Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Bob Maarlii: seenaa addaa afran mootii muuziqaa reegee
- Barreessaa, Aaron Akinyemi
- Gahee, BBC News
Fiilmiin haaraa 'One Love' jedhamuun dhiyeenya midhaaffame, jireenyaa fi hojii weellisaa muuziqaa reegee lammii Jamaayikaa Bob Maarlii irratti xiyyeeffata.
Fiilmiin kun imala weellisaa kanaa ijoollummaa baadiyyaa Jamaayikaa kaasee hanga addunyaarra beekamuu, akkasumas taatee fi seenaa artistii kanaa guddoo beekaman kan daawwachiisudha.
Haatahu malee seenaa nama kanaa keessaa wanti namoonni hedduun hinbeekne jiru. Kunniin waa'ee artistii reegee kanaa wantoota isin beekuu dhiisuu maltanidha.
1. Barruu harkaa ilaaluun egeree himuu
Muuziqaa eegaluu isaatiin dura, Bob Maarliin bakka dhalootaasaa St Ann jedhamtutti barruu ilaala ture (palm reader).
Ijoollummaatti, barruu harkaa hiriyootaa fi ollaa ilaaluun, egereen isaanii maal akka tahe himaaf ture.
Hiriyaasaa dhiyoo kan tahe Alan "Skill" Kool, raagni Boob Maarlii hedduun isaanii hanga tahe kan dhugaa akka turan himuun, weellisaan kun "uumamaan ayyaana wahii qaba" jechuun dubbata.
Haatahu malee 1970'oota keessa hiriyaansaa sagantaa konsartiisaa to'ataafi ture kun akka jedhutti, barmaanni barruu harkaa ilaaluu kun yeroos Jamaayikaa keessatti fudhatama hinqabu ture jedha.
Hawaasni Raastaafaariyaan itti dhiyaatanii jiran, barruu harkaa ilaaluu akka dhaabu gorsan.
Bob gorsa isaanii kanaanis waliigale. Kan xumuraa garuu kanumasaa ilaale - gaaf tokko istuudiyoo muuziqaa kan mataasaa akka ijaaru raage. Innis dhugaa tahe.
2. Badhaafamaa UN
Maarliin dhimmoota hawaasaa fi siyaasaa sirbootasaa keessatti kaasuun beekama.
Haatahu malee, 1978tti Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii-UN medaaliyaa nagaa isa badhaasuu quba qabduu?
Badhaasni kunis kan kennameef, wayita biyyasaa Jamaayikaatti nageenyi dhibetti nagaa fi haqarratti hojii hojjeteen.
Baruma sana gara jalqabaarra, Bob Maarlii Konsartii muuziqaa 'One Love Peace Concert' jedhamu magaalaa Kingistan, Jamaayikaatti qopheessee ture.
Galmi konsartichaas hokkora wanbadeen gareen walqooduun uumaa turan tasgabbeessuuf ogguu tahu, gaafas Maarliin falmitoota siyaasaa lama waltajjii baasuun akka harka walfuudhan taasiseera.
Ji'oota muraasa boodas UN magaalaa Niiw Yoorkitti weellisaa kana badhaase. Badhaasi kunis kan isaaf kenname, UNtti jila Afrikaatiin ture.
3. Mallattoo gosa muuziqaa 'J-Reggae'
Bob Maarlii gosa muuziqaa reegee Jaappaan keessatti akka beeksise quba qabduu?
Maarliin 1975 keessa Jaappaan daawwate. Akka barruun Jaappaan Sabukuru gabaasetti, taphataa muuziqaa biyyattii beekamaa Masahito “Pecker” Hashida jedhamu wajjin hiriyaa dhiyoo tahan.
Michummaan isaanii kunis albamoota akkaan gurra horatan: 1980tti Pecker Power, akkasumas Instant Rasta, 1981tti wajjin midhaassan.
Albamoonni lamman kun artistoota Jamaayikaa fi Jaappaan kan hirmaachise ogguu tahu, reegeen Jaappaan keessa akka babal'atuuf shoora guddaa taphateera.
Reegeen haga har'aattillee Jaappaan keessa guddoo caqafama.
Kana malees biyyattiitti festivaalli muuziqaa reegee irratti xiyyeeffatuufi guddoo beekamaa tahe Yokohama reggae festival ykn Yokohama Reggae Sai waggaa waggaan gaggeeffama.
4. Hojii warshaa konkolaataa keessaa
Maarliin erga hojii muuziqaa jalqabee maallaqa isa jiraachisu argachuu wayita dadhabetti, yeroo gabaabaaf warshaa konkolaataa Kiraayisilar kan US bulchiinsa Daalaaweer jiru keessa hojjechaa ture.
Bara 1966 keessa gosa muuziqaa 'Ska' jedhamuun wallee muraasaan Jamaayikaatti milkaa'us, indastrii muuziqaa keessatti garuu hangas mara maqaa hin horanne ture.
Biyyasaa Jamaayikaa dhiisuun haatisaa bakka jiraattu Wilmingitan, Daalaaweeritti godaane. Harmeensaa Sedelaa Buukar, abbaan Maarlii 1955tti erga du'anii booda magaalaa kanatti galan.
Turtiisaa ji'oota 10 magaalaa kanaan, weellisaan kun bakka konkolaataan 'Chrysler' itti walitti suphamu keessa hojjechaa, galgala ammoo hojii maashina 'forklift' oofuu hojjeta ture.
Akka hiriyoonnisaa himanitti, hojiin inni dabaree halkaniin hojjechaa ture kun, sirbasaa 'Night Shift' yookiis 'Dabaree Halkanii' jedhuuf ka'umsadha jedhu. Walleen kunis albamasaa 1976tti bahe 'Rastaman Vibration' jedhu keessa hammatameera.