Gimereej gara Arsenaal, Silvaa gara Baarseloonaa jedhan dabalatee jijjiirraa odeeffamaa jiran

Arsenaal fi Maanchester Siitiin taphataa sarara gidduu Niwukasil Biruunoo Gimereej fudhachuuf kajeelaa jiru. Kilaboonni Ingiliz kunneen taphataa lammii Biraazil umuriin isaa waggaa 26 ta'e kana ganna dhuftu kanatti fudhachuudhaaf gaafachaa jiraachuu Telegraaf gabaaseera.

Taphataa lammii Poorchugaal kan ta'e Bernaandoo Silvaa ammoo Maanchester Siitii gadhiisuuf jedhamaa jira.

Taphataa umuriin isaa waggaa 30 guuteeru kana fudhachuuf Paawondii miliyoona 50 baasuu gaafata. Silvaan gaafa Maanchester Siitii gadhiisu Baarseloonaatti makamuu barbaada.

Chelsiin taphataa lammii Faransaay yeroo ammaa RB Leepizhining keessa taphataa jiru, Kastelloo Lukeebaa fudhachuuf gaafachaa jira.

Yeroo ammaa umuriin isaa waggaa 21 kan ta'e taphataa kana, abbaa Paawondii miliyoona 60 kilaba Bondosliigaa kanaaaf kaffaluti fudhachuu danda'a jechuun gabaaseera FootMercato.

Ofiifuu turuun isaa shakkisiisaa kan ta'e leenjisaan Maanchester Yunaayitid Erik Teen Haag, sarara fuulduraasaa cimsachuudhaaf ganna kana taphataa sarara duraa (jifataa) biraa fiduuf barbaacharra jira.

Sarara ittisaa Chelsiirra kan taphataa jiru Tiyaagoo Silvaa kontiratni inni qabu bara kana dhuma. Lammiin Biraazil umuriin isaa waggaa 39 ta'e kun kilaba Filumineez waliin sadarkaa jechaatti akka waliigalan Goal gabaaseera.

Taphataan sarara fuula duraa (jifataan) duraanii Arsenaal fi Maanchester Yunaayitid Roobin Vaanparsii erga kophee fannisee hojii leenjisuutti seenee bubbuleera. Roobin Vaanparsiin kilaba Daach liigii biyyichaa dursaa jiru Heerenveen leenjisuuf waliigaleera.

Maanchester Yunaayitid taphataa sarara ittisaa Inter Miilaan fi Xaaliyaan Alesaandiroo Bastoonii fudhachuuf abbalaa jira. Maan Yunaayitid taphataa umuriin isaa waggaa 25 ta'e kanaaf Paawondii miliyoona 52 dhiyeesseera.

Kilabiin warra Daach Feyenoord ammoo taphataa lammii Ispeen umuriin isaa waggaa 23 ta'e Tootenhaam keessa taphachaa jiru fudhachuuf fedhii agarsiisaa jira. Taphataan kun ganna dhufu kana Tootenhaam gadhiisa.

Taphataan sarara duraa (jifataa) lammii Faransaay Oliiviyeer Jiruu gara Ameerikaa deemee kilaba Meejar Liig Sookar ta'e Loos Anjeles FCtti makamuuf jedha. Taphataan umuriin isaa waggaa 37 ta'e kun ganna kana kontiraata AC Milaan waliin qabu waan xumuruuf bilisaan gadhiifama.