Waldhabdee Gaambellaa hammaachaa jiru garuu xiyyeeffannoo dhabe

Madda suuraa, GAMBELLA COMMUNITY DEVELOPMENT OF CANAD
Naannoo Gaambellaa keessatti waldhabdeen gosumma ykn sabummaa irratti hundaaa’an irra daddeebiin uumamaa turaniiru.
Haleellaa qaamolee hidhataniin raawwatamuunis lubbuun namoota hedduu darbee, kaan madaa’anii, kaan ammoo qe’ee isaaniirraa keessaa buqqa’uuf dirqamaniiru.
Komiishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa kutaalee Naannoo Gaambellaa adda addaa keessatti waldhabdeewwan haleellaan deeggaraman uumamaa turuu isaaniifi sababa kanaanis sarbamni mirgoota namoomaa uumamaa jiraachuu ibsa dhiyeenya baaseen himeera.
A.L.I Caamsaa 2015 irraa eegalee, aanaa addaa Itaang jedhamu keessatti, waldhabdeen jiraattota muraasa jidduuti uumame saffisaan gara waldhabdee sabummaa irratti xiyyeefattetti geeddaramuu isaa Komiishinichi jiraattota irraa odeeffachuu ibseera.
Guyyootiin dura naannichatti akka haaratti waldhabdee deebi’ee uumameen, lubbuun namootaa darbuu hordofee A.L.I Adoolessa 13/2015 irraa eegalee labsiin sa’aatii sochii daangessuu labsamuun hojiirraa oolaa jira.
Magaalaa guddittii naannichaatti ajjechaan lammilee nagaa irratti gaggeeffamu dabalaa dhufuu isaa kan himan jiraataan naannichaa maqaan isaanii akka himamu hin feene, keessumaa “ saboota Nuweeriifi Anyuwaak jedhaman gidduutti waldhabdeen uumame gama lamaaniinuu lubbuun namoota hedduu akka darbuuf” sababa akka ta’eeru BBC’tti himaniiru.
Sababa waldhabdee naannichatti uumameen namootni lubbuun darbe, madaa’aniifi jiraattonni mana isaanii dhiisanii baqatan akka jiran himamee ture.
Hogganaa Paartii Warraaqsa Dimokraasawaa Uummatoota Gaambeellaa (WDUG) kan ta’an Obbo Saayman Tuut akka jedhanitti, A.L.I Ebla 2015 Iirraa eegalee sababa waldhabdeewwan uumamaniifi haleellaawwan gaggeefamaniin lubbuun namoota 200 ol darbuu himaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bara darbe Addi Bilisummaa Uummattoota Gaambeellaafi Waraanni Bilisummaa Oromoo hidhata uumuun haleellaa gaggeessaa akka turan kan yaadatan Obbo Saayman, haleellaa hidhattoonni kun gaggeessan hordofee qamooleen nageenyaa mootummaas lammilee nagaarra miidhaa geessisaniiru jechuun himatu.
Sababa kanaan uummata biratti komiin waan uumameatakaaroofi waldhabdeen babal’achaa dhufuu isaa ibsuun, lammilee nagaa irratti ajjechaan akka raawwatamuuf ajaja kan kennan “hoggantoota dhalataa Anyuwaak ta’anidha. Lakkii warra dhalataa Nuweer ta’anirraa” kan jedhuun angaa’ota birattis garaagarummaa yaadaa uumuu isaa ibsu.
Keessumaa dhalattoota saboota Anyuwaak fi Nuweer gidduutti morkiin guddaa akka jiruu fi inni tokko isa tokko irratti haaloo ba’uun tarkaanfii akka fudhatan kan himan Obbo Saayiman, “Eblaa jalqabee ji’ootaaf waldhabdeetu ture. Ji’oota sadan darban keessatti qofa namootni 200 ol du’aniiru tilmaama jedhu qabna,” jedhu.
Komiishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa rakkoon nageenyaa naannoo Gaambeellaa keessa jiru, xiyyeeffannoo mootummaa dabalataa kan barbaadu ta’uu isaa ibsa Waxabbajjii 16/2015 irratti baaseen akeekkachiisuun isaa ni yaadatama.
