Qondaalli gameessi Raashiyaan muudde balaa konkolaataan du'e

Madda suuraa, Getty Images
Bulchaa Ittaanaan Raashiyaan mulchiinsa Kherson keessatti muudde, Kiril Stremousov balaa konkolaataan ajjeefamuu miidiyaan biyya keessaa gabaase.
Gaheessi umurii waggaa 45 kun kan muudama argate Raashiyaan weerara raawwattee baatiiwwan lamaan booda ture.
Qondaalli kun to'annoo Raashiyaan bulchiinsota Yukireen keessatti raawwattu kanneen deeggaran keessaa tokko yoo ta'u, miidiyaalee hawaasaa gubbaatti dubbiiwwan hamaa barreessuun beekama ture.
Aab Stremousov lammii Yukireen yoo ta'u, biyya haaluudhaan poolisoota Yukireeniin barbaadamaa ture.
Bulchaan bulchiinsa Kherson kan Raashiyaan muudde Vilaadmiir Saaldoon ittaanaan isaanii akka ajjeefame dubbatu.
Itti dabaluunis qondaalli ajjeeffame kun abbaa ijoollee shaniifi jahaffaan daandiirra jiraachu himan.
Booda irra ammoo Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin ibsa baasaniin kabaja meedaaliyaa bulchiinsaa olaalaa badhaasuu ibsan.
Ejjansiin oduu Interfax qondaaltoota eeruun akka gabaaseetti, balaan konkolaataa qondaaltich galaafatee kunis daandii magaalaa Kherson fi Armyansk jidduutti argamu irratti mudate.
Qondaalli biraa kan Mooskoon bulchiinsa ollaa Zaporizhzhia irratti muudde, Vilaadmiir Roogooy, Aab Stremousov kan du'e osoo konkolaataa fe'umsaa kan ''haala balaafamaa'' ta'een deemaa ture dabarsuuf yaaluu balaa mudateen ta'uu ibsan.
''Balaa hamaa akkasii sanarraa carraan ittiin lubbuun hafamu hin jiru'' jedhan Roogoy barreeffama suuraa konkolaataa balaadhaan barbadaa'ee waliin maxxansaniin.
"Duutii Kiril hunda keenyaaf gadda olaanaadha,'' jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Duutii Aab Stremousov himamee sa'aatiiwwan booda ammoo Ministirri Ittisaa Raashiyaa Sargeey Shoygu loltoonni Raashiyaa akka qarqara laga Dniproo gara lixaa jiruu keessaa bahaniif ajaja dabarsan.
Kana jechuunis Magaalaa Kherson gadhiisanii bahu jechuudha.
Wayita loltoonni Yukireen haleellaa qollachuu taasisaa jiran kanatti waraanni Raashiyaa qarqara lixaa ittisuuf abdataa jiru.
Magaalaan Kheson bulchiinsi jidduugala Yukireen erga Guraandhala looltoota Raashiyaatiin qabamee yoo ta'u, qarqara galaanaa lixaa irratti argamti.
Aab Stremousov ibsa guyyaa guyyaan ummata Khersoniif karaa midiyaa hawaasaatiin taasisuun beekama. Innis yero baayyee wantoota haaraa adda waraanaa irraa argatee himaa ture.
Gabaasaan BBC Tiim Wheweel akka jedhuutti, Aab Stremousov nama yeroo hunda uffannaa toluufi uummatatti mullachuu jaalatuu waan ta'eef kaameeraarratti mul'achuu jaalatu ture jechuun ibsa.
Torbanoota dhiyoo keessatti ammoo, osoo looltoonni Yukireen gara sanatti cimaa jiranuu namoonni nagaa isaan fuldura akka laga ce'aniif ajajee ture. Yukireenis jiraattoota naannichaa humanaan buuqisaa jirti jechuun himataa turan.












