Meeshaaleen waraanaa kami fa'i biyyoonni lixaa Yukireeniif dhiyeessan?

Madda suuraa, Getty Images
Yukireen jeettii waraanaa F-16 kan biyyoonni Lixaa kennaniif isa jalqabaa waraanaaf bobbaasaa turte.
Kiiv dhuma bara 2025tti jeettiiwwan waraanaa 65 fi isaan ol akka argattu abdii qabdi.
Akkasumas erga kongireesiin gargaarsa waraanaa doolaara biiliyoona 61 kan yeroo baayyee harkiifate raggaasisee booda US irraa dhiyeessii meeshaa waraanaa haaraa argataa jirti.
Ofii meeshaalee waraanaa dhiheenya Yukireeniif kennamee kamiidha?
Dhuma baatii Hagayyaa irratti, Pirezidaantiin Yukireen Zelenskiin humni qilleensaa isaanii kennaa xiyyaarota waraanaa F-16 kan marsaa jalqabaa biyyoota lixaa irraa akka isaan qaqabe beeksisaniiru.
Xiinxaltoonni waraana qilleensaa, xiyyaaronni Ameerikaan hojjetaman keessaa kan gara 10 ta'an akka qaqabaniifi kanneen biroo 10 ammoo dhuma bara 2024tti akka dhiyaatan himan. Kanneen hafan bara 2025'tti akka ergamu dubbatu.
Yukireen Guraandhala 2022 battaluma Raashiyaan weerara raawwattee yeroo muraasa booda kaasuun michoota ishee jeettii F-16 gaafachaa turte.
Biyyoonni Awurooppaa afur: Beeljiyeem, Deenmaark, Nezerlaandiifi Noorweeyeen xiyyaarota F-16 kan US irraa bitatanii fi bakka buusuuf yeroonsaa gahaa jiru akka kennaniif yaada dhiyeessan.
Caamsaa bara 2023 keessa ammoo, prezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan xiyyaarota kanneen dabarsanii biyya alaatti akka erguuf hayyama isaaniif kenne.
Erga yeroo sanaatii kaasees, balaliistonni Yukireen akkaataa itti jeettiiwwan kanneen balaliisan barachaa jiru.
Dhaabbata Rooyaal Yunaayitid Sarviiz Inistiitiyuutii irraa Piroofeesar Jastiin Biroonk akka jedhanitti, dhaabbanni ittisa Biriteen, xiyyaaronni F-16 adda durummaan diroonii Raashiyaa fi haleellaa misaa’ela kiruuzii bakka waraanaa fi siiviilii irratti raawwatu irraa ittisuuf kan oolaniidha.
Haa ta’u malee, Giddu-galli Qorannoo Tarsiimoo fi Idil-addunyaa Ameerikaa keessatti argamu akka jedhutti, kanneen akka:
- Sirnawwan ittisa qilleensaa Raashiyaa, wiirtuuwwan ajajaa fi kuufama dhiyeessii irratti haleellaa raawwachuuf,
- Xiyyaarota Raashiyaa naannoo qilleensaa Yukireen keessatti bobbaasuuf,
- Humnoota lafa irraa lola irratti deeggarsa dhiyeenyaa ni kennuuf ni oolu.
Biyyoota lixaa meeqatu Yukireen gargaare?
Baatii Guraandhala 2022 fi dhuma ji’a Waxabajjii 2024 gidduutti, Ameerikaan meeshaalee waraanaa fi qawwee gatii doolaara biiliyoona 56.9 qaban Yukireeniif dhiyeessuuf ykn kennuu ishee dhaabbanni qorannoo Jarmanii Institiyuutiin Keel ibseera.
Jarmaniin ammoo meeshaalee waraanaa doolaara biiliyoona 11.3 baasuu, UK'n doolaara biiliyoona 9.8, Deenmaark doolaara biiliyoona 7.1, Nezerlaandiif ammoo doolaara biiliyoona 4.9 akka kennan Inistiitiyuutiin Diinagdee Addunyaa Keel ibseera.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Deeggarsi Yukireeniif taasifame kunis qaama paakeejii gargaarsaa dolaara biiliyoona 95 kan deeggarsa waraana Israa'eliifi Taayiwaan dabalata.
Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidanis guyyaa Roobii mallatteessuun isaaniin dhagahame.
Pirezidantiin Yukireen Voloodmiir Zelenskiin gamasaanitiin, kenniinsa kanaanis ''Ameerikaan gahee ifa dimokraasiifi dursituu addunyaa bilisaa ta'ushee kan cimsudha'' jedhan.
Waraanni Ameerikaas guyyoota keessatti meeshaalee waraanaa deeggarsaan Yukireeniif kennaman dhiyyeessuu akka danda'u himeera.
Ameerikaan Guraandhala 2022 fi Amajjii 2024 jidduutti, karaa gargaarsa waraanaatiin doolaara biilyoona 45.6 kennuu dhaabbanni qorannoo Jarman, the Kiel Institute beeksiise.
