Raashiyaan halkan sadiif walitti aansuun magaalaa guddoo Yukireen haleelte

Konkolaataawwan caccaban

Madda suuraa, Reuters

Raashiyaan magaalaa guddoo Yukireen Kiiv irratti halkan sadiif walitti aansuun haleellaa qilleensarraa qaqqabsiisnaan gamoowwan ibiddaan qabataniiru, dhukaasni gurguddaanis dhagahameera.

Qondaaloti akka jedhanitti caccabaa lafarra jirutu ibidda qabate, humni qilleensaa Yukireen dirooniiwwan 20 tahan kan Raashiyaan itti darbataman fashaleesseera. Haleellaa miilanaan yoo xiqqaate namni tokko ajjeefameera.

Humni Qilleensaa Yukireen misaayeliifi dirooniiwwan halkan lamaan darban Kiivitti darbataman hunda fashaleessuu hime.

Naannichatti iddoowwan irratti qiyyaafataman keessaa tokko buufata humna qilleensaa biyyattiiti.

Gaafa Wiixataa qondaaloti lixa Kaahemliinstiik xiyyaaronni waraanaa shan manca'aniiru jedhan.

Buufata xiyyaaraatti daandiin xiyyaarri irraa ka'us suphamaa jiraachuu qondaaloti dubbataniiru, tahus odeeffannoo dabalataa hin kennine.

Pireezidant Volodmiir Zelenskii Ameerikaan misaayela Paatriyoot jedhamu isaanii kennuu isheef galateeffateera.

Haasaa gaafa Wiixataa viidiyoo irratti taasiseen, ''misaaylota Raashiyaa akka lafaan dhahu %100,'' mirkana kenne.

''Raashiyaan hamma dhumaatti karaa hammeenya hordofuu barbaaddi, sunimmoo kufaatisheeti.

Sababiinsaas hammeenyi mo'amuu malee dhuma biraa hin qabu. Addunyaan shororkeessaan yeroo mo'amu arguu qaba,'' jedhe.

Waraanni Raashiyaa iddoowwwan irratti qiyyaafataman kan magaalaa Kiiviif magaalawwan Yukreen biroo haleelamaniiru jedhe.

Waan qaamoleen wal waraanan lameen kuni jedhan qaama walabaan hin mirkanoofne.