Komiishiniin kun itti dabaluun, kutaalee naannoo Gaambeellaa adda addaa keessatti waldhabdeewwan meeshaalee waraanaan deeggaraman gaggeeffamaa akka turaniifi sababa kanaanis sarbamni mirga namoomaa uumamaa jiraachuus ibseera.
Dabalataanis, Caamsaa 2015 irraa eegalee aanaa addaa Itaang jedhamutti, waldhabdeen jiraattota muraasa gidduutti uumame ariitiin gara waldhabdee sabummaa irratti xiyyeefatteetti geeddaramuu isaa Komiishiniin kun ibseera.
Ka’umsa waldhabdee kanaa
Lixa Itoophiyaatti kan argamu naannoon Gambeellaa, Sudaan Kibbaa, Oromiyaa fi Naannoo Kibbaa waliin kan wal daangeessuu yoo ta’u, Saboota shan, Anyuwaak, Koomoo, Mazhangar, Nuweer fi Oppoo jedhaman of keessaa qaba.
Dabalataanis sabooti kutaalee biyyattii garaagaraa irraa dhufan naannicha keessa kan jiraatan yoo ta’u, yeroo adda addaatti waldhabdee fi haleellaawwan sabummaa irratti hundaa’an irra daddeebiin naannoo kan keessatti ni uumamu. Dabalataanis hidhattoonni Sudaan Kibbaa irraa daangaa ce’anii seenana haleellaa naannicha irratti ni geessisu.
Dhaabbata Mootummaa Gamtoomaniitti Waajjiri Godaantoota odeeffannoo kenneen, godaantota Sudaan Kibbaa kuma 480 ol ta’aniif Gaambellaan bakka buufataa taatee jirti.
Mootummaan naannichaa sababa waldhabdee kanaan lakkoofsi namoota du’anii fi mada’anii meeqa akka ta’e ibsuu baatus, “ nagaa booressuu keessatti kan hirmaatan angaa’otas ta’e qamoolee biroo” adda baasuun akka itti gaafamtoota taasisu ibsa baaseen waadaa seeneera.
Sababa waldhabdeewwan uumaman kanaan miidhaa dhala namaa fi qabeenya irra ga’an dabalatee, naannicha keessatti haalaa guutummaa guututti jadhamuu danda’uun daandiiwwan barbadaa’an jiraachuu jiraattota irraa odeeffachuu Komiishiniin Mirga namoomaa Itoophiyaa ibseera.
Guyyootii muraasa dura sababa waldhabdee uumameen lubbuun namaa darbuu fi qabeenya irra miidhaan ga’u, hoogganaan wajjira kominikeeshinii mootummaa naannoo Gaambellaa Obbo Ugaatuu Adiing ibsa kennaan irratti himaniiru.
Ibsa kana irratti anga’aan kun namootni meeqa akka du’anii fi maada’an akkasumas qabeenyi hangamiin tilmaamu akka barbadaa’e ibsuu irraa of qusataniiru.
Kana dura waldhabdeen guyyootii lama ykn sadiif qofa ture sababa sabummaan ykn sababa haaloo ba’uun uumamaa akka ture kan himan jiraataan Gaambellaa BBC’n dubbise, guyyootii muraasaa kan uumame garuu “hammaataa” akka ture ibsaniiru.
Dhimmicha gaaffii sabummaa irra darbee gara dhimma bulchiinsatti kan darbaa jiruu akka fakkaatuu fi gama Sudaan Kibbaaniis hidhattoonni daangaa darbanii seenuun bakka Itaang fi Laaree jedhamu jidduutti hawaasaa Anyuwaak waliin dhuukaasa walitti banaa jiraachuus ibsaniiru.
Jiraataan kun akka jedhanitti waldhabee dhiyeenya uumame hordofee, humni Ittisaa gidduu eenuun haala jiru tasgabbeessuu yaaleera.
Naannichatti raakkoon bulchiinsaa akka jiruu fi kunis waldhabdeen hammachuu isaaf sababa akka ta’e kan himan jiraataan kun, mootummaan federaalaas waldhabdeewwan naannichaatti uumaman gadi fageenyaan qorachuun furmaataa kennuu hin dandeenye jechuun komataniiru.