Jarman ammoo doolaara biilyoona 19.1, UKn dollara biiliyoona 9.8, Deenmaark doolaara biilyoona 9.1 fi Gamtaan Awurooppaa ammoo doolaara biiliyoona 6.1 kennaniif.
Odeeffannoon asiin gadi kunis maalllaqa deeggarsaa tibbana Ameerikaan kennuuf mallatteessite hin dabalatu.
MM UK Riish Sunaak ammoo biyyiisaanii waadaa deeggarsa waraanaa paawundii biiliyoona 2.5 bara 2024 keessa kennuudhaaf waadaa galteen alattis paawundii miiliyoona 500 akka kennan mirkanneessan.
Kunis miisaa'eloota. rasaasa, kokolaatawwan sibiilaa fi konkolaatawwan taa'umsa lafaa kamu irra deemuu danda'an dabalataan bituuf oola.
Guraandhala 2024 keessa, erga Haangaariin dhoruu dhiifteen booda Gamtaan Awurooppaa deeggarsa dabalataa doolaara biiliyoona 54 Yukireeniif taasisuuf walii galanii ture.
Yukireen hanqina meeshaa waraanaa attamitu mudatee?
Waraanni Yukreen hanqina meeshaa waraanaafi hanqina hamlee qaba jechuun akeekkachiise bulchiinsi pirezidantii Ameerikaa Joo Baayidan.
Hir'inni inni guddaan sirna ittisa qilleensa misaa'eliitti.
Pirezidantiin Yukireen Voloodmiir Zelenskiin maagaloota ittisuudhaaf biyyisaanii '''patriot' ykn sirnoota ittisa qilleensaa walfakkaatu torba'' barbaaddi jedhan.
Kunis Yukireen ''meeshaalee Raashiyaan eddoowwan ittisaafi qiyyeeffannaawwan siiviilii kan akka buufataalee madda anniisaa haleeluuf ittiin fayyadamtu qolchuuf ni dandeessisa,'' jechuun dubbatan qorattuun Koleejjii Kiingis Landan, Dr Maariinaa Miiroon.
Raashiyaan Khaariikiv, magaalaa guddoo lammaaffaa Yukireenifi kan dhiheenya daangaa Raashiyaatti argamtu irratti irra dedebiin haleellaa raawwatte.
Ajajaan Eegdoota Biyyaaleessa Yukireen, Oleeksaandar Pivneenkoo, humnootiin Raashiyaa magaalatii qabachuu yaalii taa'siisu eegalu malu jedhanii ture.
Humnootiin hidhattoota Yukireen guyyaatti meeshaa waraanaa cimaa (shells) 2,000 qofaa dhukaasuuf daangeeffaman, jedha teessoo isaa Ingiliiz kan taasifate Institiyuutiin Tajaajila Royaal Yunaayitid.
Faallaa kanaa ammoo humnootiin Raashiyaa guyyaatti meeshaalee jajabaa 10,00 ta'u dhukaasu jedhan dhaabbatichi. Raashiyaan warshaalee mataashii fi Kooriyaa Kaabaa irraa waggaatti gara meeshaalee jajabaa miiliyoona sadii akka argatu kaasa.
Yukireen erga Onkololeessaa 2023 as karaa daanagaa bahaatiin lafa squweer km 583 kan humnoota Raashiyaatiin jalaa to'atame yoo ta'u, kun irra caalaa sababii hanqina meeshaa waraanaatiin.
Ofii biyyoonni lixaa meeshaalee attam Yukireeniif kennanii?
Ammi meeshaalee waraanaa Yukireeniif dhiyeete Institityuutii Keeliin galmaa’eera, garuu ammo odeeffannoo amma dhiyaatus kan hanga dhuma Adooleessaa qofa hammata.
Waxabajjii keessa, Ameerikaan deeggarsa meeshaalee waraanaa haaraa doolaara miiliyoona 100 baasu labsite.
Akkasumas meeshaalee waraanaa garee, akka dhiyeessituu mirkanneessuun, kunis sochii falmiisiisaa michoota Nato muraasa mufachise ture.
Mootummaan Polaand erga midhaan Yukireen irraa gara biyyattii galu dhorkuu hordofuun wal dhabdeen umameen booda, meeshaa waraanaa omaatu akka hin gumaachineef beeksiise.
Taankiiwwan
Taankoonni hedduun silaa duraanu kennamuuf jira. Yukireenis daangaa shee kabachiisuu fi loltoota Raashiyaa baasuuf atattamaan akka barbaachisu himti.
- Ameerikaan taankiiwwan Abraamsi 31 ergaa jirti
- UKn taankiiwwan Chaaleenjar-2 14 dhiyeessaa jirti
- Jarmaniin taankiiwwan Looppaardi-2 14 dhiyeessaa jirti
- Ispeenis taankiiwwan Loopaardi-2 ishee jaha ergaa jirti
Taankiin Loopaardi-2 biyyoota Awurooppaa baayyeen faayidaarra oolfama. Innis fayyadamuuf salphaafi taankiiwwan warra lixaa kaan caalaa boba’aa baayyee hin fudhatu.

