Sababa ho'aa yoo xiqqaate namootni 1,300 ol Hajjiif imalan du'aniiru- Saawdii Arabiyaa

Madda suuraa, EPA
Hajjii baranaarratti yoo xiqqaate namootni 1,301 du'uu aanga'oonni Saawdii Arabiyaa beeksisan. Kanneen du'an keessaa ammoo harki caalan namoota seeraan ala garasa imalan ta'uu beeksise.
Hajjiin bara kanaa wayiti ho'i akka malee dabalee 50C (122F) ol qaqqabetti gaggeeffame.
Namoota sababa ho'aatiin lubbuu dhaban keessaa dhibbeentaa 75 kan ta'an hayyam seeraa osoo hin qabaatiin gara biyyattii warra galan, dahoo tokko malee ifa aduu keessa deemaa akka turan ejensiin oduu Saawdii SPA gabaaseera.
Kanneen lubbuu dhaban gariin jaarroliifi warra akka malee dhukkubsataniidha.
Ministirri Fayyaa biyyattii Faahd Al-Jalajel balaa ho'i kun qabuufi akkaataa ofiraa ittisuun danda'amu irratti hubannaa uumuuf yaalamuu himan.
Ogeeyyiin fayyaa namoota Hajjiif imalan keessaa walakkaa miiliyoonaa kan ta'an waldhaanuufi kanneen keessaa 140,000 warra seeraa ala biyyattii galaniidha jedhan.
Saawdiin imala Hajjii kana mijataafi balaa kan hin geessisne akka ta'u hojiin hojjette gahaa miti jedhamtee qeeqamti.
Maddi oduu AFP jedhamu dippiloomaatii Arabaa tokko wabeeffachuun akka gabaasetti lammiileen Masirii 658 du'aniiru. Indoneeshiyaan lammiileeshee hajjii deeman keessaa 200 kan caalan du'uu ibsite.
Indiyaan ammoo hanga ammaa du'uunsaanii kan mirkanaa'e 98 ta'uu himteetti.
Paakistaan, Maleeshiyaa, Jordaan, Iraan, Senegaal, Tuniiziyaa, Sudaan fi Iraaq keessatti naannoon ofiin of bulchitu Kurdistaan namoonni hajjiif deeman jalaa du'uu ibsaniiru.
Imala amantaatiif gara Sa’ud Arabiyaa kan deeman lammileen Itoophiyaa shan dhukkubaafi balaa konkolaataatiin lubbuu dhabuu Manni-maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamaa Itoophiyaa ibse.
Lammileen Itoophiyaa bara kana Imala Hajjiirratti hirmaatanii turan keessaa “maanguddoon tokko” balaa konkolaataatiin, kan biroon afur ammoo “dhukkuba duraan qabaniifi [imalaan] muddamuun” lubbuusaanii dhabuu ogeessi sabaa-himaa Mana-marichaa Yusuuf Getaachoo BBCtti himaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gaazexaan Wall Street ammoo lammiileen Ameerikaa hajjiif deeman hedduun du'uu gabaaseera.
Ammallee maatii fi hiriyoonni namoota dhabaman hospitaala deemuun barbaadaa jiru, akkasumas karaa onlaayinii ergaasaanii kaa'uun barbaacha itti fufaniiru.
Hajjii baranaa irratti namoonni miiliyoona 1.8 ta'an hirmaachuu Sa'uudii Arabiyaan ibsiteetti.
Imala Hajjii 144ffaa kanarratti Itoophiyaarraa namoonni kuma 12 akka hirmaatan ragaan Mana-maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamaa Itoophiyaarraa argame ni mul'isa.
Kanneen du'uunsaanii mirkanaa'e keessaa walakkaa ol kan ta'an karaa seeraan alaan warra sirna Hajjii raawwachuuf seenaniidha.
Sababa seeraan ala ta'aniif to'annoo fi hordoffii ga'aa hin argatan. Iddoo qilleensa qabbanneessu jala boqochuuf hiree hin arganne jechuun sababa du'a namoota hedduu gabaase AFPn.
Jordaan fi Masiriin ejentoota imala akkanaaf haala mijeessan to'achuun qorannoo gaggeessaa jiraachuu ibsaniiru.
Sa'uudii Arabiyaan iddoo sirni Hajjii itti raawwatamutti nageenyaa fi tasgabbii cimsiteetti, garuu ammallee hojii guddaatu hafa jedhamuun qeeqamti, keessattuu kanneen seeraan ala garas imalaniin walqabatee.
Mootummaan Sa'uudii namoota Hajjiif deemanii du'an ilaalchisee hanga yoonaa homaa hin jenne.
Wantoonni du'a namootaaf sababa ta'an isaan kunneeni.
Ho'a garmalee

