Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Addi Bilisa Baasaa Ogaadeen bara 2018 biyyatti deebi'e mootummaa Itoophiyaa himate
Addi Bilisa Baasaa Ogaadeen mootummaan Itoophiyaa waliigaltee nagaa bara 2018 mallatteessuun biyyatti akka deebinu tahe ''cabseera'' jechuun komate.
Ibsa Fulbaana 18, 2024 baaseen naannoo Somaalee keessatti sarbamni mirga namoomaa mootummaa Itoophiyaan gaggeeffamaa jira jechuun komate.
Naannoo Somaalee keessumaa naannoo Ogaadeen jedhamuun beekamu keessatti walitti bu’insii fi sarbamni mirga namoomaa jabaan gaggeeffamaa turuu hima ibsi ONLF.
Erga naannoon Somaalee hundaa’ee mootummaan Itoophiyaa dhufaa darbaan mirga ofiin of bulchuu fi gaaffii misoomaa uummata naannicha hacuucaa ture jechuun himata.
''Uummanni Somaalee akka lammii sadaffaatti ilaalama. Qoollifatameera. Bulchiinsa waraanaa jala jirti. Kun ammoo diddaaf uummata kakaaseera.''
Kufaatii mootummaa Dargii bara 1991 hordofee heera mootummaa Itoophiyaa haaraa qophaa’ee keessatti keewwanni 39 uummata Somalee dabalatee sabaa fi sablammoota biyyichaa hundaaf mirga hiree ofii ofiin mirkaneeffachuu kenna jedha ibsi ONLF kun.
Akkaataa heera Kanaan Naannoon Somaalee yeroo hundeeffame eenyummaa, afaan, aadaa, mirga ofiin of bulchuu fi amantaa uummata Somaaleef beekkamtii kenneera jedhe.
Haa tahu malee sarbamni mirga namoomaa hamaan naannicha keessatti uummata Somaalee irra gahaa ture jedhe.
Bara 2018 erga MM Abiy aangoo qabatanii paartileen biyya alaa maandheffachuun qabsaa’aa turan yeroo biyyatti galan ONLF isa tokko ture.
Ibsa kana keessattis erga bara 2018 mootummaa Itoophiyaa waliin waliigaltee nagaa mallateesinee gallee naannoo Somaalee keessatti bir-qabaan nagaan bu’eera jedhe.
Waliigaltee mootummaa waliin mallatteesine akkaataa heera mootummaa Itoophiyaan karaa nagaa qabsoo akka gaggeesinu akka nuuf eeyyamuuf jedhe.
Haa tahu malee, dhiyeenya kana jaarroleen, dubartoonnii fi miseensonni hawwaasa naannichaa keessaa foddaa TV irratti baafamuun akka eenyumma issaanii gananii dubbatan godhamaniiru jedhe.
Gosti isaanii akka Somalee hin taane dirqamaan akka dubbatan taasifamaniiru haa jedhu malee mootummaan Itoophiyaa gochaa kana haala akkamii keessatti akka raawwate garuu ifa hin goone.
Tahus, tibbana manguddoonni naannoo Somaalee gara magaalaa Finfinnee deemuun wal dhabdeen Itoophiyaa fi Somaaliyaa gidduu karaa nagaa akka hiikamuu fi wal dhabdeen xiqqaatuuf gaafataniiru.
Dabalataan ONLF ibsa isaa keessatti alaabaan naannoo Somaalee jijjiiramuuf oduun jedhu jira jedhe.
Alaabaan amma jiru baduun kan eenyummaa Somaalee waliin hidhata hin qabnetti jijjiiramuuf kan jehdu odeeffannoo qabna jedhe.
Mootummaan Itoophiyaa waa’ee alaabaa naannoo Somaalee jijjiiruu waan jedhe hin qabu. Naannoleen Itoophiyaa alaabaa mataa isaanii qabu.
Dabalataan naannicha keessa humni waraanaa baay’inaan bobbaafamuu ibse. Uummanni Somaalee sababa wal dhabdee Itoophiyaa fi Somaaliyaan miidhamuu akka hin qabnes ibseera.
Bobbii waraanaa naannoo Somaalee keessaas tahe daangaa Itoophiaaa fi Somaaliyaa mootummaan waan ibse jiraachuu baatus humni waraanaa Itoophiyaa waggootaa dheeraaf Al Shabaab waraanaa turan.
Nageenya daangaa Itoophiyaa mirkaneessuu fi hidhattoonni Al-Shabaab akka daangaa cabsanii hin galleef to’annoo cimaa gochaa turuu beekama.
Itoophiyaa fi Somaaliilaandi erga waliigatee wal hubannoo Itoophiyaaf hula galaanaa eeyyamu mallatteessanii Gaanfa Afrikaatti muddamni hammaateeera.
Addi Bilisa Baasaa Ogaadeen dhima kana irratti ejjennoo akkamii akka qabu hin ibsine.
Haa tahu malee, Somaaliyaan waliigaltichi walabummaakoo kan sarbedha jechuun Itoophiyaa himatti.
Masirii fi Eertiraa waliinis michummaa jabeesiteetti.
Itoophiyaan waggoota dheeraaf Al-Shabaab waraanaa turte nageenya mootummaa Somaaliyaa mirkaneessuuf aarsaa guddaa kaffalteetti.
Haa tahu malee, Somaaliyaan waraanni Itoophiyaa qaama ergama nagaa kabachiisa Gamtaa Afrikaa haaraa eegaluu akka hin taane gaafatte.
Masiriin ammoo humna kanatti makamuuf gaaffii dhiyeesiteetti.
Al-Shabaab Somaaliyaaf qofa osoo hin taane Itoophiyaafis yaaddoo nageenya biyyaalessaati.