Seeraa Liyoonitti hidhattoonni mana hidhaa cabsanii hidhamtoota yaasuu booda daangaan yeroo sochii kaahame

Seeraa Liyoonitti erga hidhattoonni mana hidhaa cabsuun hidhamtoota yaasanii daangaan yeroo sochii kaa'amuun magaalaa guddoo biyyattii Firiitaawon onseera.

Erga biyya Lixa Afrikaa kana keessatti yaaliin fonqolcha mootummaa gaggeeffamee, Dilbata kaleessaa ganama manneen hidhaa jajjaboo biyyattii hedduu keessaa hidhamtoonni baafamuu ministeerri odeeffannoo biyyattii ibseera.

Booda garuu Pireezidantiin biyyattii Juuliyas Maadaa Baayoo hidhattoonni haleellaa raawwatan hedduun qabamuu ibsan.

Ibsa karaa TV biyyattii kennaniin ''wanti mudate kun aggaammii hamaa nageenya biyyattii booressuuf aggaamame fi haleellaa dimokiraasiirratti raawwatedha,'' jedhan.

Garuu adeemsi hidhattoota kunneenii yaalii fonqolcha mootummaa kan kaayyeffate ta'uu ibsuurraa of qusatan.

Pireezidantichi amma tasgabbii fi nagaan mirkanaa'uu ibsan, garuu hidhattoonni biyyattii goolan kunneen eenyu akka ta'an ykn maal akka barbaadan bal'inaan hin ibsine.

Erga Waxabajjii darbe Pireezidant Baayoon garaagarummaa dhiphaan irra-deebiin filannoo mo'atanii as Seeraa Liyoon goolama siyaasaa keessa jirti.

Taajjabdoonni idiladdunyaa burjaajii filannoorratti uumamee fi akkaataa sagaleen itti lakkaa'ame akkasumas doorsisa qaamoleen mootummaa qabxii argachuuf gaggeessaa turan balaaleffachuun ibsa baasanii turan.

Haleellaa hamaa biyyattii goole kana booda Ministeerri Odeeffannoo hatattamaan daangaa yeroo sochii labse.

Akkaataa labsii kanaan jiraattonni biyyattii hunda mana turu, balaliin gara biyyaa fi biyya keessaa gara alaatti taasifamu hundi haqameera.

Ganama kana loltoonni biyyattii meeshaalee waraanaa gurguddaa qabachuun magaalota keessa naanna'aa turan.

Hedduunsaanii ''Seeraa Liyoon qulqulleessina,'' jechaa sagalee olkaasuun dhaadataa turan.

Hidhattoonni haleellaa raawwatan kunneen hidhamtoota meeqa akka gadhiisisan lakkoofsaan hin ibsamne, garuu suuraa fi viidiyoon miidiyaa hawaasummaarratti gadhiifame akka mul'isutti, giddugala magaalaa Firiitaawon, mana hidhaa Pademba jedhamu keessaa namoonni hedduun ba'aa turan.

Viidiyoo tokko keessatti weellisaa beekamaan (rapper) Boss LAJ kan bara darbe yakka saamichaan hidhame, bilisa ba'uun wayita mana hidhaa sana keessaa ba'u mul'ata.

BBC dhugummaa viidiyoo kana hin mirkaneeffanne.

Hagayya darbes loltoonni biyyattii mootummaa fonqolchuun aangoo pireezidantummaa qabachuuf yaalan hedduun hidhamaniiru.

Biyyoonni Lixa Afrikaa saddeet fonqolcha mootummaa booda humna waraanaatiin bulaa jiru.

Biyyi ollaa Seeraa Liyoon taate Giiniinis loltoota fonqolchaan aangoo qabataniin bulaa jirti.

Naannawa kana keessaa biyyi nagaa qabdu Seeraa Liyoon qofa turte.

Ameerikaa, UK fi Gamtaan Awurooppaa akkasumas jaarmiyaan biyyoota lixa Afrikaa walitti qabu Ecowas, taatee Dilbata darbe mudate balaaleffachuun ibsa baasan.