‘Gambeellaatti haleellaa Waxabajjii darbee booda humnootni nageenyaa namoota nagaa 50 ajjeesan’ -KMNI

Giddugala magaalaa Gambeellaa

Madda suuraa, GAMBELLA PRESS SECRETARIAT OFFICE

Magaalaa Gambeellaatti walitti bu’iinsa humnootii nageenyaa naannichaafi Warana Bilisummaa Oromoofi Adda Bilisummaa Gaambeellaa jidduutti baatii Waxabajjii darbe keessaa mudate hordofee namoonni nagaa 50 humnootii nageenyaa naannichaatiin ajjeeffamanii kanneen 25 ta’a irratti ammoo miidhaan qaamaa raawwatamuu Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) ibse.

Ibsa komishinichi Fulbaana 28, 2022 ajjeechaa Gaambeellaa kana ilaalchisuun baaseen, dubartootaafi namoota dhukkuba sammuu qaban dabalatee namoonni nagaa 50 hunmoota nageenyaa naannochaatiin seeraan ala dhuunfaa fi jumlaadhaan ajjeefamuu odeeffadheera jedha.

Kanaafuu itti gaafatamtoonni seeraan ala namoota nagaa irratti ajjeechaa raawwatan seeraan akka itti gaafataman gaafateera komishiniin kun.

Komishinichi dabaluudhaanis namoota 25 ta’an irra ammoo miidhaan qaamaa salphaafi cimaan qaqqabuu akkasumas namoota hedduu irratti gochaan reebichaa fi dararaa raawwatamu mirkanneeffadheera jedheera.

Komishinichi waraana naannoo Gambeellaatti baatii Waxabajjii keessa raawatamee ture kana hordofees saamichii fi barbadaa'uun qabeenyaa namoota hedduu irratti milishootaa fi humnoota addaa naannichaa, miseensoota WBO, Adda Bilisummaa Gaambeellaa fi dargaggoota gurmaa'aniin raawwatamuu ilaalchisee qorannoo gaggeessuu ibseera.

Akka Komishinichi jedhetti, ajjeechaan namoota nagaa kunis hidhattoonni erga magaalaa gadhiisanii bahaniifi magaalaan to’annoo humnoota nageenyaa mootummaa jalatti deebii’een booda yoo ta’uu, kanaafis humnootiin nageenyaa naannichaa itti gaafatamoodha jedheera.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

Xumura maxxansa X

Komishiniin kun akka ibsetti, humna addaa naannichaa, poolisii idilee, milishootaa fi dargaggoonni humnoota nageenyaa waliin ta’an muraasni turaniiru.

Akkasumas, sakkatta’iinsa humnootiin nageenyaa taasisaniin, yoo xinnaate namoonni 50 dallaa mana jireenyaa saanii fi alatti, daandiiwwan irratti fi osoo to’annaa seera kabachiiftootaa jala jiranuu murtee seeraa tokko malee ajjeefamuu qorannoo gaggeesseen mirkanneeffachuu ibseera.

Kana malees namoota 25 ta’an irra miidhaan qaamaa cimaafi salphaan raawwatamuu fi namoota hedduu lakkoofsaan hin eeramne irratti ammoo reebiichi fi dararaan raawwatamuu gabaasichi kaaseera.

Kanaafis humnootiin nageenyaa ‘‘hidhattoonni ABO-Shanee fi meeshaan waraanaa mana keessan akka jiru nutti himameera, meeshaa dhoksitan baasaa,’’ sababii jedhuun akka miidhaa irraan gahan kaaseera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Reeffi namoota nagaa ajjeeffamaniis humnootii nageenyaa fi poolisoota naannichaatiin konkolaataa fe’umsaatti walitti qabamuun bakka hin beekamnetti geeffamee jumlaan awwaalamuu komishinichi maatii miidhamtootaa, jiraattootaa fi namoota ijaan argan waabeeffachuun gabaaseera.

Kana malees, maatiin namoota ajjeeffamanii akka reeffi kennamuuf gaafatanii akka didamanis Komishinichi kaaseera.

Reeffi namoota ajjeeffamanii maaliif maatiif akka hin kennamneefi bakkeen itti awwalames maaliif maatiin akka beeku hin taasifamne kan Komishinichaan gaafatame poolisiin naannichaa, jiraataan magaalichaa akka reeffi kennamuuf gaafate akka hinjirre deebii kennuu ibseera.

Manni qopheessaa magaalichaa gama isaatiin, akka poolisii federaalaa dubbisuuf komishinichaaf deebii kan kenne yoo ta’u, poolisiin federaalaa gama isaatiin reeffi walitti qabamuun kan awwaalame mana qopheessaatiin ta’uu ibsuu Komishichi ibsa Kanaan kaaseera.

Ajeechaa humnoota nageenyaatiin namoota nagaa irratti raawwatame kanaan alattis, guyyaa waraanni magaalicha keessatti gaggeeffametti hidhattoonni WBO fi Adda Bilisummaa Gaambeellaatiin ‘nutti dhukaaftanii jirtu’ sababii jedhuun yoo xinnaate namoota osoo daandiirra socho’anii argan torba ajjeessuu kaaseera.

Kana malees tibba walitti dhukaasuun turetti namoonni qaama kamiin akka ajjeeffaman adda hin baafamiin jahas lubbuu dhabuu gabaasichi ibseera.