Raashiyaan 'anniisaa lammiileerraa kutuun shorokeessaa jirti' jechuun Zeleniskiin himate

Madda suuraa, AFP
Pireezidantiin Yukireen Voloodmiir Zeleniskii loltoonni Raashiyaa dirree waraana mo'atanii fi magaalota to'atan hundatti lammiilee Yukireen irraa anniisaa elektirikii kutuun shororkeessaa jirti jechuun himate.
Erga Raashiyaan networkii madda anniisaa Yukireen haleeltee as lammiileen miiliyoona 4.5 ta'an dukkana keessa jiru jedhe Zeleniskiin.
Raashiyaan haleellaa diroonii tibbana gaggeessiteen buufataalee anniisaa Yukireen isan ijoo ta'an baayyee barbadeessite.
Haleellaawwan kunneen osoo loltoonni Raashiyaa kutaa kibba Yukireen magaalaa Kerson keessaa ni ba'u jedhamanii eegamanii raawwataman.
Raashiyaan dirreewwan waraanaa hedduurratti erga injifatamtee booda, bifa haaraa of gurmeessuun haleellaa qilleensarraa buufataalee anniisaa irratti eegalte.
Ji'a darbe kana keessa buufataalee anniisaa Yukireen qabdu keessaa tokko sadaffaan barbadaa'aniiru jedha Zeleniskiin.
Kanarraa ka'uun lammiileen biyyattii ibsataa qusatanii, dabareedhaan akka fayyadaman ajajan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Raashiyaan bu'uuraalee anniisaa irratti xiyyeeffachuun ishee loltoonni ishee adda waraanaa irratti waan injifatamanii fi lafa guddaa argachuu waan dadhabaniif, kun ammoo mallattoo ''laafina'' isaaniiti jedhe Zeleniskiin. ''Raashiyaan shororkeessummaa anniisaatti gargaaramuun ishee dadhabina diina keenyaa agarsiisa,'' jedhan. "Dirree waraanaa irratti Yukireen moo'achuu hin danda'an, kanaaf ummata keenya haala kanaan cabsuuf yaalu." Ministeerri ittisaa Raashiyaa bu’uuraalee anniisaa Yukireen irratti xiyyeeffachuu mirkaneesse. Magaalaa Kerson kan loltoonni Raashiya to'atanii jiranii fi keessa baana jechaa turan keessa maaltu sirriitti akka ta’aa jiru beekuun rakkisaadha, garuu yloltoonni ramadaman gara duubaa deebifamuun, yeroo barbaachisutti akka deebi'anii dhufan ajajamuu qondaalli Raashiyaa himeera. Kana malees, magaalattii keessatti baankonni duwwaa ta'uu fi godambaaleen saamamuu isaanii gabaafameera. Ministirri Ittisaa Ameerikaa Looyd Oostiin loltoonni Yukireen magaalaa Kerson kana deebisee qabachuuf ''dandeettii'' akka qaban himaniiru. Garuu Yukireen ammallee naannoo sanatti lolaa akka jirtu kan himte yoo ta’u, Raashiyaan loltoota Yukireen akka hin kiyyeessines of eeggannoodhaan socho'aa jiraachuu himte. Raashiyaan baatii Sadaasaa keessa Kerson qabachuun ishee bu'aa guddaa Moskoo waraana kana keessatti galmeesse keessaa isa tokko ta'ee ilaalama ture. Garuu haleellaan loltoota Yukireen irraa naannoo sanatti ji’a tokkoo oliif ishee mudate, Raashiyaan kaayyoo dirree waraanaa ishee irra deebitee akka madaaltu ishee dirqamsiiseera.