Madda suuraa, Getty Images
Ho'i hamaan kana kanaan duraarraa adda ta'e namoonni hedduun sirna Hajjii baranaarratti akka du'aniif sababa isa ijoodha.
Ministeerri Fayyaa Sa'uudii namoonni ho'a jalaa akka miliqanii fi bishaan akka dhugan akeekkachiisus, namoonni Hajjiif deeman garuu of eeggannoo cimsuu dhabuun balaa ho'a garmalee kanaaf saaxilamaniiru.
Lammiin Naayijeeriyaa Hajjiif Sa'uudii deemte Ayishaa Idiriis ,''fedhii Rabbiinan baraarame, baayyee ho'a ture,'' jechuun BBCtti himte.
''Yeroo hunda dibaabee ofirra qabaan ture, bishaan Zamzam ammoo harki kiyyaa dhabamee hin beeku,'' jette.

Madda suuraa, Getty Images
Kanneen Hajjiif deeman hedduun ho'a garmalee, kan hin baratamne, kanaan miidhamaniiru. Keessattuu kanneen umriin jaaran fi dhukkuba qabanfaa hedduu miidhaman.
Iddoo sirna Hajjii raawwatanitti namoonni sababa ho'aan wayita du'an kun kan jalqabaa miti. Erga bara 1400 keessaa eegalee galmaa'aa jira.
Ho'i addunyaa dabaluun balaa iddoo sanaa hammeesseera jedhu saayintistoonni.
Xiinxalaan haala qilleensaa- Climate Analytics Carl-Friedrich Schleussner ''sirni Hajjii waggaa hedduuf iddoo qilleensi isaa akkaan ho'aa ta'etti gaggeeffamaa ture. Ammoo haalli qilleensaa haala iddoo kana jiru daran hammeesseera,'' jechuun Rooyitarsitti hime.
Tempireecharri qilleensaa gulantaa bara indastirii dura ture irraa digirii seentigireedii 1.5n akkuma dabaluun, balaan ho'aa iddoo Hajjii dachaa shaniin dabala jedha qorannoon isaa.
Baayyinaafi dhimmoota qulqullinaan walqabatan
Maddeen hedduun akka ibsanitti aanga'oonni Sa'uudii haala jiru sirnaan to'achuu dhabuun balaa kana hammeesseera.
Haalli qabiinsaa fi iddoon boqonnaa akkaan gadi bu'aadha jedhan maddeen BBC.
Dukkaana muraasa keessa namoonni hedduun turu, sunuu meeshaalee qilleensa qabbaneessanii fi qulqullina kan hin qabneedha.
Islaamaabaad irraa gara Makkaa kan deemte Amiinaa (maqaa ishee isa sirrii miti) dubartii waggaa 38 yoo taatu, ''ho'a Makkaa garmalee hammaate kana keessatti dukkaana keessa meeshaan qilleensa qabbaneessu hin jiru. Kanneen jiranillee bishaan hin qaban,'' jette.