Baatiiwwan jalqabaa weerarri itti raawwatame hordofee, Naton biyyoonni baayyeen Yukireeniif akka taankiiwwan durii, kan Warsaw Pack durii keessatti fayyadaman, akka dhiyeessan fedhee ture.
Humnootiin waraana Yukireen attamiin akka itti fayyadamaniifi suphan waan beekaniif meeshaalee suphaa hedduus qabu.
Taankiiwwan warra lixaa hammayyaa’oon baayyee walxaxaadha itti fuyyadamuuf. Akkasumas suphiinis rakkiisaadha.
Haleellaan Yukireen dhiheenya bakkeewwan Raashiyaan qabattee irratti raawwattee akka agariisuutti, humnootiin Yukireen taankii Looppaardi tokkoo fi Biraadleey hedduutti fayyadamaa jiru.
Nato keessaa UKn taankii ishee adda waraanaa guddicha kan ta’e Chaaleenjar-2 kennuun daandii bante jirti.

Taankii Chaaleenjar-2n kan jalqaba tolfame baroota 1990mota keessa ture. Garuu ammoo taankiiwwan humnootiin Yukiren qaba kamu caalaa hammayyaa’aadha.
Yukireen weerarichaan dura taankiiwwan T-72 Warsaw Pact (waliigaltee waraanaa Gamtaa Sooviyeetiifi biyyoota gara biraa torbaan) taasifameetti fayyadamti turte. Guraandhala 2022 irraa kaasee garuu Poolaandi, Cheek Riipabliikii fi biyyoota kaan irraa taankii T-72 200 ol agrattee jirti.

Pirezidanti Joo Baayidan biyyisaanii Yukireeniif taankiiwwan Abraams 31 erguudhaaf murteessuu wayita ibsaniitti, ‘‘taankiiwwan addunyaarratti baayyee beekamoo ta’an’’ jechuun ibsan.
Ameerikaafi UKnis akkasuma taankiiwwan arjooman waliin yuraaniiyeemii hafaa kan waraanaarratti gargaaruu erganiif.
Haata’u malee, Yureeniyeemiin ture (depleted uranium) qabiyyee carrallaa kan qabuufi wayita dhokaafamuutti biyyoo summeessuu mala jechuun yaaddoo uumu.

