Niiwukasil Elaangaa Forest irraa fudhachuuf adamsaa jiraachuuf oduu jijjiirraa biroo har'aa

Niwuukasil taphataa sarara cinaa Notingihaam Forest Antoonii Elaangaa fudhachuuf abbalaa jira. Arsenaal ammoo RB Leepzhing irraa taphataa sarara duraa Benjaamiin Seeskoo fudhachuuf hordoffii isaa itti cimseera. Maanchester Yunaayitid ammoo Bireentiford irraa Biriyaan Mbuumoo fudhachuuf maallaqa duraan dhiyeesse fooyyeessee ammas yaaluu itti fufeera.

Kanaaf, odeeffannoo jijjiirraa taphattootaa biroo har'a jiran dubbifadhaa.

'Serie A' Xaaliyaanitti bara kana shaampiyoonaa kan ta'e Naappoliin taphataa sarara ittisaa lammii Ingilaand umuriin isaa waggaa 25 ta'e Tireevoo Chaloobaa fudhachuudhaaf yaadaa jira.

Taphataa kun bakka ergisaan ture Kiristaal Palaas irraa Amajji deebiyuun Chelsiin Uefa Konferaans Liigii mo'atee akka Shaampiyoons Liigiif darbu gargaareera.

Baayer Muniik, Riyaal Maadiriid, akkasumas AC Miilaan karra eegaa Xaaliyaan Giyaanluugii Donaaruumaa umuriin isaa yeroo ammaa waggaa 26 ta'e fudhachuu barbaadaa jiru.

Kun ammoo yoo waliigaltee haaraa Paaris Seent Jarmeen (PSG) waliin taasisuuf jedhu hin milkaa'iin hafedha.

Taphataan kun PSGn akka Shaampiyoons Liigii Awurooppaatti injifatuuf gahee guddaa taphateera. Keessumaa tapha Arsenaal fi PSG gidduutti tureen yaalii hedduu Arsenaal qolachuun gareesaa ceesiseera.

Inter Miilaan fi Juuventuus ammoo karra eegaa kana fudhachuuf hanga waliigalteen isaa 2026tti dhumatu eeggachaa jiru.

Arsenaal kilaboota karra eegaa lammii Ispeen umuriin isaa waggaa 30 Kepaa Arizaabalaagaa fudhachuuf hedaa jiran keessaa tokkodha. Karra eegaa kana fudhachuuf Paawondii miliyoona 5 qofaa Chelsiif dhiyeessuun kontiraata isaa cabsuun ni danda'ama.

Niiwukasil TYunaayitid Taphataa sarara cinaa lammii Siwiidin umuriin isaa waggaa 23 Antoonii Elaangaa Nootingihaamirraa fudhachuuf socho'aa jira.

Liiverpull taphataa sarara gidduu Baayer Liiverkusan Filooriyaa Wiirtz fudhachuuf akka haaraatti ammas Paawondii miliyoona 100 kanaan dura dhiyeesserratti Paawondii miliyoona 13 dabaleeera. Haata'u malee, kilabiin Bondosliigaa Jarmanii kun taphataa umurii waggaa 22 lammii Jarmanii ta'e kanaaf kana caalaa gaafachaa jira.

Arsenaal taphataa sarara duraa kilaba Bondosliigaa Jarmanii ta'e RB Leeppizhiing Benjaamiin Seeskoo fudhachuuf marii idilee gochaa jira. Taphataa lammii siloveeniyaa umuriin isaa waggaa 22 ta'e fudhachuuf maallaqni ammatti kenname hin jiru.

Maanchester Yunaayitid taphataa lammii Kaameruun yeroo ammaa Bireentifoord keessa taphatu Biriyaan Mbuumoo fudhachuuf kan duraarra foyyeessee Paawondii miliyoona 60 dhiyeesseera.

Taphataa sarara cinaa umuriin isaa waggaa 25 kana fudhachuuf kanaan dura Paawondii miliyoona 55 dhiyeessee ture.

Inter Miilaan taphataa lammii Denmaark Maanchester Yunaayitidiif taphachaa jiru Raasmus Hoyiluund umuriin isaa yeroo ammaa waggaa 22 ta'[e fudhachuuf al-kallattiin gaaffii dhiyeesseera.

Kilabiin Faransaay Liyoon maallaqa Maanchester Siitiin taphataa isaa sarara gidduu umuriin isaa waggaa 21 Raayaan Cherkii fudhachuuf dhiyeessee ture ni dide.

Haata'u malee, ammallee mariin kilaboota lamaan gidduutti akkuma itti fufetti jira.

Tootenham erga leenjisaa isaa Anjee Postekaaguluu ari'ee booda nama isa bakka bu'a jedhu manaajera Bireentifoord Tomaas Firaank fudhachuu yoo barbaade maallaqa dabalataa Paawondii miliyoona 10 kaffaluu qaba.

Taphataan sara gidduu Ingilaand Anjel Gomez, kan ganna kana kontiraata isaa xumuree Liil irraa gadhiisu, Marsiil deemuuf sadarkaa yaadaatti waliigalaniiru.

Marsil taphataa umuriin isaa waggaa 24 ta'e kana fudhachuuf Tootenham fi Weest Haam mo'ateera.

Maarsil taphataa Weest Haam umuriin isaa waggaa 29 lammii Morkoo ta'e Naayef Aguweerdiif kontiraata dhiyeesseera.

Niiwukasil maallaqni taphataa Eyintiraak Firaankifart Huugoo EWkitikee Paawondii Miliyoona 80 fudhachuuf yaalu gara malee ol ka'uun isa yaaddessaa jira.

Taphataa umurii sara duraa lammii Faransaay umuriin isaa waggaa 22 ta'e kana fudhachuun seera faayinaansii seeraan kaa'ame gara cabsuutti isa geessuu mala.

Kiristaal Palaas taphataa sarara ittisaa Ispoorting lammii Ayivorii Kost Osmaan Diyoomaand Paawondii miliyoona 45 baasa jedhame fudhachuuf carraaqaa jira.

Sanderlaand maallaqa Boorsiyaa Doortimoong taphataa sarara gidduu Ingilaand Joob Beelingihaam fudhachuuf dhiyeesse dideera.

Haata'u malee, kilabiin Bondosliigaa Jarmanii kun taphataa umuriin isaa waggaa 19 ta'e fudhachuuf ammallee marii dhaabee hin jiru.

AC Miilaan tapahtaa sarara gidduu Siwiiz umuriin isaa yeroo ammaa waggaa 32 ta'e Giraanii Zhaakaa Baayer Liiverkusan irraa fudhachuuf fedhii agarsiisaa jira.

Karaa biraan Baayer Liiverkusan taphataa sarara ittisaa umuriin isaa 23 kilaba Serie A irraa fudhachuuf abbalaa jira.