Daqiiqaa 20f uumama keessa socho'uun akkamiin fayyaa namaa dabala?

Madda suuraa, Getty Images
Paarkii keessa erga imaltee booda miirri tasgabbii sitti dhagaahamee jennaan ilaalchaa keetu kana fide osoo hin taane Baayolojiidha.
Manaa ala yoo taatu qaama kee keessa wantoota safaramuu danda'an hedduutu jijiirama. Hangi dhiphina sammuu kee keessa jiruu ni hir'isa, dhiibbaan dhiigaa ni hir'isa, fayyaan garaachaallee ni fooyya'a.
Jijiiramoota qaamaa fi sammuu kana hubachuuf sa'aatii dheeraaf tabba bahuufi bosona keessa deemuun dirqama miti. Daqiiqaa 20 keessatti dhiibbaawwan kunniin ni mul'atu. Yeroo laaqanaa paarkiin dhiyoo kee jiraannaan achi teessee yoo sooratte, torbanitti guyyaa muraasa paarkii keessa yoo deddeemte qaamniifi sammuun kee fayidaa argata.
Karaa afur qaamniifi sammuun kee uumama keessa ta'uun faayidaa itti argatu kunooti.
1. Osoo hin hubatiin hiikamta
Yeroo muka makariisa argitu, foolii fuutu ykn baalota suuta sokoksan dhageessu, shimbirroota wacan yoo dhageesu sirni narviikee to'atu, autonomic nervous system, dafee deebii kenna.
Kuni wayita paarkii naannookee jiru daawwattu mudachuu danda'a.
''Qaama keessatti jijjiiramni qaamaa akka dhiibbana dhiigaa hir'isuu, rukuttaan onnee jijjiiramuu, xiinsammuun tasgabbaa'uu fa'a argina'' jedhu Yunivarsiitii Okisfoorditti Piroofeesara Baayoodaayiversiitii kan ta'an Baroness Kathy Willis.
Qorannoon UKtti namoota 20,000 hirmaachisuun dalagame namootni yoo xiqqaate torbanitti daqiiqaa 120 naannoo magariisaa keessatti yeroo dabarsan warra kaan caala haala fayyaa fi xiinsammuu gaarii akka qaban gabaaseera.
Fayyaa sammuu dabaluuf hariiroo uumama waliin jiru cimsuun faayidaa guddaa akka qabus ibsameera.
2. Hormooniin of haaressa
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Sirni hoormoonii keessa ofii ni hiikama(relax), of haaromsa.
Willis akka jedhanitti manaa gad bahanii yeroo dabarsuun sirna indookiraayinii keenya keessatti hamma Kortisooliifi adireenaaliinii hir'isa. Hormooniiwwan kunniin wayita dhiphina keessa galtu ni dabalu.
''Namootni guyyaa sadiif kutaa hoteela tokko keesssa turanii foolii szayita Hinoki(biqiltuuJappaan) suufan hormooniin adireenaaliinii isaanii ni hir'isa, dhiiga keessatti lakkoofsi seelii natural killer ni dabala'' jedhan.
Natural Killer warri jedhaman seelota vaayirasii dura dhaabatanii lolaniidha. Hirmaattotni qorannoo kanaa fuulii biqiltuu kanaa fuudhanii torban lamaa boodallee hammi seelii Natural killer qabanii guddaadha.
Waliigalatti uumama keessa ta'uun wanta tasgabba'uu malu tasgabbeessuun, isa cimuu qabu cimsa'' jedhu Yunivarsiitii Iliiniyoositti Piroofeesara kan ta'an Miing Kaa'uu.
''Torbanitti yeroo sadii uumama keessa turuun humn avaayirasii loluu keenya ni cimsa, ji'a boodallee hamma jiraachuu qaburra 24% dabalee argama.''
Daqiiqaawwan muraasaaf garuummoo haala idilaawaa ta'een turtiin uumama keessa godhamus faayidaa akka qabu qorannoon agarsiiseera.
3. Fooliin humna guddaadha
Uumama keessatti foolii fuudhuun akkuma waa ilaaluufi dhagahuu humna qaba.
Urgaan mukeniifi biyyoo kompaawundiiwwan makaa hin qabnee biqiltootni gadhiisan waan qabuuf yeroo fooliisaanii fuutu, molokiiwilonni gariin gara hidda dhiigaa galu.''
Willis gosti mukaa Pine jedhamu kanaaf fakkeenyadhaa jedhu. Fuuliinmuka kanaan daqiiqaa tokkoofi walakkaa keessatti si tasgabbeessa. Dhiibbaansaasn daqiiqaa 10f tura.
Daa'immaan foolii yaadachuurraa hin geenyerree umama keessatti foolii fuudhaniin miirrisaanii ni tasgabbaa'a jedha qorannoon.
4. Baakteeriyaawwan fayyadan garaacha seenu

Madda suuraa, Getty Images
Biyyoofi biqiltuun baakteeriya qaamaaf fayyadan qabu. Sochiin uumama keessa goonu kun baakteeriyaawwan kunniin qaama keenya akka seenan gargaara.
''Baakteeriyaawwan faarmaasiidhaa binnee, ykn bif dhugaatiin binnee fudhannu waliin tokkuma'' jedhu Willis.
Piroofeesar Miing Kaa'uu saaxilamummaa infekshiniif namni qabu fi fayyaa sammuu qarataniiru. Akka isaan jedhanitti kemikaalli biqiltootni gadhiisan gariin (antimicrobial) jedhamu qaamni namaa dhibee akka ofirraa qolatu gochuu danda'a.
Saayintistiin infekshinii Dr Kiriis Vaan Talikeen uumamani sirna ittisaa qaama namaa qirqira'' jedha.
Ijoolleensaa bosona keessa dhoqee akka laaqan godha, achiis funyaaniifi afaaniin qaamasaanii seena .
Uumama ofitti fidi

Madda suuraa, Getty Images
Yeroo hundumaa namni hundi gara bosonaa deemuu hin danda'u ta'a. Wanti gaariin waan uumamaa keessaa muraasa ykn xiqqaasaa manatti fiduu dandeeessa. Kuni jijjiirama fidaa jedhu Willis.
Abaaboon halluu adii ykn keelloo sammuun namaa akka tasgabbaa'uu gahee guddaa akka qabu qorannoon bira gaheera.
Fooliiwwan mukoota adda addaarraa hojjetamanis akkasuma fayyaa sammuf gaariidha.
Yoo kanas dhabdan suura bosanaa ilaaluunille ni fayyada jedhu ogeeyyiin.
Laptooppii ofiirraa suura bosonaa ilaaluun waa magaraiisaatti ija babasaa ooluun dhiphina hir'isee dambalii tasgabbii fida jedha qorannoon.












