Waldaa 'kiristaanaa' gaa'ilarratti gaa'ila hayyamuun cidha jumlaa 55 guyyaa tokkootti miseensotaaf raawwatte

Madda suuraa, Nhlanhla Phillips
Misirroon Eviliin Sekgaalaakaane uffata adii uffachuudhaan Shirlii Molaalaa waliin harka wal qabattee karaa sanarra deemaa dhufaa turte. Isheenis dhiira haadha warraa biraa qabuutti heerumuuf dhiyaachaa turte.
Isaan duubaan ammoo misirroon Lesibaa Molala kan sirna cidha jumlaa Waldaa Qulqullummaa Pheentaqostee Idil-addunyaa (IPHC) kibba dhiha Johaannesbarg kan fudharratti fuudha jajjabeessu keessatti gaggeeffame irratti haadha warraa biraa waliin sirna gaa'ilaa raawwataa ture.
Qophiin misirroo haadha manaa hedduu fuudhe (polygamous) kunis, gaa'ela 55 guyyaa Dilbata Faasikaa irratti raawwataman keessaa tokko yoo ta'u, sagantichis gammachuu guddaafi yeroo dheeraa kan fudhate ture.
Isaan keessaayis torba qofatu haadha warraa dabalataa gara maatiisaaniitti simachaa turan, haata'u malee kan hafan hundisaaniis gara fuulduraatti akkasuma gochuuf hayyamamoodha.
Galma namootaan guutame keessatti irra deddebiin "haadha manaa tokkoo ol fuudhuu kan hayyame Waaqadha," jechuun yoo dubbatame dhaga'ame.
Pooliigaamii jechuun yeroo tokkotti haadha warraa ykn niitii gaa'ilaa tokkoo ol qabaachuudha.
Shirliin, haadha manaa Obbo Molalaa lammaffaa kan ta'ee fi waggaa 25 darbaniif isa waliin turteetti. Guyyaa cidha jumlaa kanaan dura akkas jettee natti himte:
"Haadha manaa baay'ee fuudhuun buu'uura Macaafa Qulqulluu waan qabuuf nan jaalladha" jechuun kutaalee Kakuu Moofaa Macaafa Qulqulluu eerti.
Shiiriiliyiin gaa'ilchaaf abbaa manaasheetiin akka niitii jalqabaatti filatamu dubbatti.
Isheen amma lubbuun hin jirtu. Ta'us haatii warraa sadaffaan maatiitti dabalamte jirti.

