Miseensa paarlaamaa kan ta'an Dr Dassaaleny Caannee to'ataman

Madda suuraa, HOPR/FB
Sochii Biyyaaleessa Amaaraa (ABIN) bakka bu’uun miseensa mana-maree bakka bu’ootaa ummataa kan ta’an Dr Dasaaleny Caannee humnoota nageenya mootummaatiin to’atamuu miseensoonni maatii himan.
Qondaalli kun miseensoota nageenyaa afuriin guyyaa Roobii Amajjii 31, 2024 kan to’ataman ta’u miseensi maatiisaanii maqaan akka hin eeramne gaafatan BBCtti himan.
Miseensoota afran keessaayis lama kan uffata dambii poolisii Federaalaa uffatan akka ta’e itti dabaluun himan.
Namni miseensa maatii Dr Dasaaleny ta’an kun haala ture BBCtti akka ibsaniitti, miseensoonni nageenyaa kunneen Dr Dassaalenyiin kan to’atan mansaanii Addabaabaayii Teediroositti argamuyi.
‘‘Karri irra deddebiin rukutame. Yoon eenyuu akka ta’an gaafadhutti namatti himuuf hayyamamoo hin turre. Karri banamnaan Dasaaleny seeraan barbaadamta jedhanii fudhatan,’’ jechuun haala ture himan.
Dr Dasaaleny erga Roobii to’annoo jala oolfamanii boda, Kamisa manasaanii keessatti sakatta’insii sa’aatii lama fudhate taasifamuu miseensi maatii kan ibsan.
Miseemsoonni nageenyaa sakatta’insicha raawwatan jahas mana keessaa waraqaa, filaashii, bilbilaa fi taabileetii fudhatanii deemaniiru jedhan.
Dr Dasaalany wayita ammaatti kutaa qorannoo yakkaa poolisii Federaalaa Meeksiikootti akka argaman kan ibsan miseensi maatii kun, maaliif akka to’ataman garuu hanga ammaatti wanti beekan akka hin jirre ibsaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dr. Dassaaleny Caannwalga’iiwwan mana-maree bakka bu’ootaa ummataarratti mootummaa ministira muummee Abiy Ahmad cimsanii qeequun beekamu. Dr. Dassaaleny walga’iiwwan paarlaamaa ji’oota muraasa darbanirratti hin argamne.
Miseensi mana-maree kun walga’ii paarlaamaa bara darbe Adoolessa keessa turerratti ministirri muummee aangoo isaanii gadhiisanii bulchiinsa yeroo sivilii ta’etti akka dabarsaniif gaafachuun isaaniis ni yaadatama. Dr. Dassaaleny koruma kanarratti miseensonni mana-maree bakka bu’oota ummataas paarlaamaa diiganii “filannoo haaraatiif karaa akka bananis,” gaafatanii ture.
Kana malees, “Gaaga’ama uumame hunda, mancaatiifi mul’ata akka biyyaatti karaatti hafeef” bulchiinsa mootummaafi Abiy Ahmad “kufaa ta’e” itti gaafatamaa taasisaniiru.
Akkuma Dr. Dassaaleny, ABIN bakka bu’uun kan filatamee miseensa mana-maree ta’e Obbo Kiristaan Taaddalees ji’a ja’a booda haaluma walfakkaatuun humnoota nageenyaan qabamee hidhaarra jira.
Dr. Dassaaleny Caannee miseensa hoogansaa ABIN yoo ta’an, hanga ammaatti paartiin isaanii hidhamuusaanii ilaalchisuun waan jedhe hin qabu.
Walitti qabaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Baasii, Bulchiinsaafi To’annoo Mootummaa kan ta’an Obbo Kiristaan Taaddalee, labsii yeroo muddamaa naannoo Amaaraatti bara darbe labsame waliin walqabatee ta’uun isaa ibsameera.
Haaluma walfakkaatuun Obbo Kiristaanis ministirri muummee aangoo akka gadhiisaniif walga’ii mana-mareerratti gaafataniiru.
Miseensonni mana-maree kunneen lamaan akka Heera mootummaatti mirga himatamuu dhabuu kan isaaniif kenname yoo ta’u, to’annoo jala oolchuudhaaf yoo barbaadamanis manni-maricha mirga himatamuu dhabuu isaanii kaasuun irra jiraata.
Waa’een Heera mootummaa kan isa ilaallatu manni-maree bakka bu’oota ummataa, “miseensi mana-marichaa kamiyyu yakka cimaa osoo raawwataa jiruu harkaafi harkatti qabamuu baannaan hayyama mana-marichaa malee hin qabamu, yakkaanis hin himatamu,” jedha.












