalaa qofa osoo hin taane naannolee Oromiyaa garaagaraa irra warra jiraniifis ''mootummaan haala akka mijeessuufi hidhattoonis gaaffii uummataa dhagahanii akka deebii kennanin jedha,''jedhan.