Madda suuraa, EPA
''Dukaanota kunneen keessa walirratti heddummaachuutu jira, fooliin hedduu nama jeeqa. Baayyee nu dafqisiisa. Muuxannoo baayyee nama jibbisiisuudha,'' jette dabaluun.
Jakartaa irraa gara Makkaa kan imalte Fawuzihaan yaada kanaan waliigalti. ''Dukkaana keessatti walirratti heddummaachuu fi ho'a hamaadhaan hedduun du'uu ga'aniiru,'' jette.
Haata'u malee Ministeerri Fayyaa Sa'uudii qabiinsa namoota Hajjiif deemanii fooyyessuuf qabeenya dhangalaasaa jiraachuu hima.
Hospitaalota 189, buufataalee fayyaa, kilinikoota bakkaa bakkatti socho'an siree 6,500 caalan waliin akkasumas hojjettoota fayyaa, teeknikaa fi bulchiinsaa walumaagalatti kuma 40 ta'an sirna Hajjii kanaaf qofa hojiirra oolchuu ibseera.
Geejjiba
Namoonni Hajjiif deeman ho'a hamaa keessa fageenya dheeraa miillaan deemu, kaan daandiin dhagaadhaan cufamuu fi sirnaan kan hin hojjetamne ta'uu komatu.
Qindeessitoota sirna Hajjii keessaa tokko kan ta'e Muhammad Acha yeroo bonaa kana keessa namni Hajjiif deeme tokko bakka sirni kun itti raawwatamutti yoo xiqqaate kiilomeetira 15 miillaan imaluu qabu jedha.
Kun ammoo ho'a hamaan yeroo dheeraaf qaamasaanii akka argatu, akka garmalee dadhaban taasisa. Kana keessatti rakkoon bishaanii jira.
''Kun Hajjii 18ffaa kiyya. Hangan beekutti to'attoonni Sa'uudii haala mijeessitoota yeroo ta'an argee hin beeku. Si to'atu malee si hin gargaaran,'' jedhe.
Namoonni hedduun bakka sirna Hajjii itti raawwatan irraa gara dukkaana qophaa'ee deemanii boqochuuf kiilomeetira hedduu imaluu qabu kan jedhu Muhammad Acha, ''daandiirratti balaan tasaa yoo mudate namni namaaf birmatu hin jiru. Hanga daqiiqaa 30tti kan namaaf birmatu hin jiru. Lubbuu namaa baraaruuf haalli dandeessisu hin jiru, daandii kanarra bakki bishaan argatan hin jiru,'' jedha.
Namoota karaa seeraan alaa Hajjiif imalan
Namoonni gara Makkaa imaluun sirna Hajjii raawwachuuf visa seera qabeessa qabaachuu qabu.
Garuu namoonni hedduun dokumantii tokko malee karaa seeraan alaan gara Makkaa imaluun sirna Hajjii wayita raawwatan argamu.
Osoo aanga'oonni mootummaa Sa'uudii dhorkanii bira darbanii namoonni gocha kana raawwatan hedduudha.
Namoonni haala kanaan bakka sirni Hajjii itti raawwatamu ga'an rakkoosaanii aanga'oota dhimma Hajjiif ramadamanitti himachuun hafee ni dheessuyyuu. Wayita rakkatanii gargaarsi isaan barbaachisullee rakkoosaanii hin himatan.
Hajjiin seeraan ala raawwatamu kun namoota hedduu du'aaf saaxileera. Dukkaana keessatti namoonni akka walirratti heddummaatan kan taasise jara kana jechuun himatu aanga'oonni Sa'uudii.
Dura taa'aa Komishinii Hajjii fi Umraa Biyyaalessaa Indoneeshiyaa kan ta'e Mustolih Siraaj ''namoonni seeraan alaa kunneen naannoo dukkaanaatti lakkoofsi namootaa akka dabalu taasisaniiru,'' jedhe.
Gorsaan Koree Hajjii fi Umraa Biyyaalessaa Saad Al-Qurashi ''namni visa Hajjii hin qabne kamiyyuu asitti hin keessummeeffamu, gara biyyaatti deebifama,'' jechuun BBCtti hime.
Jaarrolee, qaama miidhamtoota ykn dhukkubsattoota

Madda suuraa, Getty Images
Namoonni hedduun erga umriinsaanii deemee Hajjii deemu. Jireenyasaanii keessatti yeroo dheeraaf erga maallaqa qusatanii booda Hajjii deemu.
Sababa dullumaa waan of dadhabaniif ho'i hamaan kun itti dabalamnaan du'aaf saaxilamu.
Gariin ammoo jireenyisaanii gara dhumaa hanga lubbuunsaanii ba'uutti iddoo Hajjii kanatti osoo ta'ee filatu.
Iddoo kanatti du'uu fi awwaalamuun eebbifamuudha jedhanii waan amananiif.
Namni sirna Hajjiirratti yoo du'e maaltu ta'a?

Madda suuraa, Getty Images
Namni tokko Imala Hajjii irratti sababa kamiiniyyu lubbuun isaa yoo darbe du'i isaa Miishinii Hajiitti gabaafama.
Eenyummaa harka irratti ykn mormarratti godhatamuun eenyummaan nama du'ee adda baafama.
Isaan booda hakiimaan sababiin du'a isaa adda baafamee mootummaan Sa'ud Arabiyaa sartifikeetii du'aa kenna.
Nama lubbuun isaa darbeef amantaa Islaamaa keessatti bakka guddaa kan qabu masjiida Makkaa keessatti Masjiida Al-Haraam ykn masjiida Nabiyyuu Makkaati argamutti kadhaan taasifamaaf.
Mootummaan Sa'udii baasii hunda danda'ee reeffi dhiqamee maramuun firiijii keessa gala.
Sirni awwaalchaa ammoo odeeffannoo eenyummaa nama du'ee sana qabu waliin raawwatama. maatiin nama du'ee fedhii yoo qabaatan bakka awwaalcha sanaa dawwachuu ni danda'u.
Addeessi Diimaa namoota Imala Hajjiirratti lubbuun isaanii darbe "haala kabaja isaaniif maluun sirni awwaalcha isaanii raawwwatamuu" ni mirkaneeffata.












