Sareen konkolaataa imalaa ture keessa iddoo shofeerii teesse guddisaashee adabsiiste

Saree iddoo konkolaachisaa teesse

Madda suuraa, POLICIA SR

Isloovaakiyaatti konkolaataa imalaa ture keessa iddoo shofeerii sareen teessee mul’annaan guddisaan saree adabame.

Suuraan kaameraa saffisa konkolaachistootaa to'atuun ka’eefi miidiyaa hawaasummaa irratti gadhiifame akka agarsiisutti sareen bakka konkolaachisaan taa'u korboo konkolaataatti hirkattee otoo seeqxuu agarsiisa.

Abbaan konkolaataa garuu otoo ani oofaa jiruu sareen akka tasaa utaalee yaabdeetu suuraa irratti korboo konkolaataa kan qabatte kan fakkaattee jechuun waakkateera.

Magaalaa Isloovaakiyaa Biraatislaavaa irraa gara bahaan kan argamtu iddoo Isteeruusii jedhamtutti dha taateen kuni kan mudate, poolisiin sababa guddisaan saree kuni kenneen waliihingalan.

Akka isaan jedhanitti kaamerraa saffisa to’atuun suuraan ka’ee sochii tasaa tokkoyyuu hin agarsiisu. Kanaafis namni kuni adabameera.

Guddisaa saree kanaarra kaa’amu kuni saffisaan oofuu ykn immoo bineelda manaa akka malee konjkolaataa keessatti qabachuutiin adabbiin kennuufi adda hin baafamne.

Poolisiin shofeeronni konkolaataa keessatti bineelda manaa qabatanii yeroo deeman of eeggannoo barbaachisu akka godhan yaadachiiseera.

‘’Yeroo konkolaachistan bineeldi xiqqoo jedhamtullee otoo hin hafiin balaa irra isin buusuu dandeessi,’’ jechuun poolisiin konkolaachistoota akeekkachiiseera.