Dhaabbanni nuukilaara Yukireen dirooniin haleelamuun yaaddoo uume

Madda suuraa, Reuters
Dhaabbanni Atoomikii Biyyoota Gamtooman (UN) haleellaan dhaabbata nuukilaarii Yukireen Zapoorizhiyaa irratti raawwatame ''balaa nuukilaaraa cimaa'' ta'uu akka danda'u akeekkachiise.
Raashiyaan ammoo haleellicha duuba Yukireenitu jira, kanaanis namoonni sadii miidhaaf saaxilamaniiru jette. Yukireen garuu kana waakkattee jirti.
Dhaabbanni nuukilaaraa guddichi wal dhabdee Raashiyaafi Yukireen keessatti dhimmi falmii isaa guddaadha. IAEA irra deddeebiin haleellaa akkasii kana akeekkachiisaa ture.
Dursaan IAEA Raafaa'el Giroos, haleellaan guyyaa Dilabataa raawwatame kan of eeggannoo hin qabneefi ''kan balaa nageenya nuukilaaraa olaanaa jajjabeessudha'' jedhe.
Dhaabbanni nuukilaaraa Zapporizhiyaan, kibba Yukireen keessatti kan argamu yoo ta'u, Awurooppaatti dhaabata isa guddicha.
Humnootiin Raashiyaas Guraandhala 2022 akkuma waraana Yukireen irratti bananiin yeroo gabaabaa keessatti to'atan. Erga yeroo sanaatii as to'annoo isaanii jalatti argama.
Dhaabbanni IAEA kan dhaabbata Zapporizhiyaa keessaa garee qabu, dhaabbaticha irratti miidhaan qaqqabuu mirkanneesseera.
Bulchiinsi dhaabbatichaa kan Raashiyaan muddee gamasaatiin haalli carallaa isaa sirriifi miidhaan cimaan kan irra hin qaqqabne ta'uu hime.
IAEA garuu miidhaan qaqqabe nageenya nuukilaaraa hin midhu, haata'u malee ''taatee amansiisummaa sirna to'annoo dhaabbatichaa miidhuu danda'u olaanaadha'' jedheera.

Madda suuraa, Reuters
Obbo Giroosiin warshicharratti ''yoo xinnaate caasaalee to'annoo 'ri'aktaroota' gurguddoo sadiirratti haleellaan kallattii sadii'' raawwatamuu ibsan.
''Kun raawwatamuu hin danda'u. Dhaabbata nuukilaaraa irratti haleellaa raawwachuudhaan eenyuumtuu bu'aa ykn olaantummaa waraanaa ykn siyaasaa argatu omtuu hin jiraatus'' jedhan.
Yeroo baayyee Raashiyaafi Yukireen dhaabbaticharrati haleellaa raawwachuudhaan quba walitti qabu.
Bulchaan dhaabbatichaa Raashiyaa akka jedhetti, haleellicha duuba humnoota waraana Yukireenitu jira. Garuu ammoo Yukireen himannaa kana hin fudhattu.
''Yukireen naannichatti dubbii barbaacha waraanaa kamuu keessatti hin hirmaannee'' jedhan dubbi-himaan Daareektoreetii Tika Muummee Yukireen, Andrii Yoosov.












