Israa'el Gaazatti 'duguuggaa sanyii' raawwatte jedhe waldaan beektotaa duguuggaa sanyii

Daa'ima boo'aa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Israa'el haleellaa Gaazatti raawwattuun "duguuggaa sanyii (genocide)" raawwatte jedhee akka amanu Waldaan Beektota Duguuggaa Sanyii Idiladdunyaa beeksise.

Waldaan beektota dhimma duguuggaa sanyii addunyaarratti guddaa ta'e kun Israa'el Gaazatti duguuggaa sanyii raawwatte jedhee amanuuf ulaagaan duguuggan sanyii raawwachuu amansiisan jiraachuu erga mirkaneeffatee booda ta'uu Rooyitars gabaase.

Waldaan Beektota Duguuggaa Sanyii Idiladdunyaarra beektonni 500 ta'an walitti bahuun sagalee kennaniin %86 Israa'el Gaazatti duguuggaa sanyii raawwachuu labsan.

"Tarsiimofi gochaan Israa'el Gaazatti raawwatte" hiika seeraa duguuggaa sanyii Konveenshinii Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii duguuggaa sanyiirratti bara 1948 dabarse Keeyyata 2 wajjin kan wal-simu ta'uusaa beektonni dhimma duguuggaa sanyii murtee dabarsan.

Ministeerri Dhimma Alaa Israa'eel ibsa Wadaa Beektota Duguuggaa Sanyii Idiladdunyaa kana dhugaarraa kan fagaate ta'uu ibsuun, "guutummaan soba Hamaas irratti kan hundaa'edha" jedhe.

Israa'el waraana Gaazatti gaggeessituun haleellaa of ittisuu malee kaayyoo duguuggaa sanyii raawwachuu akka hin qabne irra deddeebin beeksisaa turte.

Gama biraan ammoo Mana Murtii Haqaa Idiladdunyaattis duguuggaa sanyiin himatamuun murtee eeggataa jirti.

Waraana Hamaasifi Israa'el gidduutti bara 2023 eegaleen hanga ammaa Filisxeemonni 63,000 ol du'uutu himama.

Israa'el duula waraanaa Gaazatti gaggeessituun itti yaaddee namoonni akka gargaarsa hin arganne gochuun namoonni beelan akka du'an gochaa jirti jedhamuunis himatamti.

Israa'el garuu himannaa kana hin fudhattu; inumaayyuu Hamaas deeggarsa namoomaa hatuun namoonni akka beela'an gochaa akka jiru Hamaasitti quba qabdi.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Beektonni dhimma duguuggaa sanyii kun murtee murtee dabarsaniin, Israa'el gochaawwan duguuggaa sanyii, yakka waraanaafi yakka namoomaa Filisxeemota Gaazaa keessa jiraatan irratti raawwachuu agarsiisu akka dhaabdu," jechuun waamicha dhiyeessera.

Beektonni kun murtee dabarsan kana keessatti, Israa'el daa'imman dabalatee itti yaaddee namoota nagaa irratti xiyyeeffachuun ajjeesuu, beelessuu, deeggarsa namoomaa akka hin arganne gochuu, haleellaa saalaafi wal-hormaataa raawwachuufi namoonni humnaan akka buqqa'an gochuudhan himate.

Gama biraan ammoo Hamaas haleellaa Israa'el irratti raawwachuun waraanni kun akka eegalu gochuusaatiin "yajja waraanaa raawwateera" jechuun murteesse Waldaaan Beektota Duguuggaa Sanyii Idiladdunyaa kun.

Gaazatti waanti ta'aa jiru duguuggaa sanyii ta'uusaa beektota waa'ee duguuggaa sanyii qorachuun beekaman irraa dhagahuun waan cimaa ta'uu pirezidaantii waldichaa kan ta'an Melaaniyaa O'Biriyaan Rooyitarsitti himan.

Waraana Addunyaa Lammaffarratti Naazii Jarman Yihudoota miliyeena heddu iratti duguuggaa sanyii raawwachuu hordofee bara 1948tti Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) Konveenshinii Duguuggaa Sanyii taa'en duguuggan sanyii maal akka ta'eefi yakki raawwatamu ulaagaa maalin duguuggaa sanyii akka jedhamu hiika itti kenne.

Akkaataa hiika Konveenshinii UN kanaatti, yakki duguuggaa sanyii raawwatame kan jedhamu, "sanyii, gosa, garee amantaafi kkf tokko guutummaan ykn gar-tokkeen dhabamsiisuf ta'e jedhamee yoo raawwatameedha."

Biyyoonni hunduu duguuggaa sanyii hambisuufis ta'ee dhaabsisuuf itti gaafatamummaa akka qaban Konvenshinii UN kun ni ibsa.

Waldaan Beektota Duuguuggaa Sanyii Idiladdunyaa bara 1994tti erga hundaa'ee as taatewwan sana dura raawwatamaniifi isaa as raawwatamaniifi raawwatamaa jiru jedhe ilaalchisee murteewwan duguuggaa sanyii sagal dabarseera.