Konkolaatoota sibiila uffatan
Oggeessoonni waraanaa adda waraanaatti milkaa’insi meeshaalee gosa garaa garaa, qindoominaan bobbaa’uu, deeggarsi loogistikii barbaachisuu jiraachuun murteessaa ta’u himu.
Konkoolataa sibiila uffatanii haleellaa raawwatan (Stryker) jechuun meeshaalee waraanaa baayinaan Yukireeniif arjomaman keessaa tokko. Ameerikaan konkolaataawwan akkasii 90 akka kennamaniif mirkanneessiteti.

Konkoolaattawwan Ameerikaadhaan Yukireeniif kenniteef keessaa kan biraa, konkolaataa waraanaa Biraadilii (Bradley) jedhaman ni argamu.
Isaanis waraanaa Iraaqi irratti baayyinaan Ameerikaan itti fayyadamamaa ture.

Ittisa qilleensaa
Muddee keessa, akkasuma US sirna misaa’eelii Paatiriyoota jedhamu Yukireeniif akka ergitu himte turte. Jarmanniifi Neezarlaandi itti fufan.
Sirni hammayyaa’aan olaanaan kun hanga fageenya km 100 kan deemuu yoo ta’u, haaluma gosa miisaa’eelii fayidaarra oolfamuutiifi kan loltoota Yukireeniif leenjii addaa kan buufata Waraanaa US Jarman keessaatti barbaachisuudha.
Haata’u malee, sirnichaan hojjachuun qaaliidha. Misaa’eeliin Paatriyootii tokko hanga doolaara miiliyoona sadii baasa.

Erga walitti bu’insichi eegalee kaasee, Yukireen sirnawwan bara Sooviyeeti Soviet-era S-300 surface-to-air jedhamu Raashiyaan loluuf fayyadamu.
Osoo waraanni hin eegaliin dura, Yukireen S-300 gara 250 argattee jirti.

Akkasumas US sirna Misaa’eelii National Advanced Surface-to-Air (Naasaamsi) jedhamu Yukireeniif kenniiteef. Naasaamsi jalqabaa Yukireen kan qaqabee Sadaasa keessa ture.
Dabalataanis, UKn sirnawwan ittisa qilleensaa, Starstreak, kan xiyyaaroota lafatti gadi dhiyaatanii balalii’an rukuutuuf hojjataman dabalatee, hedduu Yukireeniif kennite.

Jarmaniinis sirnoota ittisa qilleensaa IRIS-T kano l fageenya hanga km 20 irratti miisaa’eelii dhiyaataa jiruu rukutuu danda’an dabalatee, sirnoota ittisa qilleensaa kenniteefii jirti.
Meeshaalee fageenya dheeraatti dhokaafaman
Ameerikaan sirna misaa’eela Taaktikaalii waraanaa ykn ATACMS kan hanga fageenya km 290 furguggifamuu danda’anii muraasa Yukireeniif erguun gabaafameera.
Yukireenis sirna misaa’eelii akkasiitiif yeroo dheeraaf gaafataa kan turte yoo ta’u, dhiheenya kana garuu US kennuuf diddee turte. Yukireen qiyyeeffannaawwan Raashiyaa keessaa haleeluuf ATACMS’tti fayyadamu dandeessii ta’e jette akka yaaddooftu himte.
Akkas yoo ta’e ammoo US gara waraanaa akka seentuuf kan dhiibbaa taasisuudha jette.
Faransaayis misaa’eelii SCALP jedhaman Yukireeniif kan kennite yoo ta’u, UK ammo miisaa’eeloota Storn Shadow jedhaman kenniteef.
Miisaa’eloonni gara biraa Ameerikaan Yukireeniif kennaman kan M142 High Mobility Artillery Rocket System yknr Himarsi’ jedhaniidha.
Himaarsi misaa’eelii ATACMS irra fageenya gabaabaa kan deemuu yoo ta’u, milkaa’ina Yukireen humnootii Raashiyaa karaa kibbaatiin, keessattuu Muddee keessaa Kheersan keessatti booddeetti akka deebii’an taasifte keessatti garuu gahee olaanaa akka qabu amanama.

Sirnoonni Himaarsi ammoo sirna Smerch king kan amma Yukireeniin itti fayyadamamu caalaa fageenya dheeraa irratti dandeettii guddaaa akka qabu himama.

