Biyyoota Afrikaatti harree hatuun akkaan dabale

Madda suuraa, THE DONKEY SANCTUARY
Jiraataa qarqara magaala Naayiroobii kan ta'e Istiiv bishaan waraabee maamiltoota bishaan barbaadaniif dhiyeessuf harootasatti fe'ee geessa. Jireenyasaas kanumaan gaggeeffata.
Garuu guyyaa tokko harroonnisaa hattoota gogaa harree qorichummaaf barbaadaniin jalaa hatamanii jireenyasaa dukkaneessan.
Akkuma yeroo kaanii harootasaa dirreeetti bobbaasee dhimmasaa oolee gaafa manatti galchuu dhaqu haroonnisaa bakka durii sana hin jirtu. Barbaadaa oolee bulee guyyaa lammaffaa hiriyyaansaa tokko itti bilbilee 'harroonni kee qalamtee gogaan irraa fuudhamee bakkee keessatti argee hin dhama'in' jedhee itti hime.
Afrikaa biyyoota garaa garaa keessatti hanni harrootaa bifa kanaan gaggeeffamu baay'ee dabalaa dhufeera.
Daldalli gogaa harree addunyaarratti barbaadamaa ta'e kun harroota heddu galaafataa jira.

Madda suuraa, THE DONKEY SANCTUARY
Keessumaa Chaayinaatti qorichi aadaa gogaa harree irraa hojjatamu akkaan barbaadamaadha. Qorsi kun "Ejiao" jedhamuun beekama. Fayyummaafi qaama namaa dargaggeessa godhee tursiisa kan jedhuudha.
Gogaan harree erga affeelamee booda 'jelaatiinin' gogicha keessaa baafamee bifa dhangala'aan ykn qorsaan ykn ammoo nyaatatti dabalamee dhiyaata.
Namoonni akka Istiiv sababa qorsa Chaayinaatti barbaadamaa ta'ee kanaan haroota isaanii hannaan dhaban hedduudha.
Dhaabbanni Donkey Sanctuary, bara 2017 kaasee daldalli harrotaa karaa seeraan alaa gaggeeffamu akka dhaabatuuf duula gaggeessaa jiru qoradhe akka jedhetti, addunyaarratti waggaatti harroonni miliyoona 5.9 ni qalamu.
Haa ta'u garuu industirii Chaayinaa "Ijiao" kanaafa waggaatti gogaan harroota meeqaa akka dhiyaatu ragaa qabatamaa argachuun rakkisaadha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Harroota miliyoona 53 addunyaarra jiran keessaa lama sadaffaansaanii Afrikaa keessatti argamu. Ardii lakkoofsi harrootaa guddaan keessatti argamu kanatti ammoo to'annoon taasifamu baay'ee laafadha. Biyyoota tokko tokko keessatti gogaa harree alatti erguun seera qabeessa yoo ta'u, bakka kaanitti ammoo dhorkaadha.
Gabaan gogaa harree baay'ee hoo'aa ta'uufi gatii olka'aa qabaachunsaa ammoo hanni harrootaa akka hammaatu taasiseera. Dhaabnni Donkey Sanctuary akka jedhutti harroonni heddu bakka gogaa harree daldaluun dhorkaa ta'erraa gara biyya itti seera qabeessa ta'eetti geeffamaa jiru.
Biyyoonni akka Biraazilifi biyyoonni Afrikaa tokko tokkos lakkoofsi harreessanii waan baay'ee gadi bu'aa deemef harree qaluufi gara biyya alaatti erguu seeran dhorkuuf jiraachuunsaanii ammoo rakkoo mudate kana xiqqeessuf abdii akka uumu ibsa dhaabbanni kun.
Dhaabnni Donkey Sanctuary kanaaf kan hojjatu Solomoon Oniyaangoo Keeniyaa magaalaa Naayiroobii kan jiraatu yoo ta'u, "Bara 2016 hanga 2019 gidduutti walakkaan harroota Keeniyaa [gogaa gabaaf dhiyeessuf jecha] qalamaniiru jennee tilmaamna" jedha.
Saffisni daldalli gogaa harree itti babal'ataa jiru kan isaan yaadesse Keeniyaatti namoonni heddu daldalli gogaa harree akka dhaabatuuf mormaa jiru.
Guutummaa Afrikaatti daldalli harree yeroo hin beekamneef akka dhaabatuuf Kora Gamtaa Afrikaa Guraandhala 17-18 Finfinneetti gaggeeffamurratti akka dhiyaatufis ajandaarra kaa'amee jira.

Madda suuraa, THE DONKEY SANCTUARY
Kampaaniwwan Chaayinaa qoricha gogaa harree irraa hojjatan biyoota Afrika , Ameerikaa Kibbaafi Eshiyaa heddu keessatti warshaa harree qalu banuun fedhii gabaasaanii guuttachuuf dhama'u.
Chaayinaa keessatti qorichi "Ijiao" gogaa harree irraa hojjatamu kan dur namoonni muraasni qofti itti fayyadaman amma heddu baramaa ta'ee jira.
Keessumaa Afrikaatti kuni gogaa harreef jecha hanni harree akka baay'atu taasisaa jira.

Madda suuraa, FAITH BURDEN
Itoophiyaa biyya foon harree nyaachun safuu itti ta'etti warshaan harree qalu baname mormii uummatarraa ka'een bara 2017 cufamus deebi'ee banamuuti himama.
Afrikaarraa biyyoonni akka Tanzaaniyaafi Ayivoori Koost fa'aa harree qaluu seeraAn yoo dhorkan ollaa Chaayinaa kan taate Paakistaan garuu harree qaluu ni hayyamti.
Walitti dhufeenya Chaayinaafi Afrikaa kan qoratan Pirofeesar Laawuran Jonistan akka jedhanitti gabaan qoricha gogaa harreerraa hojjatamuu bara 2013 dolaara biliyoona 3.2 ture irraa bara 2020tti dolaara biliyeena 7.8tti guddateera.

Madda suuraa, THE DONKEY SANCTUARY
"Hawaasi ani keessa jiraadhu baay'ensaanii qote bultoota galii xiqqaa argataniidha. Waan qaban gabaa baafachuuf harree fayyadamu," jechuun bishaan harrootan gurguree galii argatuun jiraataa akka tureefi amma harroonnisaa erga hatamtee qalamtee harka duwwaatti hafuu hima.












