Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Saayintistoonni iccitii ijaarsa piraamidoota Masrii durii duuba jiru ifoomsan
Saayintistoonni waggoota 4,000 oliin dura Masrii keessatti Giizaa dabalatee piraamidoonni 31 akkamitti Masrii keessatti akka ijaaraman iccitii otoo hin beekamne ture furre jedhu.
Gareen qorannoo Yunivarsiitii Kaaba Kaarolinaa Wiilmingitan irraa dhufe, piraamidoonni kun handaara laga Naayilii kan waggoota dheeraaf bade ijaaramuu hin hafne jedhan.
Bakki bishaanii sun gammoojjii keessa fi lafa qonnaa jalatti amma dhokatee akka jiru bira qaqqabne jedhan.
Waggoota dheeraadhaaf, warri Masrii durii meeshaalee akka dhagaa laga kana irratti piraamidoota ijaaruuf barbaachisan geejjibuuf laga dhihoo jirutti fayyadamuu hin oolle jedhanii yaadaa turan.
Garuu "karaan bishaan guddaa kanaa bakka kam akka ta’e, boca akkamii akka qabu,hangam akka guddatu ykn piraamdii kanatti hangam akka dhiyaatu hanga ammatti waanti mirkanaa’e hin jiru", jedhan barreessitoota qorannichaa keessaa tokko kan ta’an Profesar Imaan Goniihim.
Tattaaffii guddaa gareen qorattootaa kun suuraa raadaraa saatalaayitii, kaartaa seenaa ibsan, qorannoo teessuma lafaa, fi tooftaa arki'ooloojistoonni ragaa saamuda ittiin dubbisan sediment coring jedhamu gargaaramuun kaartaa galtuu laga Naayil kaasan.
Galtuun laga Naayil kunis gogiinsa hamaa fi obomboleettii cirrachaa waggoota kumaatamaan dura mudateen awwaalame.
Gareen qorattootaa kun teeknooloojii raadaraa fayyadamuun ''dirra cirrachaa keessa gadii seenee suuraa teessuma bakka dhokate kanaa kaase teekinooloojii raadariitti gargaaraman.
Qorannoo kun barruu ‘Communications Earth and Environment’ jedhamurratti maxxanfame .
Bakka kanatti "lageen awwaalaman fi karaan yaa’insa lagicha tulluu jala qaxxaamuru, bakka "piraamidoonni Masrii durii hedduun argamanitti" mul'ate jedhu Pirofeesar Imaan Goniihim.
Barreessitoota qorannicha barressan keessaa tokko kan ta'an Dr Suuzaan Onistiini BBC'tti wayita dubbatan akkas jedhan;"galtuun laga Naayil qabatamaan karaa bishaaniirraa geejjibaa xuubii ulfaataa, meeshaalee, namootaaf oolu qabaachuun, dhuguma akka ijaarsa piraamidii kanaa ibsuuf nu gargaara" jedhan.
Gareen qorannoo kun galtuu laga Naayil ‘’Ahramat’’ jedhamuun moggaafame argan.
Afaan Arabaatiin "ahramat" jechuun piraamidoota jechuudha.
Galtuun lagichaa dheerinni isaa tilmaamaan km 64 fi bal'inni isaammoo m 200-700 gidduu ta'a.
Daangaa laga kanaatti piraamidoota 31 kan waggoota 4,700 hanga 3,700 dura ijaaramanitu argama.
Argannoon galtuu(river branch) lagaa bade kanaa, Giizaa fi Lisht (bakka awwaalcha moototii) gidduutti heddumatan ibsuuf gargaara.
Bakki kun gammoojjii Saharaa keessaa bakka jireenya namaaf hin mijanne.
Galtuun lagichaa kun ijaarsa piraamidootaatti dhihoo ta'uunisaa ''yeroo ijaarsa piraamidoota tajaajilaaf ooluu agarsiisa jedha barruun kun.
Dr Onistiini akka ibsanitti, Masriin durii xuubii ijaarsaa ulfaataa "humna namaan osoo hin taane, humna bishaaniin fayyadamuun geejjibuu danda'an."
Lagni Naayil jireenya Masrii duriif bu’uura- hanga har'aattis akkasuma.