'Obboleessi koo lubbuu koo baraaree, kan isaa dhabe'-Loltuu Yukireen

Obbolaa lamaan, Maksiyiim fi Ivaan

Madda suuraa, Maatii Ivaan

Maksiyiim magaalaa Bahmuut keessatti boqonnaa malee sa'aatii 200'f waraanaa erga turee booda isnaayiparii warra Raashiyan rukutamee du'e.

Haati isaa Liliyaan ''guyyoota saddeetiif hin nyaannes, hin rafnes. Isnaapperi warra Raashiyaa waan rukutuuf jedhee daqiiqaa shaniifillee ija isaa walitti hin qabanne'' jetti.

Haati kun Bahmuutiin sababa ''gaannama'' jettuun qabdi. Magaalittii keessatti lubbuun ilma ishee tokkoo darbee kan biraa ammoo jalaa madaa'eera.

Wanti ittiin jajjabaattu ilmi ishee inni tokko isa biraa oolchuuf lubbuu dhabuu isaatiini.

Ilmaan ishee lamaan Maksiyiim fi Ivaan dargaggoota ganna 22 fi 18 yoo ta'an wayita Raashiyaan bara darbe Yukireeniin weerartu fedhaan waraanatti duulan.

Obboleessi quxusuun, Ivaan, adda waraanaatti adda bahanii akka hin beekne dubbate.

''Inni yeroo mara ana waliini, aniis isa waliin. Anaaf isa caala namni natti dhiyoo hin turre.''

Hammuma waraanni itti jabaate fuula obbolaa lamaan kanaarra dadhabbiitu mul'ata ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yeroon dhumaa obbolaan kun waliin dabarsan wayita magaalaa Bahmuut keessatti waraanni mana manatti gaggeefamuu eegaleedha.

''Achitti rafuun hin yaadamu. 24/7 haleellaa jala turre'' jedha Ivaan.

Gareen obbolaa lamaan kanaa gamoo foddaa hin qabne keessatti danqaman.

Ulaa ittiin dhukaasan argachuuf gamoo kana keessa uruun isaanirra ture.

Wayita kana ajajni boodatti akka baqatan ajaju isaan qaqqabe.

Ivaan rukutamuu isaa dura haala ture yaadata.

''Nan yaadadha rasaasa guuttachaan ture, keenyan duubaa as osoon bahuu rasaasni na dhoofte. paaralaayizid ta'een kufe.''

Booda iddoo kufetti dhiigni isaa ho'aan yeroo lola'u itti dhagaahamuu dubbata.

Waan lubbuun isaa ooltu itti hin fakkaanne. ''Waan naa dhumate natti fakkaate, dhiignikoo lola'ee naa dhumatan jedhe.''

Kana gidduutti obboleessi isaa Maksiyiim isa baraaruuf fiigee dhufe. Duuba keenyanitti harkisee dhokse.

''Na dammaqse, ilkaan koo cabe na keessa baase,achiis gargaarsa jalqabaa naa kennuu eegale'' jedha.

Kunis qoonqoo Ivaans uruun akka isa fe'ee lubbuun hin baane gochuu dabalata ture.

Ivaan balaa guddaatu fuula isaarra gahe. Lubbuu isaa baraaruuf yaalii godhamu kana keessatti mallattoo gootummaa fi diddaa kan ta'e alaabaa Yukireen of harkaa hin buufne.

Ivaan osoo obboleessi isaa kun qaqqabuufii baatee duuti isaa kan hin oolle akka ta'e hin shakku.

''Obboleessi koo akkan du'u na hin dhiifne, Na oolche.''

Miidhaa Ivaan

Madda suuraa, Maatii Ivaan

Maksiyiim atattamaan gama raadiyoo qunnamtiin gargaarsaaf iyyate.

Haata'u malee gareen jalqabaa birmannaaf ka'an hunduu osoo achi hin gahiin konkolaataan isaanii misaayela farra taankii Raashiyaan rukutamee dhuman.

Sababa kanaattis Ivaan baraarsa lubbuu argachuuf sa'aatiiwwan dabalataa sagal eeguuf dirqame.

Maksiyiim erga baraartotni obboleessa isaa bira gahanii gootummaa kan biraatti garaa murate.

Obboleessa isaa waliin bakka nagaatti deebi'uu didee garee warra fedha ofiin adda waraanaatti hafanii lolan hoogganuuf hiriire.

Achitti hafe torbanii oliif erga waraanaa turee booda isnaayipara warra Raashiyaan rukutamee du'e.

Amma Yukireen keessatti sirni awwaalcha loltootaa hammuma sagaleen dhukaasaa dirree waraanaatti baratame, baratameera.

Guyyaa gaafa Maksiyiim awwaalamu maatiifi jiraattootni Tomaakivkaa hedduun bahuun gadda isaanii jilbibbiifi imimmaaniin ibsan.

Waggaa darbe kana abbaafi haati Ivaan waayee nageenya ijoollee isaanii adda waraanaa jiraanii yaaddahuun hirriba malee bulu.

Halkan fa'a ergaa gabaabaa ijoollee isaaniirraa ergamuuf, ''nagaa jirra harmee'' jedhu eegu.

Liiliyaan erga ilmi ishee hangafaa boqotee booda yaada BBC'f kenniteen sababni jireenya ishee ammaa ilma ishee isa quxusuu ta'uu dubbatte.

Ilmi ishee du'e kun akkuma obboleessa isaa lubbuun ooluu osoo danda'uu hiriyoota isaa muuxannoo hedduu malee adda waraanaatti hafaniif jecha achitti hafe, ''inni goota'' jette.

Ivaan ammoo ''obboleessi koo bilisummaaf jecha wareegama kaffale, akka carraa ammoo bilisummaan dhiigaan dhufa'' jedhe.