Haleellaa qilleensaa magaalaa Kiiv booda ibsaan yeroo dheeraaf adda cite

Madda suuraa, EPA
Angawoonni Yukireen sababa haleellaa Raashiyaan bu’uuraalee anniisaa irratti raawwatteen, namoonni magaalaa guddoo Kiiv keessa jiraatan humna ibsaa yeroo dheeraaf dhabuu akka danda'an akeekkachiisaniiru.
Rakkoon ibsaan adda cituu magaalaa Kiiv qofa osoo hin taane magaalaa Dnipro dabalatee naannolee giddu galeessaa Yukireen mudatee jira.
Pireezidanti Volodmiir Zeleniskii namoonni gara miliyoona afur ta'an miidhamaniiru, garuu ''haleellaansaanii nu hin cabsu,'' jedhan.
Ji'a kana keessa Raashiyaan misaa'elaafi diroonii Iraan hojjettu hedduu furguggifteetti.
Bu'uuraaleen anniisaa Yukireen haleellaa qilleensaatiin rukutamaa jiru - Aab Zeleniskiin buufataaleen humna elektirikii biyyattii keessaa gara harka sadii barbadaa'aniiru jedhan.
Magaalaan Kiiv dandeettii humna ibsaa qabu keessaa %30 dhabeera jedha dhaabbati anniisaa dhuunfaa DTEK, kana jechuunis dhiheessii humna ibsaa kan kanaan dura turerraa hir'isuun barbaachisaa ta'a jedha.
Humni ibsaa adda cituun kun mana namootaa keessatti miira namaa hin tolle uumuu bira darbee, itti fayyadama ibsaa daandii fi geejjiba uummataa humna elektirikiin hojjetu irratti rakkoo guddaa kan uumuudha.
Gamtaan Awurooppaa fi michoonni isaa idil-addunyaa, Yukireen keessatti haleellaa misoomaawwan bu'uuraa uummataarratti xiyyeeffachuun raawwatamu akka yakka waraanaatti fudhachuun balaaleffataniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Magaalaan Yukireen lammaffaan-Kaarkiv kan dhukaasa Raashiyaan balaa guddaan irra gahe, magaalota giddu galeessa biyyattii kanneen akka Zhytomyr, Poltava fi Chernihiv waliin yeroo dheeraaf humni ibsaa adda cituun ishee mudatee jira. Raashiyaan Haleellaa misaa’elaa buufataalee humna elektirikaa Yukireen fi bu’uuraalee misoomaa uummataa biroo irratti raawwattu cimsitee jirti, kunis Onkoloolessa 9 riqicha Kerch irratti boombii darbatameef haaloo ba’uuf.
Riqichi kun Kiriimiyaa fi Raashiyaan kan walitti hidhuudha. Pireezidanti Vilaadmiir Putiin haleellaa sanaan ''gocha shororkeessummaa'' Yukireen raawwatte jedhan.
Riqichi kun Raashiyaan naannolee hedduu of harka galchuuf duula gaggeessitu keessatti akka mallattootti ilaalama. AFPn hojjetaa buufata humna elektiriikaa tokkoo-Paavloo jedhamu wabeeffachuun akka gabaasetti, ''yeroo jalqabaaf miidhaan akkanaa nu mudate'' jedhe.
Buufati elektirikii maqaan isaa hin ibsamne kun yeroo lama misaa'elaan, achiis diroonii Iraan hojjette "kamikaze" jedhamuun irratti xiyyeeffatamee ture. Bakki haleelame kun torban lamaaf suphamaa turuu kan dubbate hojjetaan kun, garuu "meeshaan miidhame adda ta'uu isaatiin suphuun rakkisaa ta'eera - meeshaa miidhameen kan walfakkaatu argachuun rakkisaadha," jedhe.












