Ajajaan poolisii magaalaa Gambeellaa ajjeefamuufi haala nageenya naannichaa tibbanaa kan beeknu

Naannoo Gaambellaa

Madda suuraa, Gambella Regional State

Guyyoota muraasa darban haleellaaawwan Naannoo Gaambellaa keessa raawwatamaniin ajajaa poolisii Gaambellaa dabalatee namoonni kaan ajjeefamuu aangawoonni olaanoo naannichaa BBC'tti himan.

Haleellaawwaan magaalaa Gaambellaafi bakkeewwan kaanitti raaawwatamaniin tasgabbiin dhibuu akkasumas jiruun idilee isaanii danqamuullee jiraattonni ibsaniiru.

Sababa kanaanis, aangawoonni naannichaas ta'an jiraattonni hidhattoota eenyummaa isaanii hin ibsineen haleellaa raawwateen namoonni nagaafi humnoonni nageenyaa ajjeefamuu himan.

Haleellaan kuni hammaatee ajajaan poolisii magaalaa guddoo naannichaa lubbuun isaanii darbuu Pirezidantiin naannichaa Aadde Alamituu Umood fi itti aanaan isaanii Dr Gaatluwaak Roon BBC'f mirkaneessaniiru.

Magaalaa Gaambellaa keessatti Roobii ALI Mudde 08, 2018 barfataa eegalee dhukaasni dhagahamaa akka tureefi namoota irratti miidhaan dhaqqabuu akka dhagahan jiraattonni BBC'tti himaniiru.

Dr Gaatluuk kanneen ajjeechaa raawwatan hanga yoonaaa to'annoo jala hin oolle jechuun BBC'tti himan.

''Gareedhaan dhufaniiti miidhaa kan dhaqqabsiisan. Raayyaan Ittisaafi Poolisiin Federaalaa gidduu seenuu yaaleera, hin danda'amne,'' jechuun dubbatan.

Walitti bu'iinsaa gaafa Kibxataan walqabatee ''poolisoonni naannichaa waan shakkamaniif meeshaa akka deebisan'' taasifamuullee himan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Guyyoota muraasa darban haleellaaa raawwateen hojii gaggeessaan baankii akka ajjeefamaniifi ajjeechaa nama kanaan namni shakkamee to'atame miseensaa poolisi akka ta'e Dr Gaatluuk himaniiru.

Haleellaa biraan immoo ajajaan poolisii magaalaa Gaambellaa akka ajjeefamaniifi ajjeechaa isaaniin kan shakkamaniis miseensa poolisii akka ta'e himan.

Haleellaa Kibxata mudateen shakkamanii ''eeruun kan dhufan poolisootadha'' kan jedhan Dr Gaatluwaak, hanga yoonaa to'annoo jala oole akka hin jirre dubbataniiru.

Hojii gaggeessaaan baankii guyyaa ajjeefaman sana konkolaataa piik aappii aanaafi ambulaansii magaalaa Abool irraa gara magaalaa Gaambellaa adeemaa tureerratti haleellaan raawwachuu ibsaniiru.

''Haleellichaan namoonni afur ajjeefamaniiru. Kan madaa'anis jiru. Isa duras konkolaataa irratti haleellaan raawwateera.

''Daandiirrattii konkolaataa sadiirratti haleellaan raawwateera,'' jedhaniiru.

Namoonni lama konkolaattota lama irratti haleellaa raawwachuun shakkaman to'annoo jala ooluu ibsaniiru.

Erga qondaalli baankii ajjeefamanii guyyoota muraasa booda ajajaan poolisii ajjeefamuu dubbatan.

Haleellaa kunneen raawwachuu hordofuun kaleessa "dargaggoonni mufatanii ka'uu" ibsuun "haleellaa saba bu'uureffate" akka raawwatan ibsan.

"Waldhabdeen kun bakka hedduutti babal'ateera" kan jedhan Bulchaa ittaanaan kun "Hawaasa Anyuwaak fi Nuweerirraa dhufanii haleellaa banan.

''Namoonni meeqa akka du'an hanga ammaatti hin beekamne."jedhan.

Guyyoota muraasa darban keessatti lakkoofsi namoota ajjeefamanii meeqa akka ta'e akka hin baramne BBCtti himan.

Haleellaa kana eenyu akka raawwate kan gaafataman Dr Gaatluwaak, ''haala qindaa'een kan socho'an akka hin turre'' himan.

Haa ta'u malee, ''jijjiirama dhufeetti warra hin gammanne'' jedhan.

''Isaan keessaa gariin isaaniif Ameerikaa irraa maallaqni ergamaa jira,'' jedhan.

Itti dabaluudhaanis, gareewwan haleellaa kana raawwatan ''hidhattoota waliin qindoomina keessoo qabaachuu isaanii hin beeknu'' jedhan.

"Fakkeenyaaf Eertiraa, WBO, Faannoo fi TPLF bakka hundatti jeequmsa uumuu barbaadu" jedhan.

Waggaa kana guutuu rakkoon xixiqqaan turuu kan dubbatan Bulchaa Ittaanaan kun, kaleessa ammoo addatti ''baay'ee hammaate'' jedha.

Haleellaan ittifufiinsa qabu kun maaliif dhaabbachuu hin dandeenye gaafatamanii, "Sababni to'atamuu hin dandeenyeef gurma'insa waan hin qabneef, bakka tokkotti hin taa'an. Nu waliin shaayii dhugu, ciree nyaatu" jechuun deebisan.

Itti dabaluunis, shakkamtoonni kanaan dura odeeffannoo hawaasa irraa argameen mootummaan federaalaa waliin qindoomuun to'achuu ibsaniiru.

Mootummaan Naannoo Gaambellaa ibsa Roobii baaseen ''qaamoleen ummanni naannichaa nagaa ta'un kan hirriba isaan dhowwuufi walitti bu'iinsiifi duuni namaa isaan gammachiisu magaalaa Gaambellaa dabalatee aanota kaanitti hookkara uumaniiru,'' jedhaniiru.

Qaamoleen kuni ''bakkaa bakkatti namoota ajjeesuu, konkolaattotarratti haleellaa raawwachuufi lubbuun akka badu gochuun qaamolee nageenyaafi hoggantootarratti xiyyeeffachuun ummata walitti buusuuf yaalii adda addaa gochaa turaniiru,'' jedheera.

Mootummaan shakkamtoota ''adamsee to'achaa akka jiru'' eeruun ''baay'een to'annoo jala ooluu ibseera.

Dabalataanis, gareenis ta'e namni dhuunfaa qaamolee nageenyaan alatti meeshaa waraanaa qabatee argamuurratti qaamoleen nageenyaa ''tarkaanfii barbaachisu akka fudhatan'' ibseera.

Rakkoo nageenyaa uumameen lubbuu badeefi miidhaa dhaqqabe jedheef mootummaan gadduufi maatii namoota du'aniif jajjabina hawwuu ibse.