Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Shittoo qaalii Masriitti hojjatamu duuba saamicha dafqa ijoollee jiru BBCn saaxile
Kaampaaniiwwan shittoofi wantoota miidhaginaaf oolan oomishan galteewwan ijoolleen funaanan irraa ta'uu BBC qoratee saaxile. Galteen shittoo qaaliif oolu jaasmiin jedhamu ijoolleen akka funaanamu BBCn qorannoo gaggeessen bira gaheera.
Dhaabbileen Bareeedinaa Lancôme fi Aerin jedhaman omisha shittoofi miidhaginaa meeshaa dheedhii kan argatan kanneen galtee ijoollee umuriin hin geenye harkaan funaansisan irraayi.
Jaasmiin abaaboo biqiltuu shittoo qaalii omishuuf galtee ijoo yoo ta'u addunyaarratti walakkaa ol abaabon jasmiin kan funaanamu Masriidhayi.
Hojjattoonni dhaabbilee shittoo qaaliifi biraandii addunyaa ta'anii dhoksaan BBCtti akka himanitti dhaabbileen kun bajata waan xiqqeessaniif, kaffaltiin kanneen galtee shittoo dhiyeessaniif kaffalamu akka xiqqaatu gochuu himu.
Kanneen Masiriidhaa abaaboo jaasmin funaanuun dhaabbilee shittoo omishaniif ergan sababa dhaabbileen kun bajata xiqqeessaniif ijoollee hirmaachisuun akka funaansisan himu.
UNtti raapportara gita bittaa ammayyaa kan ta'an,Tomoya Obokaata, qorannoon BBC waan ifa godhe arguusaanitti akka gaddan ibsan.
Heebaan, Masirii bakka wiirtuu omisha abaaboo jaasmiin taate, Gharbiyaa keessa jiraatti. Aduun abaaboo osoo hin miidhin dura ganamaan kaatee funaanuf jecha halkan waarii sa'aatii 9tti maatiishee dammaqsiti.
Heeban akka jettutti ijoollee ishee afur nyaachisuuf jecha hojjatti. Masiriitti akkuma namoonni heddu abaaboo jasmiin funaanan godhan, Heeban dhuunfadhaan hojjatti. Isheefi ijoollenshee hammuma funaanan, galii argatu.
Halkan tokko, isheefi ijoollenshee osoo abaaboo jasmin 1.5kg funaananuu gareen qorannoo BBC biratti argamuun waraabera. Kan gurgurtee argatte keessaa harka sadi abbaa lafaatiif erga laattee booda kan isheedhaf hafe dolaara 1.5 qofa.
Intalli Heebaa ganna 10, Basmallaan alarjii ijaa hamaa ta'e akka qabdu itti himameera. Mana yaalaa deemtee osoo hin yaalamin yoo hojii abaaboo itti fufte agartuunshee akka miidhamu doktarri yeroo itti himu gareen BBC wajjin ture.
Abaaboon jaasmiin erga funaanamee booda bakka itti walitti qabamu irraa gara warshaa zayita abaaboo keessaa cuunfutti geeffama- warshaalen sadi kana adda dureen raawwatan ammoo: A Fakhry and Co, Hashem Brothers fi Machalico dha.
Waggaa waggaan gatii abaaboo namoonni akka Heebaa fa'aa funaananiif gatii kan baasu warshaalee kana sadani.
Masrii keessatti namoota 30,000 abaaboo galtee shittoo qaalii ta'e, jaasmiin, funaanan keessaa meeqa ijoollee akka ta'an hin beekamu. BBCn bara 2023 bakka abaabon jasmin funaanamu heddu deemun lammiilee Masirii heddutti dubbatee, sababa gatiin gadi bu'eef maatiin heddu ijoolleesaanii akka hirmaachisan BBCtti himaniiru.
Masrii keessatti bakkeewwan abaaboon jaasmin itti funaanamu afur deemun BBC daawwannaa godhee ijoollen waggaa 15 gadii heddu abaaboo jasmin akka funaanan ijaan argeera. Warshaa Machalico jedhamu keessa ijoollen umuriin hin geenye heddu akka hojjatan namoonni eeruu kennaniin gareen BBC dhoksaan waraabbii taasiseen ijoollen waggaa 12 hanga 14 akka abaaboo funaanan mirkaneessera.
Masii keessatti ijoolleen waggaa 15 gadii galgala sa'aatii tokkoo hanga ganama sa'aatii tokkootti hojjachuun seeran dhorkaadha.
Warashaalen kun zayita jasmiin dhaabbilee garaa garaa addunyaarratti shittoo hojjachuun dhiyeessaniif raabsu. Dhaabbanni Givaudan jedhamu addunyaarratti shittoo omishuun beekamuufi Siwizatrlaanditti argamu warshaa A Fakhry and Co. jedhamu waliin hidhata bara dheeraa qaba.
Dhuunfaan shittoo kan omishu Kiristoof Lawudamel fi namoonni biroo industirii shittoo keessa hojjatan dhoksaan dubbatan akka jedhanitti, dhaabbilee akka Givaudan olitti aangoo kan qaban dhaabbilee shittoo isaanii ol jiraniidha- L'Oréal fi Estée Lauder dabalatee.
Dhaabbileen shittoo omishuun beekamoo ta'an kun "Maastars" jedhamuun akka beekaman kan himu Christophe, warri kun bajata xiqqaan zayita shittoof oolu argachuuf warshaalee zayita shittoo omishaniif bajata xiqqoo qabu.
Kanarraa kan ka'e gatiin warri galtee shittoo dhiyeessan gatii xiqqaadhan galtee dhiyeessuf dirqamu.
Kampaaniiwwan omisha shittoo beeksisa isaanii keessatti namuusa akka eegan ibsu.
Hoji gaggeessitoota dhaabata Givaudan keessaa tokko dhoksaan BBCtti akka dubbatetti, rakkoon jiru cancala dhiyeessii dhaabbilee omisha shittoo irratti hordoffiin dhabamuudha.
Manni shittoo Givaudan kan shittoo Lancôme Idôle L'Intense hojjatu qorannoo BBCn hojjate kanaan baay'ee gadduu ibsuu dafqa ijjoollee qisaasamu hambisuuf gaheessaa akka bahatu ibse.
Manni shittoo Firmenich jedhamu kan dhaabbata Aerin Beauty dhaaf shittoo Ikat Jasmine fi Limone Di Sicilia jedhaman hojjatu amma Masirii keessaa dhaabbata galtee dhiyeessuf kan biraa jijjiiruu BBCtti hime. Kanaan dura dhaabbata Machalico jedhamu irraa fudhata ture.
Masiirii bulchiinsa Gharbiyaatii abaaboo omisha shittoof oolu, jaasmiin, kan funaantu Heebatti gatiin shittoo abaaboo isheen funaantuu addunyaarratti meeqa akka ta'e gareen BBC gaafa itti himu afaan qabatte.
"Uummanni as jiru [warri abaaboo funaanu] gatii homaa hin qabu jechuudha," jette.
"Namoonni shittoo fayyadaman gidiraa daa'immanii achi keessatti akka ilaalaniifi dubbataniifan barbaada," jetti.