Horroo Guduruutti haleellaa dirooniin namoonni nagaa ajjeefamuun himame

Madda suuraa, Getty Images
Haleellaa diroonii mootummaan gaggeesseen Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Guduruu bakka Baroo jedhamutti namoonni nagaa saddet ajjeefamuu maddeen BBCtti himan.
Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)nis ibsa baaseen ajjeechaa lammiilee nagaa irratti raawwateen mootummaa balaaleffateera.
Waraanni Bilisummaa Oromoo (ABO-WBO) kan Marroo Dirribaa [Kumsaa Dirribaa] durfamu ammoo yeroo hooggansi keenya qaamaan marii nagaa irratti argamuuf Taanzaaniyaa deemanitti ''humni isaanii ni dadhaba'' jedhee yaaduun mootummaan oppireeshinii cimaa waraana keenya irratti bane jedhe.
Naannoo Oromiyaa keessatti maaltu deemaa jira?
-------------------------------------------------------------------------------------------------
Mudde 25, 2023 haleellaa diroonii mootummaan Godina Horroo Guduruu aanaa Guduruutti raawwateen namoonni nagaa saddet ajjeefamuu maddeen BBCtti himaniiru.
Jiraataan aanaa Guduruu nageenya isaaniif jecha maqaan akka hin dhahamne gaafatan ‘’namoonni diroonii mootummaan ajjeefaman boqolloo cabsaa turan,’’ jedhe.
Haleellaan kun Mudde 25, 2023 raawwachuu kan himu jiraataan kun, haleellichaan namoonni saddeet ajjeefamuu quba qaba jedhe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dabalataan naannoo magaalaa Kombolchaatti dhiyoo jiruttis dhukaasni akka dhaga'amu hime.
ABOn ibsa Mudde 26, 2023 baaseen, mootummaan Godina Horroo Guduruu aanaa Guduruutti namoota nagaa hidhannoo meeshaa waraanaa hin qabne dirooniin ajjeese jedheera.
‘’Ummata nagahaa qe’ee isaatti, oyruu isaa keessaa midhaan galfatu lola irraa jalaan itti banuun xiyyaaraafi meeshaalee gurguddaan rukute,’’ jedha ibsi ABOn baase.
‘’Guyyaa kaleessaa marsaa sadiif Ona Guduruu bakka adda addatti haleellaa xiyyaaraafi meeshaa gurguddaan ummata irraan gahaniin horii manaa (loowwan) dabalatee ummata nagahaa hedduu ajjeesuufi madeessuu ABOn mirkaneeffateera,’’ jedhe.
ABOn ibsa baaseen haleellichaan namoota saddet ajjeefamuu mirkaneeffadhe jedhe maqaa tarreessuun barreesseera.
Miidiyaan biyya keessaa Addis Standard ammoo haleellaa diroonii waldaa Amantoota Guutuu Wangeelaa ganda Baroo jedhamtu keessa jirtu irratti raawwateen namoonni saddet ajjeefamuu gabaase.
Tajaajilaa gaggeessitoota waldichaa keessaa tokko kan ta'e maqaan isaa eeramu hin barbaanne, ‘miseensonni waldichaa Wiixata ganama irraa eegalee Boqqolloo dallaa waldicha keessa facaafamee jiru sassaabaa otoo jiranii haleellaan kun raawwatame’ jedhe jechuun gabaase.
BBC’n jiraataa naannichaa biraa irraa akka odeeffatetti, diroonichi kan bu’e mana waldaa sanarra osoo hin taane namoota dallaa waldichaa keessaa boqqolloo cabsaa turanirradha.
Yeroo sassaabbii omishaatti namoonni hedduun walitti qabamuun waan haaraa miti.
Akka aadaa godinichaatti jiraattonni ganda tokkoo walitti bahuun [daboon] sassaabii omishaa wal gargaaru.
