Putiin barbaacha michummaatiif Iraan deeme

Madda suuraa, Reuters
Dureewwan Raashiyaa, Tarkiifi Iraan, Tehraanitti wal gahuun mariyatan.
Marii kana irratti ammoo Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin waa'ee rakkoo siyaasaa Sooriyaa keessa jiruu nagaatin furamuu qaba jechuun yaada dhiyesse.
"Rakkoon Sooriyaa walabumma biyyattii kabajuudhan kara dippilomaasii qofa furamuu danda'a," jechuun yaada dhiyeesse.
Kan nama dhibu garuu Putiinuma isa waa'een Sooriyaa nagaan furamuu qaba jedhetu ji'a shan dura Yukiren weerare. Waa'ee walabummaa, tokkummaa daangaafi bilisummaa Yukrieen irratti garuu mariyachuu dide.
Garaagarummaan isaa maali?
Pirezidaantin Sooriyaa Bashir al-Assad michuu Raashiyaati. Raashiyaan karaa dippilomaasiifi siyaasan osoo hin taane meesha waraana barbaachisu ergudhaan al-Assad aangoo irratti tiksiti.
Yukireen ammoo gaggeessaa michummaa biyyoota lixaa deeggaruu fi biyyattiin deebibtee Raashiyaa jala akka hin galle barbadu qabdi.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Qaamolee yaada "Naazii" deeggaran dhabamsiisuufi lammiilee koo baha Yukireen afaan Raashiyaa dubbatan tiksuun qaba, akkasumas dhiibbaa NATO halaalatti ittisuun qaba yaada jedhuun Raashiyaan Yukireen weerarte.
Ergasii lammiilen nagaan kuma hedduu ajjeefamaniiru. Waraana kana hordofee hawaasa idil-addunyaa heddu irraa mormiin Raashiyaa mudate. Biyyooni lixaas qoqqobbii gosa garaa garaa Raashiyaa irra kaa'an.
Walgahiin Tehraanitti gaggeeffame kun Putiiniif ammayyuu michuuwwan ciccimoo qaba jedhee agarsiisuuf carraa gaarii uumeef. Haata'u malee, bakkeewwan muraasa Putiin michummaaf dhaqu keessaa tokko Iraanidha.
Putiin Iraanitti haalan simatame. Weerara Raashiyan Yukireen irratti gaggeessiteef "baga goote" jettee Iraan waan harka rukutteef fakaata.
Gaggeessaa Olaanaan Iraan Alii Kahmeenin Putiin simachuun, "NATOn Yukireen keessatti osoo dhaabsifamuu baatee, silaa maqaa Kirimiyaatin waraanuma wal fakkaataa bana ture," jechuun Raashiyaa jajjabeesse.
Kanaaf, Putiin Iraan daawwachuu isaatin michoota isaarraa deeggarsa argachuu nan danda'a jechuu isaatii? Kuni Washingitan baay'ee hin yaaddessu.
Waayit Haawusitti dubbi-himaa gaggeessaa olaanaa Gumii Nageenya Biyyoolessaa kan ta'e Joon Karbii, "Daawwannaan Putiin Iraan itti taasise Raashiyan adunya irraa adda cituu ishee kan agarsiisudha. Amma deeggarsaaf fuula isaanii gara Tehraanitti deebisuu qabu," jechuun dubbate.
Walgahii biyyoonni sadan Tehranitti taasisaniin booda Erdogan fi Putiin waliin mariyachuuf wal beellamanii turan.
Galma walgahii isaanitti wal-arguuf dursee kan argame Putiin ture.
Miidiyaaleefi ogeeyyin Kaameraa walgahanii eegaa jiru. Alaabaan biyyoota lamaanii ka'amee Putiin ammoo dhaabbatee Ergdogaan hanga dhufutti eegaa ture.
Turtii sekondii 50 booda Erdogaan dhufee harka wal fuudhanii suura ka'an. Hanga Erdogaan dhufutti garuu Putiin qopha isaa kaameraa fuuldura sekondii 50f miira kophummaatu fuula isaarraa dubbifama ture.
Raashiyaan garuu ammayyuu qophaa miti jetti. Michuuwan hedduu lixa irraa yoo dhabne, baha irraa hedduu qabna jetti.
Daawwannaa Iraan kanaan, dhimma nikularii Iraaniifi rakkoo nyaataa dabalatee rakkoolee garaa garaa addunyaa mudataa jiran Raashiyaa qoollifatanii furuun hin danda'amne ergaa dabarsitee jirti.
"Oppireeshiniin" Raashiyaan Yukireen irratti labsite akka karoora isheetti deemufiif hin dandeenye.
Haata'u malee, Putiin ammayyuu waraana Yukireen lolaa jiruufi dhiibbaa biyyoota lixaarra gahaa jiru mo'ichaan akka xumuru ofitti amanamummaan qaba jechaa jira.












