Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Pirojektiin 'Maaddii Biyyaaf Wanciifi Dandiitti misoomni hojjetu maal fa'aa qaba?
Ijaarsi proojeektii misooma Haroo Wanciifi Dandii waggaa lamaan dura bakka Ministirri Muummee Abiy Ahmad (PhD) argamanitti ifaatti jalqabame marsaan jalqabaa parsantaa 83 olirra gahuun isaa himame.
Amma hojiin ijaarsa pirojekticha marsaa jalqabaa xumuramuun ji'oota muraasa dhufan keessa eebbafamuuf jira jechuun hoogganaa itti-aanaan damee Bu'uuralee Misoomaa Pirojektichaa Injinar Birhaanuu Tasfaayee BBCtti himan.
Akka Injinar Birhaanuu himanitti, amma hojiin naannoo Haroo Wanciifi Dandiitti hojjetamu hojii bu'uuraalee misoomaati.
Bara dhufutti ammoo tajaajilawwan turistootaaf barbaachisan hunda guutuu irratti hojjetama jedhan.
Hojiin Pirojektii kana sagantaa 'Maaddii Biyyaaf' jedhuun Waajirri Ministeera Muummee qopheessuun hojjetamaa kan jiru yoo ta'u, Haroo Wanciifi Dandii bakka turistootaaf mijatu gochuuf bu'uuraalee misoomaa barbaachisan ijaaruu dabalatee iddoo miidhagaa ijaafi qalbii namaa hawwatu taasifamaa jira.
Kanaan dura bu’uuralee misoomaa gahaa waan hin qabneef turistoonni garasitti imaluuf rakkisaa ture.
Amma garuu ijaarsi pirojeekticha otoo hin xumuramiiniyyu lakkoofsi daawwattootaa gara haroo kanaatti imalanii dabalaa jiraachuu namoonni Haroo Wancii kana daawwatan dhugaa bahaa jiru.
Waggoota 10'n darbaniif haroo Wancii deddeebi'ee kan daawwate dargaggoon magaalaa Amboo Ashabbir Magarsaa, bara kana qofa yeroo lama hiriyootafi maatii isaa waliin garasitti imalee akka daawwate dubbata.
Ashabbir waan arge BBCtti wayita dubbatu, ijaarsii daandiin Amboo-Walisoo kan gara Haroo Wancii kana geessu saffisaan ijaaramaa jiraachuu hima.
"Keessumaa erga Fulbaanaa asitti hojiin hojjetamaa jiru bareedaafi dinqisiisaadha.
Hojii misoomaa guddaatu hojjetame. Daandii Ambo-Waliisoo waggoota 12 darbaniif harkifataa ture bara kana saffisaan hojjetamaa jira. Ambo irraa kaasee hanga Haroo Wanciitti karaan baayyee bareedaadha," jedhan.
Pirojektichi hojjatamuun guddina magaalota Haroo kanatti dhiyoo jiran akka Amboo fi Walisoof abdii egereeti jedha kun.
Dargaggoonni carraa hojii nuuf uuma jedhanii abdatu jedha dargaggoon magaalaa Amboo Ashabbir.
Pirojektiin misooma haroo Wanciifi Dandiirratti hojjetamu karoora waggaa 10 kan qabu yeroo ta'u, kutaa sadiitti qoodamee hojjatamuuf karoorfame.
Hojiin kun Haroowwan lamaan - Wanciifi Dandii kan walitti fidudha jedhan Injinar Birhaanuun.
Yeroo ammaa naannoo Haroo Dandiifi Haroo Wancii giddutti daandiin km 52 hojjatame xumurameera. Sararri ibsaa, loojiin, iddoo bulmaata turistootaa ijaaramutti jira. Loojiiwwaan manneen ciisichaa ijaaramaa jiru jedhan Injinar Birhaanuun.
Naannoo haraa kanaatti bishaan albuuda qabu, ho'iituufi faawonteeniin hojjatamaa jiraachuu himan.
Wancii hawwata tuurizimii teessuma lafaa ajaa'ibaa qabu, sochiiwwan akka tulluu koruu (hiking) fi bishkileetii oofuufi kaaniif mijataa ta'e, akkasumas bareedina qalbii nama hawwatu qaba.
Hawaasni naannoo haroo Wancii jiraatu eegumsa naannoo irratti, aadaa isaanii eeggachuufi hariiroo hawaasummaa jabaa qabaachutu himama.
Wanci 'Ganda Turiizimii' filatamtuu addunyaa kan bara 2021 ta'uun Dhaabbata Tuurizimii UN (UNWTO)n filatamuun ni yaadatama.
Haroo Dandiifi Wancii misoomsuun iddoo hawwata turizimii gochuuf hirmaannaa uummataa, abbootii qabeenyaa fi mootummaan hojiin jalqabame iti fufas jedhame.
Haroon Wancii Finfinneerra gara lixaatti KM 150 godina Shawaa Kibba Lixaa dhiheenya magaalaa Walisootti argama.
Haroon kun gadi fageenyaa km 78 kan qabu yoo ta’u, kiiloo meetira 4.8 bal’ata.
Haroon hawaataa ta'e Wanciitti dhiyootti argamu biraan Dandii ammoo godina Shawaa Lixaatti km 78 Finfinneerraa fagaatee argama.
Haroowwan kunneen sagantaa proojeektii ‘Maaddii Biyyaaf’ misoomsuun iddoo hawwata turizimii gochuuf hojjatamaa jira.