Tibbana humnoonni nageenyaa mootummaafi hidhattoonni WBO naannichatti wal lolaa akka turan jiraataan biraa BBCtti hime.
Jalqaba ji’a kanaattis Godina Shawaa Lixaa aanaa Ambootti miseensi humna nageenyaa mootummaa tokko obbolaa lamaan midhaan dhahataa turan ajjeesuu maatiin BBCtti himaniiru.
Maatiin akka jedhanitti, gaafa A LI Mudde 04, 2016, aanaa Amboo ganda Ganjiifi Gooree Horee jedhamutti humnoonni nageenyaa obbolaa hangaafaafi qixisuu Shuggee Nagaasaafi Ifaa Nagaasaa jedhaman ajjeesuu himan.
Guyyaa ajjeefaman sana lama tahanii ganamaan oobdiidhaa midhaan dhayaa turuu maatiin himan.
Itti-gaafatamaan waajira bulchiinsaafi nageenyaa Aanaa Amboo ammoo ‘’humni mootummaa lammiilee nagaa ni eega malee hin ajjeesu’’ jechuun himannicha waakkatan.
BBC’n odeeffannoo dabalataa argachuufi haala ajjeechaa namoota nagaa irratti raawwatame jedhamee gaafachuuf gara Biiroo Komunikeeshinii Naannoo Oromiyaatti irra dedeebiin bilbilus bilbila hin kaasan.
BBC’n Hoogganaafi IttiAanaa Biiroo Komunikeeshinii Naannoo Oromiyaaf bilbilus bilbila hin kaasan.
Humnoonni nageenyaa mootummaa irra deedeebiin namoota nagaa godinaalee Oromiyaa adda addaa keessatti WBO waliin hidhata qabdu jechuun ajjeesuun komatamu.
Marii nagaa fashaleen booda waraana hammaate
Mariin nagaa marsaa lammaffaa hin milkaa’iin hafuusaa hordofee oppireeshinii mootummaan warana keenya zoonii adda addaa keessa jiru irratti jalqabe akka malee hammaatee itti fufe jedhe ABO-WBO ibsa baaseen.
ABO-WBO ibsa karaa dubbii himaasaa Odaa Trabii Mudde 27, 2023 baaseen, hoggansi keenya kutannoo qabu irraa ka’uun qaamaan marii nagaa irratti argamuun seenaa hojjetanii ture jedhe.
Faallaa isaa mootummaan oppireeshinii waraanaa cimaa nurratti bane kan jedhe WBOn, ‘’hooggansi isaanii waan hin jirreef ni laaffatu jechuun herrega dogogoraan waraana nurratti banan,’’ jedhe.
Ibsicha keessatti warana ji’a Fulbaanaatii hanga Mudde 25tti humnoota nageenyaa mootummaa waliin kutaalee Oromiyaa adda addaa keessatti gaggeessan ibseera.
Magaalota naannoo Finfinneetti dhiyoo jiran akka Dukam, Maqii, Tulluu Boolloofi kaan keessatti humnoota mootummaa waliin wal loluu hime.
Waldhabdeen kun mariin dhumuu qaba kan jedhan Deetaan Ministera Nagaa duraanii amma hidhaman Obbo Taayyee Danda’aa, waraanni waggoota dura fagoorra ture erga Finfinnee jalatti wal loluurra gahamee waraanaan xumuruun hin danda’amu jedhanii ture.
Mootummaan Itoophiyaa fi ABO-WBO Marsaa lamaaf Taanzaaniyaatti marii nagaa gaggeessanis waliigalteerra osoo hin gahiin hafaniiru.
Mariin kun jiraattoota naannichaatti abdii guddaa uumee ture. Haatahu malee, mariin marsaa duraas tahu lammaffaa yeroo eegalu oppireeshinii mootummaan hidhattoota WBO irratti gaggeessu dabalee ture.
