Rakkoo nageenyaa Naannoo Gaambellaatti dhalateen uggurri sochii kaa'ame

Naannoo Gaambellaatti hidhattooti Sudaan Kubbaa irraa dhufan yeroo adda addaa haleellaa raawwatu

Madda suuraa, Gambella Gov.t

Ibsa waa'ee suuraa, Naannoo Gaambellaatti hidhattooti Sudaan Kibbaa irraa dhufan yeroo adda addaa haleellaa raawwatu

Naannoo Lixa Itoophiyaatti argamu Gaambellaatti rakkoo nageenyaa dhalateen Roobii kaleessaa eegalee uggurri sochii ka’ame.

Naannichi akka beeksisetti galgala sa’aatii tokkoo eegalee hanga ganama sa’aatii 12:00’tti namoonnis ta’e konkolaattonni daandii gubbaa sosso’uu hin danda’an.

Uggurri sochii kuni yeroo hin daangofneef ka'ame.

Murtee kana kaabineen naannichaa 'walgahii atattamaa' taa’een murteessuu malee rakkoon nageenyaa mudatees ta’e lakkoofsa namoota miidhaman jedhamee hin dubbanne.

Akka miidiyaaleen biyya keessaa gabaasanitti garuu hookkarri jalqaba torban kanaa ka’e.

Waldhibdeen yoo xiqqaate bakkee lamatti mul’ate jedhame kunis bifa sabaa qaba.

Mootummaan naannichaa ''qaamoleen hooggansaas ta’e kaan nagaa booressuu'' keessaa qooda qabaachuu malan akka seeratti dhiheessu beeksiseera.

Maddeen magaalaa Gaambellaatii BBC’n dubbise gaafa Roobii manneen daldalaafi hojiin cufaa turuu himaniiru.

Ibsi mootummaa Kamisa har’aa eegalee waajjiraaleen mootummaafi kaan tajaajila idileetti akka deebi’an dhaameera.

Yeroo daanga’e keessatti humnoota nageenyaan ala nami meeshaa waraanaa qabatee akka hin sochoones ibsameera.

Naannoon gama lixaan Sudaan Kibbaa kan ofiifuu rakkoo nageenyaa qabu daangessu kuni yeroo adda addaatti rakkoo nageenyaan jeeqamaa ture.

Baatii Caamsaa keessa magaalaa Gaambellaatti yoo xiqqaate namoonni torba ajjeefamuufi kaan biroo immoo madaa’uu gabaafamee ture.

Waggaa durammoo hidhattooti Gaambellaafi WBO kan mootummaan Shanee jedhu haleellaa raawwatanii kurnaan kan lakkaa’aman ajjeefamanii turan.

Waa'ee Naannoo Gaambellaa

Saboonni akka Anyuwaak, Komoo, Mazhangar, Nuweer fi Oppoo jedhaman lammiilee Itoophiyaa kaan waliin keessa jiraatu.

Lakkoofsa ummataa kana dura taasifameen ummanni naannichaa miiliyoona tokkoo gadiidha.

Naannolee Itoophiyaa lakkoofsi ummata xiqqoo keessa jiraatu keessaa tokkodha.

Kana dura irra-deddeebiin haleellaawwan saba bu’uura godhatan naannichatti mudataniiru. Akkasumas hidhattoota Sudaan Kibbaarraa seenaniin haleellaa darbe darbee ni raawwatan.

Akka Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) jedhutti, naannichatti baqattonni Sudaan Kibbaa kuma dhibbaan lakkaa’aman keessa jiraatu.