Biyyoonni Afrikaa hedduun alaabaa isaaniif maaliif akka halluu magariisa, keelloo fi diimaa filatan beektuu?

Halluuwwan bu'uuraa- Magariisa, keelloo fi diimaa, mallattoo alaabaa Itoophiyaati. Garuu biyyoonni Afrikaa fi biyyoonni uummata gurraacha qaban (Kaariibiyaan) alaabaasaanii halluuwwan kunneeniin bocataniiru.
Itoophiyaan alatti biyyoonni Afrikaa 20 caalan tartiiba halluuwwan kunneenii akka fedhanitti tolfachuun mallattoo alaabaa isaanii godhataniiru.
Alaabaawwan halluuwwan kunneeniin bocaman biyyoota Afrikaa waanjoo kolonii jala turaniif akka mallattoo walabummaatti lakkaa'amu.
Biyyoota Afrikaa qofa osoo hin taane biyyoonni Kaaribiyaan kanneen waanjoo kolonii jala turanii fi boodarra walabummaasaanii gonfatanis halluuwwan kunneen alaabaasaaniirratti ni fayyadamu.
Waggootaaf waanjoo kolonii jalatti hacuucamaa kan turan biyyoonni Afrikaa hedduun bu'aa falmii biyyasaanii kan dhiigaa fi lafeen ijaaran alaabaadhaan mul'isu.
Waa'een qabiyyee halluu alaabaa Afrikaa kun yaad-rimeen isaa bara 1920 keessa eegale.
Bara sana yaada ijoo kan dhiheesse qabsaa'aa gameessa Maarkas Gaarvii ture. Maarkas halluun alaabaa- diimaa, gurraachaa fi magariisa ta'e mallattoo Qabsoo Walabummaa Afrikaa- Pan African akka ta'u bu'uura kaa'e.
Bu'uura sanaan halluu diimaan tokkummaa Afrikaa dhiiga abbootii isheetiin itite bakka bu'a.
Halluu gurraachi saboota hacuuccaa waanjoo kolonii jala turan bakka bu'a, magariisi qabeenya dilbii Afrikaa mul'isa.
Maarkas Gaarvii alaabaa halluu diimaa, gurraachaa fi magariisaa kan bu'uuresse karaa dhaabbata Universal Negro Improvement Association and African Communities League (UNIA) jedhamuuti.
Jaarmiyaan kun kora jalqabaa Hagayya 13, 1920 US magaalaa Niw York keessatti taa'een halluuwwan kunneen halluu alaabaa gurraachota Afrikaa akka ta'u raggaasise.
Halluun Maarkas Gaarvii kun jalqaba alaabaa Paan Afrikaan irratti beekame, boodarra biyyoonni halluu kanaan alaabaa bocachuu eegalan.
Yeroo booda halluun kun kan alaabaa Paan Afrikaan qofa ta'uun hafee kan uummata gurraacha hundaa ta'ee fudhatame.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Erga biyyoonni Afrikaa hedduun waanjoo kolonii warra Awurooppaa jalaa bilisa ba'anii booda halluun Paan Afrikaa-magariisa, keelloo fi diimaa ta'e.
Kunis ka'umsi isaa Itoophiyaadha. Itoophiyaan Afrikaa keessaa biyya koloneeffatamtee hin beeknedha.
Yeroo biyyoonni Afrikaa bulchiinsa kolonii jala turan Itoophiyaan dhiibbaa warra Awurooppaa jala hin turre.
Itoophiyaan bara kolonii dura ture kan bulchiinsa koloneeffattootaan loluu eegalte.
Bara 1986 weerartoota Xaaliyaanii Adwaa irratti injifachuun biyyashee keessaa baaste.
Halluuwwan alaabaa, kan Itoophiyaan biyyoota Afrikaaf gumaachite- magariisa, keelloo fi diimaa, biyyoonni fayyadaman hedduudha.
Biyyi jalqaba halluu alaabaa Itoophiyaa fayyadamte Gaanaadha, innis bara 1957. Ergasii biyyoonni lixa Afrikaa hedduun halluu alaabaa Itoophiyaa kana fayyadamaniiru.
Halluuwwan kunneen warraaqsa tokkummaadhaan waanjoo kolonii irratti taasifame bakka bu'a.
Magariisi qabeenya lafaa fi gabbina biyyee Afrikaa bakka bu'a, keelloon haqaa fi abdii, diimaan ammoo aarsaa fi cimina uummatichaa agarsiisa.
Guyyaa Alaabaa Itoophiyaa Wiixata (Onkoloolessa 13, 2025) kabajame ilaalchisuun EBC'f yaada kan kennan hayyuun seenaa Pirofeessar Ayyalee Bakaree biyyoonni Afrikaa qabsoo bulchiinsa kolonii ofirraa qolachuuf taasisan keessatti fakkeenya Itoophiyaa hordofuun halluu alaabaa Itoophiyaa akka fayyadaman ibsan.
Halluu magariisa, keelloo fi diimaa kan fayyadaman biyyoota Afrikaa qabsoodhaan waanjoo kolonii ofirraa fonqolchan qofa osoo hin taane, odoolaawwan kaariibiyaanis halluuwwan kunneen alaabaasaaniirratti akka mallattoo bilisummaatti fayyadamu jedhan hayyuun kun.
''Kun Itoophiyaaf milkaa'ina dachaadha,'' jedhan.
Itoophiyaan ofirra darbuun uummatoota gurraachota kaaniif mallattoo kabajaa ta'uu ishee kan mul'isu, halluun alaabaa ishee alaabaawwan biyyoota kaanii irrattis mul'achuu isaatiin mirkanaa'eera jedhan Pirofeesar Ayyalee Bakaree.
Alaabaan Itoophiyaa boca har'a qabu gonfachuu dura halluuwwan sadeen kopha kophaatti mirmirsamaa turan kan jedhan hayyuun seenaa kun bara 1903 booda bakka tokkotti akka bocame ibsan.
''Bara 1903 Sudaan kolonii Ingilizii jala turte. Ingiliiz yeroo Itoophiyaa waliin waliigaltee daangaa taasistutti halluuwwan sadeen iddoo tokkotti bocamuun daangaarra dhaabaman.''
Guyyaan Alaabaa Itoophiyaa yeroo kabajamu aarsaa bilisummaa gurraachotaaf kaffalle akka yaadannu nu taasisas jedhan.