Howiitzarsi
Baatiiwwan weerarri itti eegaleen booda jiraniifi yeroo Raashiyaan Kiyiiv irraa boodeetti deebiiteetti, lolli irra caalaan baha biyyattii keessatti gaggeeffamaa ture. Kanaanis dhiyeessitiin meeshaalee waraanaa Yukireeniif baayinaan barbaachisaa ture.
Haaluma kanaanis Awustiraaliyaa, Kaanaadaa fi Ameerikaan biyyoota howitzarii M777 ammayyaa'aa Yukireeniif erganiif keessatti argamu.
Hangi fageenya M777'n furgugfamuu kan howitzarii Raashiyaa Giatsint-B waliin wal qixa yoo ta'u, garuu ammoo meeshaa waaraanaa Raashiyaa D-30 towed caalaa dheeraadha.
Sababii Yukiren meeshaalee dhiyaataniif caalaa itti fayydamaa jirtuuf jecha, biyyoonni Nato dhiyeessitii meeshaa waraanaa akka dabalan himan.
Isaanii oomishitoota biyya keessaa isaanitiin akka dabalanii oomishaniif gaafataa jiru.

Meeshaalee farra taankii
Meeshaaleen Nilaawuu (Nlaw) kumaatamaan lakkaa'aman haala haleellaa tokkichaan taankiiwwan barbadeessaniitti kan tolfaman yoo ta'u, isaanis Yukireeniif dhiyaataniiru.

Meeshaaleen kuneenis keessattuu tibba weerariichaan booda guyyootaafi ji'oota turan keessatti humnootiin Raashiyaa akka gara magaala guddoo Yukireen Kiyiviitti hin qajeelleef dhaabuuf yaadamee ture kan dhiyaatan.
Dirooniiwwan
Waraana Yukireeniifi Raashiyaa keessatti diroonniiwwan baayyinaan itti dhimma bahamaa ture. Baayyeen isaanis hojii basaasaa, qiyyeeffannaa fi kallattii jijjiruuf itti fayyadamaa turan.
Tarkiin diroonoota waraanaa ishee Bayraktar TB2 jedhaman Yukireeniitti kan gurgurattee yoo ta'u, oomishaan sirna Tarkii garuu oppareeshiniiwwan deeggarsa-ummataatiin Yukireen deggaruuf jecha diroonoota arjomeefii ture.

Waa'een jettiiwwan waraanaa hoo?
US irra dedeebiin gaafii Yukireen jettii waraanaatiif dhiyeessaa turte diduun, bakka isaa deeggarsa waraanaa kallattii gara biraa irratti xiyyeeffataa turte.
Garuu ammoo Caamsaa keessaa, Pirezidanti Joo Baayidan biyya saanii jeettiiwwan waraanaa ammayyaa'aa akka dhiyeessitu beeksiisan. Isaanis jeettiiwwan Ameerikaan tolchite F-16s erguudhaan balaliiftoota Yukireen ammoo leenjiisuu kan hammateedha.
US jeettii waraanaa kennuuf hayyamuun ishees biyyoonni kaanis akka jeettii isaanii F-16 erganiif dandeessise. Kunis sababii US jettiiwwan gurgurte biyyoonni deebiisanii akka biyya biraatti erganiif hayyama Ameerikaa barbaadaaduufiidha.
Isaan boodas Deenmaarkiifi Neezarlaandi jeettii waraanaa F-16 Yukireeniif akka ergan mirkaneessan.
Deenmaarki jeettiiwwan 19 akka ergitiif waadaa kan galte yoo ta'u, Neezarlaandi ammoo caalaa akka dhiyeessitu eegama.
Jeettiiwwan F-16 hedduun jalqabaa Daanish ergituus dhuma 2023 akka Yukireen galan eegama.
Akkasumas wal ta'insi biyyootaa, UK dabalatee, balaliiftoota Yukireen jeettiiwwan kanneen balaliisan leenjiisuuf waliigalan. Ameerikaan alattis, walita'insi kun hojjattoota lafoo Yukireen akka xiyyaaroota suphaniis leenjiisuun ni gargaaru.