“Dabalataanis naannicha keessa baqattoota hedduutu jira. Gaambeella keessaa baqattoonni jiran kuma 480 ol ta’aniiru. Baqattoonni hedduun isaaani saba Nuweer [kan Sudaan Kibbaa irraa dhufaniidha.] Kanaaf waldhabdeen kun yemmu uumamu baqattoonni kun baqatanii hedduumminaan gara magaalaa waan seenaniif jiraattota waliin wal maku,” jechuunis kun waldhabdeen kun hammaachuu isaa irratti dhiibbaa akka uumu himaniiru.
Lakkoofsi baqattootaa dandeettii naannichaa ol ta’uu isaa kan himan jiraataan kun, baqattoonni saba Nuweer ta’an kun bakka sabni Anyuuwaak baayyinaan keessa jiraatan dhufuun isaanii waldhabee adda hin citneef sababa ta’u akka danda’u tilmaama qabaniin ibsaniiru.
Dabalataanis adda addummaan sabummaa ka’umsa waldhabdee akka ta’an kan himan jiraataan kun “ pirezdaantiin naannichaa Anyuwaak yoo ta’an itti aanaan isaa ammo Nuweeridha. Sababa kanaanis sabni Nuweer nutu pirezdaantii ta’u qaba komii jedhu qabu. Kanaaf aangoo fi dhimmi bu’aa adda addaa saboota gidduutti adda addummaa hammaataa uumeera,” jedhu.
Sababa baqattootaan wal dhabdeen ni uumama akkasumas baqattoonni waldhabdee kana keessatti hirmaataniiru himata jedhu irratti odeeffannoo mirkana’aa hin akka hin qabne kan himan Obbo Saayiman gama isaaniin, dhimmi aangoo pireezdaantummaa naannichaa saboota lamaan gidduutti waldhabdee jiruuf sababa ta’uu ibsaniiru.
Paartiin isaanii Adoolessa 16/2015 irratti ibsa baaseen “ aangooti paartii Badhaadhinaa naannicha keessa jiran waldhabdee sabummaa akka meeshaa siyaasaatti fayyadamaa jiraachuu” ibsee akka ture dubbataniiru.
Angaa’oti Badhaadhinaa naannicha keesa jiran waldhabdee kanarraa kan isaan buufachuu danda’an yoo jiraate “maqaa paartii isaanii deebisanii balleessuudha,” jechuun Obbo Saayiman dubbataniiru.
Mootummaan naannicha waldhabeen uumamuu fi haleellaan gaggeefamuu isaa ibsus, sababa waldhabdee kunneeniin lubbuun namoota meeqaa akka darbe, namnootni meeqa akka mada’anii fi akka qe’ee isaaniirraa buqqa’an ifatti odeeffannoo hin kennine.
Guyyootii muraasa dura manni maree Gambeellaa marii taasise irratti bakka bu’oota uummataa irraa pirezdaantii naannichaaf gaaffileen dhiyaatanii kan turan yoo ta’u, dhimma waldhabdee fi haleellaa kunneeni irrattis gaaffin ka’ee akka ture waajjira pirees sekretarii fuula Feezbuukii isaa irratti odeeffannoo baaseen eerera.
Pirezdaantiin naannichaa Obbo Umood Ujuuluu, Gaambeellaa fi bakkeewwan birootti namootni ajjeefamuu isaanii ibsuun “naannichatti nagana akka hin jiraanneef qamooleen hojjetan, sabuummaa duuba dhokachuun namoota ajjeesaa fi shororkeessummaa lallabaa” jiraachuu isaanii akka dubbatanis gabaaseera.
Rakkoo kan kan hammeessaa jiraniis ta’e qaamoleen keessatti hirmaatan itti gaafatamummaatti fiduuf hojiin hojjetamaa akka jiru pirezdaantichi walga’ii kana irratti himuu isaanii gabaafameera.
Rakkoolee nageenyaa naannicha keessatti mul’ataniif furmaata itti fufaa ta’e argachuuf, waltajjiin gulaalaa magaalaa Gaambellaa keessati adeemsiisuun eegalamuu isaa paartiin Badhaadhinaa fuula Fesbuukii isaa irratti ibsa gabaabaa baaseen beeksiseera.
Raakkoo Gaambeellaa keessa jiru kana irratti, BBC aanga’oota naannichaa irraa yaada argachuuf irra daddeebiin yaalii taasisus hin milkaa’iin hafeera.












