Namichi gafarsa waggaa 58 dura hateef to'atame

Gafarsa bishaan keessa jiran

Madda suuraa, GETTY IMAGES

Poolisiin kibba Indiyaa bulchiinsa Kaarnaataakaa nama ganna 78, 1965tti gafarsa lamaafi ilmoo gafarsaa tokko hateera jedhe himate.

Gaanaapaatii Viitaal Waagoor waggaa 58 dura yeroo jalqabaaf nama biraa wajjin nama ganna 20 tahaniitu to'ataman.

Yeroo wabiishaan bahanii ergasii garuu achi buuteen dhabamee ture. Namni waliin himatame bara 2006tti lubbuun darbe.

Torbee darbe nama umriin jaaran tahuu ilaaluun mannimurtii lammata to'annoo jala ooluun booda wabiidhaan isaan gadhiiseera.

Dhimmi nama kana addaan citee kan ture tahus, torbee muraasaan dura gareen poolisii sanadoota durii otoo murtii hin argatiin jiran keessaa argannaan yeroo dhumaaf nama kana barbaaduu yaalan.

Hanni gafarsaa yeroosi kuni iddoo Bidaar jedhamtu kan bulchiinsa Karnaataakaa keessatti argamtutti raawwate. Tahus Waagoor yeroo lama yoo to'atamu gandoota addaa keessatti argame.

Akka poolisiin jedhutti Waagooriifi namni inni biraa Kirishinaa Chaandar bara 1965tti gafarsa hatuu isaanii amananiiru. Ergasii dhaddacha naannootti dhihaatanii wabiin bahan.

Achii erga nahaniin booda garuu namooti lameenuu waamichaafi ajajaj mana murtiif deebii kennuu dhaaban.

Poolisiin namoota lamaa kunneen argachuuf gandoota bulchiinsa Kaarnaataakaa barbaadullee argachuu hin dandeenye ture.

Sandni namoota knaa baatii darbe banamee, ''waayilootiin koo jiraattota ganda sanaa waa'ee namoota kanaa iyyaafachuu jalqaban,'' hogganaan poolisii Bidaar Chenaabaasaavaanaa Laangootii BBC'tti himan. Waagoor 1965tti ture Umaargaa irraa kan qabame.

Poolisiin dubartii yeroosa waan tahe yaadatti jedhee amane argate, isheenis Waagoor lubbuun akka jiru poolisiitti himte,'' jedhan Laangootiin.

Dubartiin kunis ganda Maahraashitraa iddoo Taakaalaagaawoon jedhamutti isaan qjeelchite-poolisiin waggaa 50 keessatti odeeffannoo cicataa akkasii argatee hin beeku.

Gareen poolisii kunis ganda kana argatee yeroo namoota gaafatu namni Waagor jedhamu mana amantii keessa jiraachaa akka ture himan.

Waagoor eenyummaasaa poolisiif mirkaneessuun booda,''dhaddachatti dhiyaachuuf sodaachuu,'' dubbate.

Ergasii mana murtii Kaarnaataakaatti dhiyaatanii abukaatoon bakka isaan bu'ee falmachaa.