Madda suuraa, Nhlanhla Phillips
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dubartiin waggaa 48 Shiirliiy akka jettuutti, haadha waarraa gara biraa dabalachuun kun jireenya afuraatiin akka eegale ibsuudhaan, haadha warraa haaraa isaaniitti makamtu akka obbooleettii fi hiriyaatti simachuuf haala salphaa taasiseera jetti.
''Nuti haatii warraa jalqabaa sadan hanga uffata wal fakkaatu uffachuutti waliigallee turre. Kanas maatii Molaalaa irraa baranne. Eviliiniifis waan wal fakkaatu gochu kanan danda'e kanaafiidha'' jetti.
Sirni gaa'ilaa osoo hin eegalamiin dura waadaa galuun dura qubeellaa hidhatu turan.
Walakkeessa guyyaa keessa ammoo hirmaattoonni sirnichaa faarsaadhaan dabaalamuun sirnicha ho'isaa turan.
Hirmaattoonni kumaatamaan lakkaa'anis hawwiisaanii ibsachuuf sagalee ol kaasuun waliin faarfataa turan. Hirmaattoonni muraasni uffata dambii waldittii magariisaa fi adii uffatan. Kaan ammoo karaa ni ta'a jedhameen waan bareeda jedhan uffatanii ture.
Qophii waggoota shan lakkoofsiisee kanaan misirroonnis firootaafi hiriyootaan dabaalamuun bareedanii mul'achuu yaaluudhaan sirnicha irratti hirmaatu.
Misirroon miseensa baayyee qabu tokkos addooyyeewwan isaa uffata haalluu keelloo uffataniiru. Gama biraatiin ammoo addooyyeewwan misirroo biraa ammoo uffata suufii uffatanii mul'atu.
Sirnichi eegalamuun duras aanga'oonni waldittii karra irratti hirmaattoonni uffata sagantichaaf malu uffachuusaanii mirkanneessaniiru.
Fakkeenyaaf, dubartootaaf uffanni gabaabaa fi surriin hin hayyamamu. kana malees riifeensa isaanii akka haguuggatan gaafatamu. Dhiiroonni ammoo kootii uffachuutu hayyamamaaf.
Waldittiin koodii naamusaa cimaa qabdi. Tajaajila kamuurratti hirmaattoonni saalaan adda baafamuu akka taa'an gaafatama. Dhiirriifi dubartiin wal barbaachuunis hin hayyamamu.
''Ergan waldichatti makameen boodan waa'ee gaa'ila dubartii tokkoon olii godhachu bare. Dubartii jaalalaaf qofa barbaaduun hin hayyamamu ture. Sababii kanaanan dubartiin tokko qofti na akka hin geenyeen hubadhe. Achinis haadha warraa kootiin ala dubartii biraa waliin ta'uf haadha warraa biraa fudhuuf miirri kan natti dhagahame'' jedhan Misirroonni umurii waggaa 67 Leesiibaa Molaalaa BBCtti wayita himaniitti.
Sirni waldaa mummee musurroonni hedduun jumlaan gaa'illi itti raawwatan kunis baadiyyaa magaalaa Zurbekoomiitti argamuutti waggaatti ala sadii raawwatame. Kunis guyyaa Fasikaatti, Fulbaanaa fi Muddee keessa gaggeeffama.
Gareen kun tokkoon tokkoo sirna cidhaa dhufaa sagalee guddaa qabu erga xumuramee booda suuraa ka'uuf hafaa diimaa irra deemu.
Sana booda ammoo yoo hogganaan waldichaa, Liiyonaard Fireedarki Jii Modiis gara bakkichaa dhufaniitti ammoo, haalli cidha sanaa ture battalumatti jijjiramee ture.
"Jajjabeessaa" jedhamee kan waamamu hogganaan waldichaa, maatii isaa waliin kan waldicha keessa seenan maarshaal baandii, agarsiisa fardootaa fi konkolaattota qananiin walduraa duubaanyaa'aniin dabaalamuun ture.
Konkolaattoota hogganaa waldaa kanaa dabaalan keessaayis konkolaataan qananii saafiraa Rools Rooyis (sapphire Rolls Royce) jedhamu ni argama.

Madda suuraa, Nhlanhla Phillips
Sagantichi ifaan kan eegalu wayita biiftuun lixuu eegaltuudha. Kanneen wal fudhanis afaa adii diriirfame irra suuta tarkaanfachuun gara galmichaa seenu.
Haatii warraawwan Molaalaa sadanis dabareensaanii gahun dura mul'achu eegalan. Elviin baayyee gammadduu turte. Hirmaattoonnis waa'ee uffanaasheeseeqaa turan.
Sagantichis hanga halkan keessaa sa'aatii afuriitti kan gaggeeffame yoo ta'u, heebba Obbo Modiiseen musurroota wal fuudhaniifi haadha warraasaanii kaaniif taasisaniin xumurame.
Ta'us qophiichia hanga halkaniitti itti fufee ture.
Qophiileen akkasii kan cidha waliin wal qabatu yoo ta'u, akka kanaatti garuu guddaa miti. Afriikaa Kibbaa biyya aadaa fi amantaa hedduun jiru keessatti yeroo tokkoon cidha jumlaa raawwachuun kan barame miti.
Haadha warraa dabalaa fuudhuun sirna raawwaachuun garuu baramaadha. Afriikaa Kibbaatti dhiirri tokko dubartii tokkoon ol fudhuun ni hayyamama.
Walitti dhufeenyi akkasii kunis akka gaa'ila aadaatti kan galmaa'u yoo ta'u, sirna waldaa keessatti gaggeeffamu hin qabaatu.
Haata'u malee IPHCn waldaan walabaa Afriikaa keessaa tokko ta'un kan himamutti, hanga gaa'illi akkasii waajirra dhimma biyya keessaa biyyattiin galmaa'eetti, waldittiin ifatti eebbiifti.

