UN haleellaa dirooniifi jeequmsa naannoo Amaaraan yaadda’uu hime

UN haleellaa dirooni naannoo Amaaraan yaadda'uu hime

Madda suuraa, Getty Images

UN haleellaa diroonii tibbana naannoo Kibba Lixa Amaaraatti raawwate lubbuu namoota galaafate jedhee fi walitti bu’insa naannichaan yaadda’uu hime.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti, Komishiniin Mirga Namoomaa ibsa Jimaata kaleessaa baaseen, haleellaa diroonii jalqaba ji’a kanaatti mana barumsaa sadarkaa jalqabaa tokko haleeleen barsiisonni sadii du’an jedhe.

Yeroo haleellaan diroonii kun humnoota nageenyaa mootummaan raawwatu, hidhattootni Faannoo mana barumsichaa keessa buufatanii ture jedhe.

Haa tahu malee, haleellaa Kanaan namootni nagaa biroo afuris ajjeefamuu hime ibsa isaa Kanaan.

Gama biraan humni Faannoo qondaalota paartii biyya bulchuu fi hojjettoota mootummaa 20 ol ajeesuu hime.

Hidhattootni Faannoo naannoo Dabre Maarqos, Bahaa fi Lixa Goojjam keessa socho’uun qama nageenyaa mootummaa irrattis haleellaa raawwachuu ibsi UN kun ni eera.

Haleellaa diroonii gara biraa buufata konkolaataa tokko irra bu’een namootni 13 ajeefamuu ibse.

Haleellaa humnootni nageenyaa mootummaa naannoo mana jireenyaatti raawwataniin namootni biro jaha tahanis ajjeefamuu hime.

Mootummaan Itoophiyaa ibsa UN ilaalchisee hanga amma ibsa kenne hin qabu.

Humni Addaa naannolee irra deebiin gurmeessuuf murtoo mootummaan dabarse hordofee muddama tureen booda ji’a Adoolessaa keessa humnoota nageenyaa motummaa fi Faannoo gidduutti dhukaasni baname.

UN qaamolee wal waraanan ‘’haleellaa seeraan alaarraa'' akka of qusatan gaafachuun namoota nagaaf eeggannoo gochuu akka qaban hime.

Naannoon Amaaraa yeroo ammaa bulchiinsa koomaandi posti jalatti bulaa jira.

Naannichi akkuma naannoo Oromiyaa rakkoo nageenyaaf qabaachuun ibsamee bubbuleera.

Mootummaan Itoophiyaa rakkoo naannicha keessaa karaa nagaa furuuf akka tattaafatu himaa ture.

Naannoo Amaaraa keessatti ajjeechaan qondaalota mootummaarratti raawwatu biyyattii keessatti kan hin baramne ture.

Mootummaan waraana naannoo Tigiraay keessa ture waliigaltee nagaa mallatteessun xumuratti godhe.

Naannoo Oromiyaa keessa rakkoo nageenyaa jiru furuufis ABO-WBO waliin Taanzaaniyaa magaalaa Dare Es Salaamitti mari'ataa jira.