Puutin dhukkubsateera kan jedhuuf ragaan hin jiru - CIA

Vilaadmiir puutin

Madda suuraa, EPA

Vilaadmir Puutin dhukkubsachuu isaatiif ragaan gahaa tahe hinjiru jedhan daayireektarri CIA.

Dhiyeenya keessa miidiyaalee irratti oduun hin mirkaneeffamne, kan pirezdaantiin umurii ganna 70 Puutin dhukkubaan, tarii kaansariin hubameera jedhu naanna’aa jira.

Ta’us garuu hogganaan CIA, Wiiliyaam Barnis ragaan oduu kana deeggaru hin jiru jedheera. Inumaawuu qoosaan ''fayyaa tahee mul'ata,'' jedhan.

Kana kan dubbate erga US meeshaa waraanaa fageenya dheeraa dhukaasu dabalataa Yukireenif akka kennitu erga beeksifte boodadha.

Kana dura Ministeerri Dhimma Alaa Raashiyaa Sargee Lavroov, Yukireen keessatti xiyeeffannoon waraanaa Raashiyaa kana booda lixa irratti “qofa” miti jechuun, erga biyyootiin Lixaa Yukireeniif meeshaa waraanaa akkanaa gumaachanii as malli Raashiyaas geeddaramuu isaa agarsiiseera.

“Waa’ee fayyaa Pirezidaant Puutin irratti oduu baayyetu jira, hanga nuti agarretti fayyaa guutuu qaba,” jechuun Aab Barnis Marii Nageenyaa Aspeen Koloraadoo irratti dubbataniiru.

Kana dura Moskoo keessatti ambaasaaddara ta’uun kan tajaajilan Aab Barnis, gara waggaa 20 oliif hogganaa Raashiyaa kana hubachaa fi waliin hojjechaa akka turan ibsaniiru.

Puutin “to’annoo, dorsisaa fi haaloo ba’utti baayyee amana” kun ammoo waggootii kurnan darban keessatti hammaachaa dhufee, gorsitoonni naannaa isaa jiranis xiqqaachaa dhufeera, jechuun hoogganaan CIA kun dubbataniiru.

“Akka hogganaa Raashiyaatti kaayyoon uumama isaa Raashiyaa akka aboo isa guddaa gochuu akka ta’e amana. Sana dhugoomsuuf ammoo wanti ijoon biyyootii ollaa Raashiyaa irratti dhiibbaa uumuudha jedhe amana, kana ammoo utuu Yukireeniin hin to’atiin gochuu hin danda’u.”

Wiiliyaam Barnis

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, William Burns ambaasaaddara Mooskoo tahanii tajaajilanii turan - suuraa 2014 kahe
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Odeeffannoo US waa’ee karoora Raashiyaa irratti argatte hordofuun, Yuukireeniin weeraruun rakkoo guddaa akka itti uumuu danda’u akeekkachiisuuf jecha Aab Barnis, Sadaasa keessa Raashiyaatti imalanii ture.

Ta’us garuu “yaaddoo yeroo achi ga’u tureerra kan caaluu qabadhee bahe,'' jedhan hogganaan CIA kun.

Karoorri pirezidaantii Raashiyaa kun kan hundaa’an “ilaalcha dogoggoraa fi yaada burjaajaa keessumaa waa’ee Yukireenii fi fedhii ofirraa ittisuu isheen qabattu irratidha,” jedhu Aab Barnis.

“Puutin dhugumaan yaada kana ni amana. Waggootii hedduuf qofaatti yeroo inni Yukireen biyya dhugaa miti jedhu dhaga’eera.”

“Biyyi dhugaa deebiftee ofirraa ni lolti. Yuukireenis kana goote.”

Akka tilmaama US’tti Yuukireen keessatti loltoonni Raashiyaa ajjeefaman 15,000, kan mdaa’an ammooo 45,000 gahuu akka malu Aab Barnis himaniiru.

Gama Yukireenin ammoo kan Raashiyaarraa xiqqoo gadi bu'us, akkaan walirraa fagoo miti.

Raashiyaan Guraandhala keessa Yukireeniin kan weerarte, himata sobaa lixa Yukireen bulchiinsa Donbas keessatti hawaasni affaan Raashiyaa dubbatan irratti duguggaan sanyii ga’aa waan jiruuf walabummaa isaaniif kennuu barbaachisaadha jedhuuni.