'Waraana Yukireenin loltoonni biyyoota lachuu du'aniifi madaa'an 200,000 ta'u'- US

Madda suuraa, Reuters
Waraana Yukireen keessatti gaggeeffama jiruun hanga ammaatti Raashiyaa irraa loltoonni 100,000 fi kan Yukireenis lotoonni 100,000 du'uu fi madaa'uu akka hin oolle janaraalli gameessi US tokko himan.
Loltootaan alattis lammiilen nagaan 40,00 du'uu akka hin oolle dubbatan dura bu'aan Ajaja Olaanaa Waraanaa US kan ta'an Jenaraal Maark Miiley.
Akkasumas Yukireen Raashiyaa waliin mariyachuuf mallattoon akka jiru dubbatan qondaalli waraanaa US kuni.
Yaadni mariin gaggeeffamuu mala jedhu kan ka'e pirezidaantin Yukireen Zeleniskiin hanga Puutin aangorraa ka'utti mariin gaggeeffamu hin jiru yaada jedhu erga kaasan boodadha.
Jenaraal Miiley akka jedhanitti mariin kamiyyuu milkaa'uuf Raashiyaas ta'ee Yukireen waraanaan milkaa'un akka hin danda'amne waliif amanuu qabu.
Qondaalli waraanaa akka gorsaa olaanaa Pirezidant Baayidan ta'uun tajaajilan kun hangi loltoota du'anii biyyoonni lamaan akka ta'anii waliin mari'atan akka isaan taasisu dubbatu.
"Waraanni Raashiyaa 100,000 du'aniiru, madaa'aniiru, gama Yukireenis kanuma," jedhu Jenaraal Miiley.
Raashiyaanis ta'ee Yukireen lakkofsa loltoota isaanii miidhamanii sirnaan hin himan.
Ji'a Fulbaanaa keessa loltoonni ishee 5,937 akka du'an Raashiyaan ibsitee turte. Jenaraal Miiley garuu lakkoofsa kanaa ol tilmaamu.
Raashiyaan yeroo Afgaanistaan weerartee turte bara 1979-89 gidduutti loltoonni 15,000 jalaa ajjeefamanii ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yukireen garuu baay'ina loltoota ishee waraana irratti jalaa ajjeefamanii ykn madaa'anii hin ibsine. Garuu, ji'a Hagayyaa keessa loltoonni 9,000 erga waraanni eegalee jalaa ajjeefamuu ministeerri ittisaa biyyattii beeksisee ture.
UN gama isaatiin lakkoofsa biyyoonni lammanuu baasan kana akka lakkoofsa waraana loltoota du'anii ykn miidhamanii isa sirrii ta'eetti akka hin fudhanne beeksisee ture.
Erga Raashiyaan Yukireen irratti waraana bantee as namoonni miliyeena 15 hanga 30 ta'an buqqa'uu akka hin oolle himan qondaalli waraanaa US kun.
Erga waraanni kun eegalee as namoonni miliyeena 7.8 ta'an Yukireen irraa buqqa'uun Raashiyaa dabalatee biyyoota Awurooppaa heddu keessatti baqattoota akka ta'an UN galmeessee qabaachuu beeksiseera.
Sadaasa 9 ammoo Raashiyaan loltoota ishee magaalaa Kersoon keessaa akka bahan ajajje. Kuni ammoo Yukireenif milkaa'ina guddaadha jedhamaa jira.
Raashiyaan dhiyeenya kana loltoota dabalataa 300,000 Yukireenitti bobbaasuf akka jirtu beeksiftus amma loltoonni ishee magaalaa Kersoon gadhiisani.












