Magaalaan naannoo Oromiyaa tokko nama fardaan gaarii harkise birri 60,000 adabuuf

Madda suuraa, Getty Images
Bulchiinsi Magaalaa Fiichee faradoon gaarii akka hin harkisne murteessuushee Itti Gaafatamaan Waajjira Aadaafii Tuurizimii magaalichaa Obbo Abarraa Darajjee BBC’tti himan.
“Fardi gaarii harkisuu hinqabu. Fardi aadaa qaba, safuu qaba, duudhaa qaba; iddoo isaaf hin malletti argamuu hinqabu” jedhan qondaalli kun.
Murteen kun tumaalee Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee fi jaarsoliin biyyaa godina Shawaa Kaabaa qindeessummaa Waajjira Aadaaf Tuurizimii godinichaan torbeewwan muraasa dura tuman bu’uura kan godhate akka ta’es himaniiru.
Haaluma kanaan bulchiinsi magaalichaa ji’oota afur booda magaalicha keessatti fardaan gaarii harkisuun dhorkaa akka ta’e murteessera.
Namni murtee kana cabsees birri 60,000 akka adabamu himameera.
Sababni murtee kanaa maali?
“Akka godina keenyaatti fardi aadaa, duudhaa fi safuu guddaa qaba. Yeroo ammaa kana garuu fardi waan isaaf hinmalle hojjechaa jira” jedhu Obbo Abarraan.
Dabaluunis “Oromoon fardasaa akka ilmasaatti, akka ijasaatti ilaalee, kunuunsee itti tajaajilamaa ture. Yeroo ammaa garuu waan isaaf hinmalleef oolaa jira. Miidhaawwan garagaraas irra gahaa jira” jedhan.
Uummanni Oromoo yeroo gaddaas yeroo gammachuus fardattii akka fayyadamu kan himan Itti Gaafatamaan Waajjira Aadaafii Tuurizimii Magaalaa Fiichee Obbo Abarraa Darajjee, fardi biyya kana tursiisuu keessattillee gahee guddaa akka bahate himu.
Haata’u malee, akkaataan faradoon gaarii harkisan magaalicha keessatti tajaajila itti kennan kabajafii jaalala uummatichi faradoof qabuun faallaa ta’uu dubbatu.
“Haalli isaan itti kunuunsan baay’ee gadi bu’aadha. Ittiin hojjetanii gaafa umriin dulloomufii humnaa ol itti fe’anii humnisaanii gadi deeme daandumarratti gatu. Kunis safuu, duudhaa fi kabaja uummanni Oromoo fardaaf qabu kan cabsudha” jedhan.
Kanaafis tumaaleen akka godinichaatti tumaman fi murteen bulchiinsi magaalaa Fiichee dabarse rakkoo beellada kana mudachaa jiru kan hambisan akka ta’an dubbataniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Carraan abbootii qabeenyaahoo maali?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Magaalaa Fiichee keessa faradoon gaarii harkisan 234 akka jiran ragaan Waajjira Aadaafii Tuurizimii magaalichaa agarsiisa.
Dhorkaa faradoo gaarii harkisan irratti kaayame ilaalchisees abbootii qabeenyaa magaalicha keessatti tajaajila geejibaa gaarii fardaa laatan waliin mari’atamuus Obbo Abarraan himaniiru.
“Namoota hojii gaarii fardaa hojjetan walitti qabnee guyyaa tokko hubannoo uumnee jirra. Isarrattis waliigallee jirra” jedhan.
Nnamoonni hojii fardaan gaarii harkisuu hojjetanis yeroo ji’a afurii kaayame keessatti hojii kana keessaa akka bahaniif akka hojjetamus Obbo Abarraan himu.
“Filannoon inni tokkoffaan namoonni gaarii fardaan harkisan gara harreetti akka jijjiirratanidha” jedhan.
Waldaan gurmaa’uun carraawwan hojii biroo akka magaalichaatti jiranirratti akka bobba’an gochuufii waldaan ijaaruun tajaajila liqaa mijeessuun gara tajaajila geejibaa ammayyaatti akka seenan gochuunis filannoowwan isaan biroo akka ta’anis eeraniiru.
Abbootii qabeenyaa kunneen waldaan gurmeessuufis Waajjira Carraa Hojii Uumuu magaalichaa waliin hojjechaa akka jiranis himaniiru.
Dhimmicharratti qaamolee mootummaa dhimmichi ilaallatu kunneen biroo akka Waajjira Abbaa Taayitaa Geejibaa akkasumas Waajjira Abbaa Taayitaa Galiiwwanii magaalichaa waliinis mari’achuunsaanii himaniiru.












