WBO waamicha nagaa uummata Shawaa Kaabaafi himannaa manneen barnootaa gubuuf deebii kenne

Waraana Bilisummaa Oromoo

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Hidhattooti Waraana Bilisummaa Oromoo namoota butuu, ajjeesuufi kaanin himatamu, isaan garuu ni waakkatu

Tibba kana jiraattotni godina Shawaa Kaabaa bakka adda addaa rakkoo nageenyaan dararamuu himanii nagaan akka bu'u gaafachuuf hiriira bahaa jiru.

Jiraattonni godinichaa gaga’ama lubbuu, mancaatii qabeenyaa fi buqqaatii sababa rakkoo nageenyaatiin godinichatti qaqqabaa jiru kuni dhuma dhabeera jechuun tibbana akka aadaatti meeshaa Ulfootiin bahanii araaraf Waaqa yoo kadhatan mul’atan.

Godinni Shawaa Kaabaa waggoota muraasaa as bakka hidhattootni Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) heddumminaan keessa socho'an keessaa tokko.

WBO fi mootummaan dhibdee uummata godinichafi godinaalee kaan heddduu keessa jiraatu dararaa jiru kana marii xumuruuf marsaa lamaan yaaliin godhame hin milkoofne.

Erga mariin Taanzaaniyaa inni lammataa raawwatee booda milkaahuu dhabuusaatti qaamni lameenuu quba walitti qaba.

Waamicha nagaa uummani dhiyeesssaa jiru kanaan walqabatee ibsa kan baase WBOn ''Gidduu kana dabballeen Bilxiginnaa namoota muraasa kakaasuun ummanni Kaaba Shaggar nagaa gaafate jechaa jirti'' jechuun waamichi nagaa dhiyaachaa jiru duula mootummaa akka ta'e ibse.

Ammoo ''ummanni keenyaafi waraanni isaa WBOn yoomiyyuu nagaa barbaaduun ifa. Balballi nagaa yeroon itti cufame hin turre,'' jedhe.

Waraanichi ibsa miidiyaa hawaasaa gubbaatti baaseen, hooggansi isaa marii nagaa Taanzaaniyaaf qilleensa mootummaan to'atu keessa bahee imaluun ''murannoo nagaaf qabuuf agarsiiftuudha'' jedhe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Mootummaan naannoo Oromiyaas yeroo adda addaatti qaamolee hidhatanii socho'aniif waamicha nagaa gochuun karaa nagaa akka deebi'an gaafachaa jira. Hidhattootni waamicha kana fudhatanii daandii nagaatti deebi'aa akka jiranis ibsa.

Mnistirri Muummee Abiy Ahimad mootummaansaanii hidhattoota Faannoo naannoo Amaaraa keessa socho'aniifi WBO waliin nagaa buusuuf tattaaffii gochaa akka jiru himanii, kan rakkoo itti ta'e hidhattootni kun garee adda addaa qabaachuu akka ta'e ibsan.

Hooggansa garagaraa qabaachuun mariin nagaa akka hin milkoofne danqaa uumuu Abiy miseensota Paarlaamatti himaniiru.

WBO ibsa isaa kanaan mootummaan murannoo hin qabu jechuun deebisee himate.

''Bilxiginnaan (Dhaaba biyya bulchu) garuu rakkoo siyaasaafi nageenyaa walxaxaa biyyattii furuuf karooraas ta'e qophii, mul'ataas ta'e dandeettii akka hin qabne irraa deebiin ifa taasisee gale'' jechuun ejjennoo mootummaa marii Taanzaaniyaa marsaa lammataa booda ture eere.

Mootummaan ''nuyi nagaa barbaanna, WBOtu nu dide'' yaada jedhu ''lafa qabsiifachuu barbaada'' jedhe.

WBO waamichi nagaa uummatarraa dhagahaamaa jiru karoora mootummaati jedhee akka amanu ibseera.

Dhimma manneen barnootaa gubuu

Dhibdee mootummaa fi hidhattoota WBO gidduu jiruun Godina Shawaa Kaabaa keessatti dameen barnootaa akkaan hubameera.

Sababa rakkoo nageenyaaa kanaan godinicha keessatti barattootni kuma 67 ta'an barnoota dhabaniiru. Manneen barnootaa 229 aanaalee sagal keessatti kaan gariin kaan ammoo guutummaatti gubataniiru.

WBO mancaatii manneen barnootaarra gahu kana raawwachuun himatameera.

Waraanichi ibsa baase keessatti manneen barnoota mancaase jedhamuun olola mootummaan irratti gaggeessuu akka ta'e hime.