Madda suuraa, Nhlanhla Phillips
Haala odeeffannoo lakkoofsa ummataa bara 2022tti ifa ta'eetti, ummanni Afriikaa Kibbaa parsanataa 85 ol ta'u hordoftoota amantaa Kiristaanaa akka ta'aniitti kan of ibsan yoo ta'u, kanneen parsanataa saddeet ta'an ammoo amntaa aadaa Afriikaa akka hordofan ibsameera.
Waldaaleen akka IPHC jiran hedduun hordoftoota sirnoota lamaanuu hordofan hedduu qabu. Ta'us amantiin piroteestaantoonnii fi Kaatolikoonni kanneen biyyattii keessatti hordoftoota hedduu qabaniidha.
Waldaa IPHC keessatti dhimmi gaa'ila tokkoon olii lallabamaa fi jajjabeefmaa ture.
Aanga'aa olaanaa walditti kan ta'an Moop Maakwaanaa BBCtti akka himaniitti, ''bara 1962tti Saweettootti kan waldaa keessatti dhalachuun tajaajilaan guddatan yoo ta'u, ammatti waldicittiin biyyattii guutuutti hordoftoota miiliyoona 3.1 qabdi.''
Molaalaan haadha warraasaanii jalqabaa kan fudhan erga waldittiitti makamanii waggaa jahaan booda bara 1991tti ture. Haati warraasaanitis miseensuma waldichaa turte.
Waldittiin gaa'ila miseensa waldittiin alaa waliin raawwatamu ifatti dhirkiti.
Waggaa sagaliin booada ammoo Molaalaa fi haati warraasaanii maatiinsaanii attamiin bal'achu akka danda'u taa'anii mari'achu eegalan.
Kanaanis barbaacha guddaa hordoftoota waldichaa keessa taasifamee cimaadhaan booda yeroo sana dargaggeettii waggaa 23 kan turte Shiirliiy irra ijisaanii qubate.

Madda suuraa, Nhlanhla Phillips
"Miseensoota waldichaa dubartoota hedduu keessaa filatamuunkoo baayyee murteessituu akka ta'e natti dhagahame'' jetti Shiiriiliiy.
Eviliinis kan filatame akkasumas onnachiisuu waldichaattiin baatii Guraandhalaa irratti adeemsa gaggeffameen.
Akka isheen jettuutti, yaadicha fudhachuuf yeroo itti fufhateera. Ta'us, ilaachi yaada haaraa fudhachuuf qabdu haalicha akka salphiiseef himti.
Evliin kan umuriin waggaa 44s waldaa keessatti guddatte. Osoo miseensummaa waldichaatti hin deebii'iin dura miseensummaa keessaa bahuun ijoollee sadii godhattee jirti.
Molaalaan gaa'ila Eviliin waliin qabaniin al-idileen ijoolleeshee akka guddifachaatti fudhataniiru. Kanaanis baayyinni ijoollee guddisaa jiranii 13 gaheera.
Haadhiiwwan hundii qofaasaanii kan jiraatan yoo ta'u, Evaaliin garuu musurroo haaraa sababii taateef mana Molaalaa keessa jiraatti.
Lammiileen Afriikaa Kibbaa yaada haadah warraa dabalataa fuudhuu kan gochaa aadaa ta'e kanarratti yaada garaa garaa qabu.
Waggota dhihoo keessatti sagantaaleen TV dhugaa irratti hundaa'an maatii hedduun ilaalchiisuun kan yaada ta'e uuman yoo ta'u, faayidaa qabeessa immoo miti dhimma jedhurratti falmii kaaseera.
Maatii akkasii keessa rakkoon dhibee HIV jiraachuu aanga'oonni biyyattii ni dubbatu.












