Kadir Tolaa: dhalataa Itoophiyaa kaan waliin konkolaachisaa balaa ibiddaa hamaarraa lubbuu oolche
Kadir Tolaa: dhalataa Itoophiyaa kaan waliin konkolaachisaa balaa ibiddaa hamaarraa lubbuu oolche
Viidiyoo kun daandii guddaa Ameerikaa kutaa Minisootarratti maanguddoo ibiddi konkolaataasaatti qabate yeroo namoonnilubbuu oolchuuf yaalan agarsiisa..
Biyya Ameerikaa, Minisootaatti konkolaataan daandii guddicharra imalaa ture tokko daandiirraa maquun baheen osoo konkolaataa keessa jiruu ibiddi itti qabatee gubachuu eegala.
Konkolaachiftoonni daandiicharra darbaa turanis itti goruun, lubbuu nama kanaa baraaruuf kan danda’an hunda gochuu eegalan. Isaan keessaa tokko dhalattoota Itoophiyaa Kadir Tolaati.
Kadiir haala ture akkasiin BBCtti bilbilaan hime, kunoo caqasaa.