Marsaa lammaffaan jaarsummaa Ameerikaa, IGAD fi Noorweyiin magaalaa Daaresalaamitti yeroo jalqabu mootummaan bobbii waraanaa hidhttoota WBO irratti taasisu akkaan dabaleera.
Kun Deetaa Ministera Nagaaa duraanii Obbo Taayyee Danda’aa mufachiisuun hanga yaada isaanii ifatti dubbachun mootummaa keessa jiran qeeqanitti isaan geesiseera.
Itti-Gaafatamaan Biiroo Komunikeeshinii Naannoo Oromiyaa, Obbo Haayiluu Adunyaa, hidhattoonni WBO dirqamanii haalduree waliigalteef isaaniif dhiyaate akka fudhatan dirqisiisuuf mootummaan cimsee tarkaanfii fudhata jedhan.
Kun garuu gara waliigaltee nagaatti isaan hin fidne. IGAD fi dhaabbileen idil-adunyaa adda addaa marsaa sadaffaaf wal arganii akka mari’ataniif waamicha gochaa turan.
Haatahu malee, marii caalaa godinaalee Oromiyaa adda addaa keessatti waraanni hammaataa dhufe.

Madda suuraa, Ola Commanding page
Lola qaamolee lamaanii gidduutti namoonni nagaa hedduu lubbuu dhabaa jiru.
Haleellaa diroonii mootummaan gaggeessu godina Shawaa Lixaa aanaa Cobii, Bunnoo Baddallee, Cawwaaqaa, Horroo Guduruu Wallaggaa, aanaa Guduruu dabalatee bakka adda addaatti lubbuu namoota nagaa galaafachuu jiraattonni maatiin miidhamtootaa BBCtti himaniiru.
Mootummaan waa’ee haleellaa dirooniis tahe du’a lammiilee nagaa Oromiyaa keessatti raawwatu kanaa yeroo ibsa kennus hin mul’atu.
Mudde 11, 2023 haala nageenya Itoophiyaa keessa fi kaan irratti gaaffiifi deebii miidiyaa mootummaatti hidhata qabu Faanaa [FBC] irratti kan taasisan Itaamjooriin Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa Fiild Maarshal Biraanuu Juulaa ‘’diroonii kan bitneef ittiin loluuf’’ jedhanii ture.
Hidhattoota Faannoo haleeluuf diroonii fayyadamuu kan ibsan Fiild Maarshal Biraanuun ‘’danda’i egaa!’’ jechuun uummanni nagaan naannoo hidhattoonni jiranitti akka walitti hin qabamneef gaafatan.
Haleellaan diroonii kun naannoo Oromiyaa keessatti erga jalqabee bubbuleera, akka kana dura miidhamtoonniifi namoonni BBC’n dubbise himanitti.
Haatahu malee, Godina Shawaa Lixaa aanolee adda addaa, Horroo Guduruu aanaa Kombolaa keessatti irra dedeebiin haleellaan diroonii kun raawwataa turuu jiraattonni BBCtti himaniiru.
Fiild Maarshaal Biraanuu Juulaa, Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) sanada marii kanaan duraa irratti mootummaan qopheessee dhiheesse isa xumuraa irratti waliigalee kan fudhatu yoo ta'e mariin marsaa sadaffaa gaggeeffamuu ni danda'a jedhan.
Aanga'aan waraanaa olaanaa Itoophiyaa kun mariin marsaa sadaffaa kun ''marii ijibbaataa nagaa buusuuf taasifamu yookiin yoomuu waliin mari'achuun akka hin danda'amne kan irratti murtaa'u ta'a,'' jedhan.
Itoophiyaan bulchiinsa MM Abiy Ahimed jalatti warana Kaaba biyyattii naannoo Tigiraayitti TPLF waliin jalqabe, lola WBO waliin naannoo Oromiyaa keessatti taasifamuufi amma hidhattoota Faannoo waliin naannoo Amaaraa keessatti gaggeeffamaa jiru keessumeessite.












