‘Qondaala Gaazaatti dhukaasni akka dhaabatu gaafate hojiirraa ariyachuun qaanessaadha’- Gaggeessaa Islaamaa

UKtti miseensi paarlaamaa warra Konzarvaatiif Gaazaatti dhukaasni akka dhaabatu gaafate hoggaansa mootummaa keessaa ariyatamuun ‘’qaaneessaadha’’ jedhan gaggeessaan amantii Islaamaa.

Minseensi Mana Maree Pitarboroo Paawol Biristow jedhamu ‘’dhukaasa ittifufinsaa Gaazaatti dhaabuun lubbuu namootaa du’arraa baraara’’ jechuun xalayaa Minisitira Muummee Rishii Sunaakiif barreessinaan aangoo akka gadhiisu itti himame.

Biristow xalayaa barreessanirratti ''lubbuun namoota siivilii Gaazaa keessa jiran hundaa qaaliidha'' jedhan.

Waajirri MM ammoo ''qeeqni kun ittigaafatamummaa waloo wajjin wal hin simu,’’ jedhe.

Abdul- Muqaddas Chudhuri gamasaanitiin Biristow ''badii tokkollee hin raawwanne,’’ jedhanii ibsan.

Obbo Biristow, kan miseensa paarlaamaa ta’anii ittifufan, Barreessaa dhuunfaa Paarlamaa ta’uun Ministira Dhimma Alaa Saayinsii, Kalaqaa fi Teeknooloojii Misheel Donelan ta’uun tajaajilan.

Obbo Biristow Koree Masjiidota Pitarboroo wajjin erga mariyatanii booda Onkolooleessa 26 , 2023 MM Rishii Sunaakiif xalayaa waa’ee Gaazaa barreessan.

Abdul- Muqaddas Chudhuriin ammoo dursaa koree sanati. Chudhuriin miseensa Mana Maree kana hojiirraa ariyachuun ''garmalee qaanessaadha, dhukaasni akka Gaazaatti dhaabatu waamicha dhiyeessuun isaa sirriidha,’’ jedhan.

''Garmalee mufanneerra- baayyee aarre, sababni isaa inni badii hin qabu,’’ jedhan.

''Mootummaan Rishii Sunaak waanta Biristow jedhe ka’umsa godhachuun hojirraa ariyachuun garmalee qaanessaadha,'' jedhan.

Xalayaan Obbo Biristow Feesbukiirratti maxxanfame namoota isaan filatan biratti ''gaddaa fi dhukkubbiin guddaan'' akka ture kan ibse yoo ta'u, isaan keessaa murasni ''kallattiin miidhamaniiru.''

Obbo Biristow erga aangoo gadhiisanii booda haasaa wayita taasisan ''Ministirri Muummee maaliif aangoo akkan gadhiisu akka na gaafatan guutummaatti naaf gala'' jedhan.

"Mootummaan waloo qaama dimokiraasii keenyaa isa ijoo waan ta'eef hojiin ani baay'ee jaaladhu ture, kanaaf nan gaabba"

"Xumurarratti garuu namoota na filataniif ittigaafatamummaa bal'aan qaba" jedhe.

"Namoonni na filatan kumaatamaan lakkaa'aman dhimma kanaaf baay'ee dhimmamu, amma qaama mootummaa ta'uu caalaa, alarraa waanta ta'aa jiru ifatti dubbachuuf haala gaariin akkan jiru natti dhaga'ama" jedhe.

Obbo Bristow bara 2019 irraa eegalee Piitarboroo bakka bu'uun kan hirmaatan yoo ta'u, sagalee caalmaa namoota 2,580 irraa argatanii filaman.

MM Rishii Sunaak dhukaasni ‘’iddoowwan murtaa’etti akka dhaabachuun’’ gargaarsi akka kennamu deeggaran, Haata’u malee, dubbi-himaan Sunaak dhukaasa guutumaatt dhaabuun Hamaas qofa fayyada jedhan,

UK’n Hamaasiin dhaabbata shororkeessatti ramadde.