Yukireen Severodooniyeetisk keessatti lammiileen nagaa kumaatamni danqamani

Magaala Yukreen Severodooniyesk jedhamtutti lammiilee nagaan kumaatamaan lakkaa’aman gara itti bahan dhabanii akka danqamanii fi nyaata fi dhugaatii dhabanii akka rakkatan UN akeekkachiise.

Baay’een isaanii iddoo dhokannaa warshaa keemikaalaa Azoot jedhamu jala dhokatanii jiru.

Riqichi gara magaalattiitti geessu tokkichi hafee ture torbee kana haleelamuu irraa kan ka’e jirattonni 12,00 o ta’an magaalattii keessatti akka danqaman taasiseera.

Raashiyaan Severodooniyesk qabachuu akka tarsiimoo guddaatti fudhachuun torbanoota hedduuf yaalii guddaa erga gootee booda amma magaalattii harka caalu to’achuu dandeesseerti.

"Hanqinni bishaani fi qulqullinaa yaaddoo guddaadha. Namoonni bishaan malee yeroo dheeraa turuu waan hin dandeenyef baay’ee nu yaaddesseera,” jechuun UN tti oduu himaa Biiroo Dhimma Namoomaa kan ta’an Saviyaanoo Abreyu BBC tti himan.

Aangawaan kun akka jedhanitti magalaa baha Yikreen bulchiinsa Luhaanisk keessatti argamtu kana keessatti dhiyeessin nyaata fi fayyaa dhumaa jira.

UN naannolee danqaman kana deeggarsa dhaqqabsiisuu barbaada, garuu waraanni iiti fufe taanan ejansiiwwan isaa namoota nagaa dhaqqabuudhaaf wabii hin qaban.

UN akeekkachiisa kana kan baase Raashiyaan gaafa Roobii karaa ittiin deeggarsi dhaqqabu banuuf erga waadaa seentee booda.

Raahiyaan akka waadaa galtetti lammiilen kun naannoo daangaa isheen to’attetti geeeffamu.

Haata ta’u malee Raahsiyaan hanga ammaatti waadaa galte ilaalchisee waanti mirkaneessite hin jiru.

Aangawaan bulchiinsa Luhaanisk lammiileen nagaan akka hin baanef kan danqe Yukreenidha jechuun komatan.

"Azootitti hidhattoonni lammiilen akka hin baane danqaa jiru. Bakka warshaa Azoot kanaa hidhattoonni mortarii fi taankii fayyadamuun dhukaasa banan,” jedhu Rashiyaatti ambasaaddara Rippaabilika Uummata Luhaanisk kan ta’an Roodiyoon Mirooshnik Telegramitti akka himanitti.

Haata'u malee komii kana BBC’n hin mirkaneeffanne.

Miidiyaalen Rashiyaas gama isaanitiin lammiilen nagaan akka hin baane kan gochaa jiru Yukreenidha, “namoota nagaa dahoo godhatti” jechuun hammeessu. Lammiilen nagaan warshaa keemikaalaa Azoot keessa dahannoo godhatanis waraanni Raashiya fi Yukreen magalattii to’achuudhaf wal-waraanaa jiru.

Magaalli Severodooniyesk to’atamte taanan, guutummaa naannoo Luhaanisk, kan harki caalan hidhattoota Raashiyaan deeggaraman harka jirtu, irratti akka buufata ajajaatti Raashiyaa gargaara.

Kantiiban magaalattii Telegramitti akka himanitti warannii Yukreen magaalan Severodoneetisk gara bahaa to’atee jira.