Baahirdaar fi Gondar dabalatee naannoo Amaaraatti walitti bu'iinsi hammaachuu jiraattonni himan

Magaalota Baahirdaar fi Gondar dabalatee kutaalee naannoo Amaaraa garaagaraa keessatti walitti bu'iinsi hidhattootaa fi humnoota nageenyaa mootummaa gidduutti hammaachuu jiraattonni BBCtti himan.

Keessattuu Baahirdaar fi Gondar keessatti dhukaasi gurguddaan dhagahamaa jiraachuu himan jiraattonni.

Walitti bu'iinsi humnoota mootummaa fi garee hidhataa faannoo ofiin jedhu gidduutti kan hammaate, wayita mootummaan federaalaa naannoo Amaaraatti nageenya boora'e yeroo gabaabaa keessatti deebisuuf hojjechaa jiraachuu ibsetti.

Qajeelfamni Ajaja Waliigalaa labsii yeroo muddamaa, dhuma torbee darbee labsame dursu, nageenya ''garee saamtotaa fi wanbadeen'' boora'e bakkatti yeroo gabaabaa keessatti bakkatti deebisuuf tarkaanfii fudhachuu eegaluu ibseera.

Walitti qabaan Ajaja Waliigalaa Qajeelfama labsii yeroo muddamaa fi Daarektarri Tajaajila Tikaa fi Nageenya Odeeffannoo Federaalaa Obbo Tamasgeen Xuruna, rakkoo naannoo Amaaraatti mudate furuuf, naannocha komaandi postii afur jalatti gurmeessuun hojii seeraa kabachiisuu eegaluu ibsan.

Obbo Tamasgeen Dilbata kaleessaa galgala waa'ee hojiirra oolmaa labsii kanaarratti yaada kana haa kennaniyyuu malee qaamolee fi miidiyaaleen garee faannoon hidhata qaban hidhattoonni kunneen magaalaa Baahirdaar haga tokko to'achuu himaa jiru.

Akkasumas buufata xiyyaaraa magaalattii keessatti argamu fi buufata miidiyaa naannochaatti humnoonni mootummaa baayyinaan ramadamuu himu.

Balaliin xiyyaaraa gara magaalota Laallibalaa, Baahirdaar fi Gondar akkuma adda citetti jira. Tajaajilli interneetiis akkasuma.

Baahirdaar

Magaala Baahirdaar keessatti guyyaa kaleessaa dhukaasni guddaan gaggeeffamaa turuu jiraattotarraa odeeffanneerra.

Jiraattonni magaalattii dubbisne akka jedhanitti, kaleessa keessumaa waaree booda dhukaasa guddaatu gaggeeffamaa ture.

Naannoo ganda 14 jedhamutti halkan dhukaasni guddaan dhagahamaa buluu kan himan jiraatan kun namoonni baay’en manaa kan gadi hin baane ta’uurraa kan ka’e dhukaasa dhagahuurraa kan hafe dhukaasni kallattii kamitti deemaa akka ture baruun rakkisaa ta’uu ibsan.

Kaleessa osoo dhukaasni hin eegalin waan naannichatti deemaa jiru adda baasuf manaa bahanii ilaalaa turuu kan dubbatan jiraatan magaala Baahirdaar kun, karaan dhagaafi mukaan cufamee sochiin jiraattotaas ta’ee hidhattootaa akka hin turre himan.

Jiraatan magaalattii BBCn dubbise hojjataa mootummaa yoo ta’an, sababa rakkoo nageenyan sochiin hunduu waan dhaabbateef hojiinis akka hin jirre dubbatu.

Jiraatan kun akka jedhanitti har’as darbee darbee magaalattii keessatti dhukaasni ni dhagahama.

Gondar

Guyyaa kaleessaa, Dilbata 06, 2023, Gondaritti lolli jabaan gaggeeffamaa ooluu jiraattonni ni dubbatu.

Bakkeewwan ijoo magaala Gondar tokko tokko ammayyuu humnoota Faannotiin kan qabamanii jiran yoo ta’u, magaala qarqara ammoo rayyaan ittisaa buufatee akka jiru himan jiraattonni.

Guyyaa kaleessaa magaala Gondar iddoo Piyaassaafi Bilkoo jedhamutti dhukaasni gaggeeffamaa ture jabaataa dhufuu himan.

Nageenyasaanif jecha maqaansaanii akka hin dhahamne kan gaafatan jiraattonni kun guyyaa har’aa, Hagayya 07, 2023 dhukaasni gaggeeffamaa akka jiru himan.

Sababa rakkoo nageenyan sochiin kamiyyuu cimee daangeffamuu himan jiraattonni kun.

Laalibalaa

Magaala Laallibalaatti ammoo nageenyi jiraachuu jiraattonni BBCtti himan.

Torbee darbe magaala Laallibalaarraa fageenya km25 irratti kan argamu buufanni xayyaaraa humnoonni naannoo Amaaraa to’atanii turuun wal-qabatee magaalattiitti muddamni uumamee akka ture dubbatu jiraattonni.

Dabrabirhaan

Jiraattonni magaala Dabrabirhaan BBCn dubbise akka jedhanitti naannoo magaalattiitti sagaleen dhukaasaa dhagahamaa ture. Dargaggoonnis magaalattii keessatti bahanii dhiichisaa akka turan ibsan.

Daandiin magaalattii gara Finfinnee geessus cufamuurraa kan ka’e sochiin magalaa keessa jiru kan murtaa’e ta’uu himan.

“Yaaddoo keessa jirra” kan jedhan jirattonni sochiin har’aas kan kaleessarraa adda akka hin taane himu.

Waldiyaa

Jiraattonni magaala Waldiyaa akka jedhanitti sagaleen dhukaasaa magaalattii keessa jiraachuu baatus, tajaajilli hunduu cufaa ta’uu himan.

Har’a, Hagayya 07, 2023, magaalattii keessa tajaajilli mootummaas ta’ee kan dhuunfaa cufaa ta’uu himan jiraattonni BBCn dubbise kun.

Magaalattii keessatti raayyan ittisaa socho’aa akka jiruufi dargaggoota walitti qabaman humnaan bittimsaa akka jirus himan.