Miseensi Hamaas hundi nama du'eedha- Neetaanyaahuu

Ministirri Mummee israa'el Beenjaamiin Neetaanyaahuun miseensi Hamaas hundi ''nama du'eedha'' jedhan walgahii mootummaa yeroo muddamaa biyyattii jalqabaa irratti.

Isaan waliinis dursaan paartii mormituu Beenii Gaantzi ''yeroon kan waraanaati'' jedhan.

Garuu ammoo pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan Israa’eel ''Haala seera waraanaatiin akka sochootuuf'' Neeyaanyaahuun waliin dubbachu hima.

Israa’el keessatti lakkoofsi namoota ajjeefamanii 1,200 yoo gahu, Gaazaa keessatti haleellaa Israa’el raawwattuun namoonni 1,100 ol ajjeefamaniiru.

Aariifi abdii kutannaa ummata Israa’el nan hubadha kan jedhan Baayidan, garuu Israa’el duudhaalee waliigaltee Jeeneevaan abboomamuu akka qabdun gaafadha jedhan.

Akkasumas Iraan kan haleellaa Hamaas raawwateetti gammadeen ‘‘of eeggadhu’’ jechuun akeekkachiisan.

Roobii kaleessaa ganama Neetaanyaahuu fi Aab Gaatzi waldhabdee siyaasaa cimaa mormii guddaa kakaasee akka dhiisan walii galan.

Obbo Gaantzi ummata Israa’eeliin mootummaa haaraan hundeeeffamn kan ‘‘walta’ee’’ fi ‘‘kan waan Hamaas jedhamu dachii irraa qulleessuudha’’ jedhaniin.

Neetaanyaahuu waliin ta’udhaan Paartii centrist National Unity fi Ministirri Raayyaa Ittisaa biyyattii duraanii, Obbo gaantzi, dursaan

Akkuma Obbo Netaanyaahuu, Obbo Gaanz hogganaan Paartii Tokkummaa Biyyaalessaa fi duraan ministeera ittisaa kan turan, kaabineen miilanaa ministeera ittisaa ammaa Yo’aav Gaalaant dabalata.

Hogganaan paartii mormituu ijoo Yaa’iir Laapiid tokkummaa kanatti hin makamne. Tahus Netaanyaahuun kaabinee waraanaa kana keessatti iddoon banaa isaaf taa’a jedha.

''Yeroo waraanaa kanatti seerri wiixinee waraana hin ilaallanne kam irrattiyyuu murtoon hin kennamu, ‘’ jedha ibsi kenname.

''Yeroo waraanaa kanatti muudamni olaanaa kamiyyuu akka achi dheeratu taasifama.’’

Mootummaan hatattamaa tarkaanfii waraanaadhaaf murtoo waliigalaa kenna. Kan malees ogeeyyii tarsiimoo waraanaa beekan lama ni qabaata. Obbo Gaantiz fi Gaadii Eseenkoot duraan waraana Israa’el keessa kan hojjetaa turan yoo tahu, taajjabdoota tahuun kaabinee kana keessa dabalamu.

Kaabineen haaraan kuni haleellaa Hamaas raawwateen booda dha kan beeksifame.

Erga Hamaas gaafa Sanbata haleellaa raawwatee namoonni 1,200 ol lubbuun darbeera. Hamaas manguddootaafi ijoollee dabalatee namoota 150 akkuma butetti jira.

Roobii kaleessaa waraanni Israa’el looltoonni kumaatamaan lakkaa’aman dhiheenya daangaa Gaazaa irratti walitti qabamu himanii ture.

Haleellaa Hamaasiin alattis, Israa’el milishoota Heezibollaa waliin Leebaanan keesaatta fi humnoota Siiriyaa waliinis walitti dhokaasaniiru.

Jalqaba toban kanaatti, Obbo Gaalaan daangaa Filisxeem irratti marfama akka raawwatamu dubbatanii ture. Kana jechuunis dhiyeessitiin anniisaa, bishaan, nyaataa ni dhaabbata. Hanaga ammaattis haleellaa qilleensaa raawwatameen Gaazaa keessatti namoota 1,000 ajjeeffamaniiru.

Israa’elitti hundeeffamuun mootummaa qondoomee, Itaamaar Been Gviir kan tika biyyattii dursaniin dabalte, mnistirootaan simatameera.

"Tokkoommaatti baga gammaddan, amma injifachuu qabn,’’ jechuun toora X kan duraan tiwitara jedhanurratti barreessan.

Labsiin Obbo Neetaanyaahuufi Obbo Gaantzi kunis erga ministira mummeefi mootummaa isaa riiformii haqaa falmiisiisaa irratti mormiin baatiiwwaniif gaggeeffamaa tureen boodadha.

Hiriirtoonnis mormitoota siyaasa Obbo Neetaanyaahuun akkasumas qondaaltoota waraanaa, Tika, tajaajila nageenyaa, dursaa abbaa alnagaa duraanii fi namoota seeraa bebbeekamoofi dureeqqan daldala biyyattii olaanoo duraaniitti kan deeggarame ture.

Paayilatoota humna qilleensaa murteessoo raayyaa ittisa Israa’el dabalatee, humni loltootaa eeggataa dhibbaan lakkaa’aman tajaajilichaaf akka hin abboomamne dorsiisanii ture. Kunis ammo dandeettii waraanaa Israa’el laamsheessuu kan danda’udha.

Baatii dabe, Manni Murtii Olaanaan himannaa Israa’el jijjirama seeraa mootummaa tokko, kan aangoo isaanii daangeessuu, irratti dhiyaate ilaaluuf taa’ee ture.