'Walitti bu'iinsi Gambeellaa xiyyeeffannoo dabalataa barbaada'

Madda suuraa, Getty Images
Rakkoon nageenyaa Naannoo Gaambeellaa keessa jiru xiyyeeffannoo dabalataa mootummaarraa barbaada jedhe qaamni haala mirga namoomaa Itoophiyaa keessaa hordofu.
Naannoon Lixa Itoophiyaatti argamu rakkoo nageenyaa dhalateen walqabatee uggura sochii torban darbe kaa’uu beeksiseera.
Humnoonni nageenyaa federaalaa rakkoo kana tasgabbeessuuf bobba’uun isaanii ibsameera.
Haata’u malee, aangawoonni naannichaa rakkoo dhalate gadi fageenyaan hin ibsine. Hammi namoota ajjeefaman jedhamees ifa miti.
Gabaasoti adda addaa garuu lubbuun lammiilee kurnaan lakkaa’aman darbuufi jiraattonni yaaddoo seenuu ibsan.
Aangawoonni naannichaa ''qaamolee hooggansaas ta’e kaan nagaa booressuu'' keessaa qooda qabaachuu malan akka seeratti dhiheessan dhaadataniiru.
Yeroo ammaas rakkinichi to'ataa akka jiraniifi mariin qaamolee adda addaa waliin taasifamaa akka jiru ibsani.
Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa ibsa Dilbata baaseen walitti bu’iinsi qaamota hidhatan hirmaachise mudataa turuufi sarbami mirgaa dhaqqabuu ibse.
Akka komishinichi jedhetti, akkaataan hojiirra oolmaa uggura sochii kaa’ame mataan isaa sarbama mirgaa dabalataaf ka’umsa akka hin taane yaadamuu qaba.
Maaltu ta'e?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waan naannichatti raawwate baruun ni rakkisa. Gabaasonni adda addaa bahaa turan garuu walitti bu’iinsi saba bu’ureeffate dhaqqabuu akeeka.
Akka jiraattonni BBC’n torban darbe Magaalaa guddoo naannichaa Gambeellaa irraa dubbise jedhanitti manneen daldalaarree cufamanii turan.
Waan naannicha keessa adeemaa jiru irratti Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa waan qoradhe irra gahe jedhe ibseera.
ALI Baatii Caamsaa 2015 jalqabee Aanaa addaa Itaang jedhamu keessatti jiraattota muraasa gidduu walitti bu’iinsi eegalu hime.
Kunis, atattamaan walitti bu’iinsa sabaatti ce’uu isaa jiraattotarraa odeeffachuu ibse.
Walitti bu’iinsi kunis Aanaa Addaa Itaang ce’ee, Aanaa Gambeellaa, Aanaa Goog, akkasumas magaalaa Gaambellaatti babal’atuu beeksise.
Baatii Caamsaa keessa magaalaa Gaambellaatti yoo xiqqaate namoonni torba ajjeefamuufi kaan biroo immoo madaa’uu gabaafamee ture.
Kaabineen bulchiinsa Mootummaa Naannoo Gambeellaa walgahii atattamaa torban dura taa’een ALI Adoolessa 13, 2015 eegalee uggura sochii kaa’eera.
Akkaataa uggura yeroo hin daangofne kanaan jiraattonni naannichaa galgala sa’aatii 1:00 hanga ganama 12:00’tti daandii gubbaa sosso’uu hin danda’an.
Bakki magaalaa Gambeellaa keessatti rakkoon itti babal’ate bakka ‘’biher biherasabooch’’ jedhamu ta’u komishinichi ibseera.
Bakkeewwan biraa magaalattiitti dabalatee haleellaan raawwatuufi sababa kanaan lammiileen nagaa ‘hedduu’ ajjeefamu ibse.
Ajjeechaan ala miidhaan qaamarra gahe, buqqaatii akkasumas qabeenyi barbadaa’uun ibsameera.
Akka komishinichi ibsetti, daandiiwwanillee manca’aniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Saboonni akka Anyuwaak, Komoo, Mazhangar, Nuweer fi Oppoo jedhaman lammiilee Itoophiyaa kaan waliin Gambeellaa keessa jiraatu.
Naannoo buqqaatota Sudaan Kibbaarraa as ce’an kuma dhibbaan lakkaa’amaniif dahoo taate kanatti rakkoon nageenyaa mudachuun garuu haaraa miti.
Guraandhala 2020 haleellaan erga dhaqqabe booda walitti bu’iinsa dhalateen namoonni 12 ajjeefamanii, 7,000 ol qe’eerraa buqqa’aniiru.
Ka'umsi rakkoo yeroosii bulchaan gandaa tokko ajjeefamnaan haaloo bahuuf saboonni Nuweer eeboo walitti qarachuu isaaniiti jechuun qondaalli naannichaa BBC’tti himanii turan.
Waggaa durammoo hidhattooti Gaambellaafi WBO kan mootummaan Shanee jedhu haleellaa raawwatanii kurnaan kan lakkaa’aman ajjeefamanii turan.
Yeroo muraasaafis magaalattii hanga tokko to’atanii turan.
Eegasii tarkaanfii humnooti mootummaa itti himatamaniin ‘’lammiileen nagaa 50 ol’’ ajjeefamuu komishinichi ibsee ture.
Walitti bu'iinsa sabaan alatti hidhattooti Sudaan Kibbaarraa Itoophiyaatti ce'an haleellaa raawwachuun irra-deddeebiin himatamu.












