Masiriitti awwaala durii banuuf daa'ima aarsaa gochuu

Akeekkachiisa: oduun kun qabiyyee isin jeequ qabaachuu mala

Daa'imni ol-adeeman ganna 8 tokko ajjeefamuun harkisaa irraa muramee erga argamee booda Masirii keessatti dheekkamsa kaase.

Poolisiin qorannoo gaggeessee bu'aa qorannoo yoo beeksisu, daa'imni ganna 8 kan ajjeeffame awwaala durii banuuf ykn hambaalee seenaa Masirii durii lafa keessaa qotanii baasuuf qaama daa'imaa aarsaa godhanii dhiyeessuuf akka ta'e ibse.

Isaam Abu al-Wafa abbaa daa'ima kanaati. Reeffa mucaasanii guyyaa afur booda lafa qonnaa keessaa argan.

Bakkichi Appar Ijibt jedhamuun beekama; bakki kuni hambaalee seena Masirii durii qabaachun beekama.

Poolisiin namoota sadi daa'ima ol-adeema kana ajjeesanii harka irraa muranii kanneen karaa seeran alaa awwaala bara durii ykn hambaalee seenaa barbaacha qaama daa'imaa aarsaa dhiyeessanitti gurgurachuun shakkaman to'annii jala oolchera.

Namoota sadan keessaa lama yakka kana ofumaa akka raawwataniifi harka daa'ima kanaa muranii gurgurachuu amananiiru.

Abbaan alangaa akka jedhetti namoonni yakka kanarratti hirmaatan harka daa'ima ganna 8 kan muranii namoota bakka hambaan durii jiru barbaanitti gurguraniiru.

Namoonni karaa seeran alaa hambaalee durii awwaala durii keessaa barbaadan qaama namaa yoo arsaa gochuun bakka hambaalen durii itti argaman argachuuf akka waan nama gargaarutti amanu.

‘Qofaakoo taa'een bohe'

Abu al-Waafaa hojii konkolaachisummaan ofiifi maatiisaa jiraachisa. "Ilma koo Mohaammad gaafan yaadadhu taa'en boo'a, baay'ee ulfaata. Guyyaa hunda yeron hojii galu eegee na simata ture," jechuun BBCtti hime.

Ilmasaa waanti akkanaa ni mudata jedhee yaadee hin beeku. "Warri isa ajjeessan durbiidhuma kiyya ta'uu gaafa poolisin qorannoon mirkaneessu nama bakakkaan itti bu'en ta'e.

Warruma isa wajjin taphataa oolantu ajjeese. Inumaayyuu [yeroo achi buuteessaa dhabnu] ana wajjin barbaadaa turan," jedha abbaan daa'ima kanaa.

Oduun yakka raawwatamee kun gafa dhagahamu, Masirii keessatti namooni heddu dallansuu qaban karaa miidiyaa hawaasaa gaafataa turan. Gochaan suukaneessan akkanaa lammata deebi'ee akka hin raawwanneef adabbiin cimaan akka irratti fudhatamus fuula gaggeessaa turan.

Taatewwan wal-fakkaatan kana duras biyyattii keessatti mudataniiru. Bara 2021 keessa Appar Ijibt keessatti namni gaheessi tokko ajjeefamee qaamni isaa mummuramuu gaazexaawwan Masirii bal'inaan gabaasanii ture.

Akka gabaaa miidiyaaletti, firoonni nama kanaa isa ajjeesun awwaala hambaalee durii banuuf 'hafuuraf' aarsaa dhiyeessuu amanan.

Bara darbes namichi tokko 'jinniitu na abboome' jechuun shamarree tokko abbaashee fuulduratti gudeedee ture.

Namichi kun mana murtiitti dhiyaatee yoo gaafatamu, "awwaala durii manasaanii jala jiru akka banuuf jinniin na abboome" akka jedhe abbaan alangaa ibsee ture.

Sheekota sobaa

Qabeenya ykn hambaa durii barbaachaf jecha lubbuu namaa aarsaa godhanii dhiyeessun Masirii keessatti yakka. Haa ta'u garuu namoonni yakka akkasii raawwachuurraa hin dhaabbanne.

Awwaala durii banuuf nama aarsaa godhanii dhiyeessufi Sheekin bakkichatti argamuu qaba kan jedhu waan durii kaasee amanama dhufeedha. Sheekonni kun ammoo hafuurota awwaala eegan waamuf dandeettii qabu jedhamanii amanamu.

Kana gochuuf ammoo namoonni 'Sheekii" fakkeessanii of dhiyeessan mallaqni guddaan akka isaanif kaffalamuufi dhiigni namaa aarsaa godhanii afuura ittiin waaman akka dhiyaatu gaafatu.

Dr. Ahmed Badran Yuunivarsiitti Kaayirootti pirofeesara arkiyolojiifi qaroomina Masirii duriiti. Akka isaan jedhanitti yakki nama ajjeessuu kun keessuma kutaa Masirii Appar Ijibt keessatti akka heddummatuufi namoonni hambaalee durii baasanii ittiin dafanii duroomuf kana godhu.

Sheekonni sobaa kun 'mana keessan jala awwaala duriitu jira, awwaalicha ammoo kan eegu jinnii ykn hafuura dhiiga namaa barbaadudha' jechuun namoota akka amansiisan himu Dr. Ahmad.

"Namoonni Masirii durii qabeenyisaanii akka hin hatamneef awwaala bakka awwaalchaa ni dhoksu ture malee jinnii ykn hafuura qabeenyasaanii eegutti hin gabbaran ture," jechuun qorannoowwan saayinsii ykn arkiyoolojii hanga ammaa godhame hundinuu aarsaa ykn dhiiga gabbaruu malee akka raawwataman himu.

Hubannoon hawaasaa akka cimu, adabbiin seeraa cimaan akka jiraatufi sheekota sobaa kana dura dhaabbachuun murteessaa ta'uu himu.