Raashiyaan kilaastar boombii Kaarkivitti fayyadamuushee ragaa qabatamaatu jira jedhame

Akka gabaasa qorannoo Amnestii Intarnaashinaalitti Raashiyaan kilaasatar boombii fayyadamuun kaaba baha Yukreenitti namoota nagaa dhibbaan lakkaa’aman ajjeeftee jirti. Kisaastar boombin meeshaa waraanaa addnuyaa irratti dhorkameedha.
Waraanni Raashiyaa kilaastar boombii 9N210/9N235 jedhamuu fi rookkeettii yeroo dhuka’u fanjiiwwan xixiqqoo heddu si’a tokkotti darbatu irra deddeebin fayyadamuu isaanii ragaa qabatamaa argadheera jedha Amnetii Intarnaashinaal.
BBC’n naannoo magaala Kaarkiv bakka shanitti daawwannaa taasiseen naannichatti qabatamaan meeshan waraanaa addunyaa irratti dhorkame fayidaarra ooluu ragaa argateera. Suuraa naannichaa argate BBC’n ogeeyyii meeshaa waraatti agarsiisun suurichi dhuguma itti fayyadama kilaastar boombii kan agarsiisu ta’uu isaa mirkaneeffateera.
"Miidhan dhaqqabe kilaastar boombii fayyadamuu irraa kan ka’e ta’uu isaa ragaa qabatamaa,” jedhu Hiyumaan Raayits Waachitti qorataa olaanaa dhimma meeshaa waraanaa kan ta’an Maark Hizneey.
Suurri CCTV jiraataa naannoo miidhan kun itti qaqqabe irraa BBC’f kenname kilaastar boombin irra deddeebin dhohuuu isaa agarsiisa.
“Ragaan CCTV irraa argame kun boombiwwan xixiqqoon heddu kilaastar boombii keessaa yeroo dhohan agarsiisuu isaa waan nama shakkisiisu miti,” jedhu Kolononeeliin Waraana Biriteen duraani fi Kaambiriij Yuunivarsiititti ogeessa meeshaalee waraanaa kan ta’an Hamish de Biretan Gordan.
Meeshaalen waraanaa kilaastar boombii jedhaman meeshaa waraanaa falmisiisadha, sababni isaa qilleensa keessatti yeroo dhohu boombiwwan xixiqqoo heddu lafa baay’ee bal’aa irratti bittimsuun akka dhuka’u taasisa. Kun ammoo lubbuu lammiilee nagaa balaa keessa buusa.
Boombiwwan xixiqqon lafa erga bu’anii booda osoo hin dhuka’in waggaa dheeraa turuun gaafa namni irra ijjatu yookin harkaan qaqqabatu dhuka’a. Kuni ammoo yaaddoo waggaa dheeraa uuma.
Addunyaa irraa biyyoonni 120 meeshaan waraanaa kilaastar boombii jedhamu akka hojiirra hin oollef walii galtee mallatteessaniiru. Raashiyaa fi Yukreen garuu walii galtee kana hin mallatteessine.
Litiyveenkoo namni ganna 40 BBC tti akka himanitti, guyyaa tokko haadha warraa isaa wajjin ta’anii mucaa isaanii ganna 5 harka qabatanii osoo mooraa isaanii keessa deemanii dhukaasni boombin isaan mudate. Ilmi isaanii waggaa 14 ammoo gamoo gubbaa mana keessa jira.
"Akka tasaa ifa wayii argeen sana booda sagalee dhukaasaa dhagahe,” jedha Litiyveenkoon. “Haati warraa akka meetira shanii narraa fagoo turte, kanuma isheen lafa dhooften arge.”
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Oskaaanaa, haati warraa isaa, nama ganna 41 ti. Boombin dhohe sun dugda, laphee fi garaacha ishee baay’ee miidhe. Sombi ishees lafeen dugdaas baay’ee miidhame.
Abbaan warraa ishee akka jedhetti Oskaanan ji’a lamaaf hospitaalatti waldhaanamaa erga turteen booda Dildabata darbe boqotte. “Doktoroonni si’a heddu yaalii baqaqsanii hodhuu godhaniifira, isheen garuu lubbuun hauu hin dandeenye,” jedha Lityveenkon imimmaan dhangalaasaa.
Yeroo waa’ee dhohiinsa boombichaa yaadatu, “Boombii heddutu dhohe, tokko erga dhohee booda kan biraa, itti aanses kan biraa” jechuun waan arge dubbata. Jiraattoonni lama yeroo dhohiinsi sun ture mana keessa turan waan dhagahan BBC tti himaniiru. Akka isaan jedhanitti walitti fufiinsan dhohiinsa boombii heddu dhagahan.
“Dhohiinsa daqiiqaa hedduuf itti fufetu ture, yeroo gadi baanu konkolaatawwan gubataa jiran argine. Waanti hundi gubataa waan jiru fakkaata,” jetti Daaniyaa Vooliyneetis.
Teetiyaanaa Ahayevaa, ogeettin fayyaa ganna 53 ammoo dhohiinsi mudatu mana ishee fuuldura dhaabbatti turte. “Akkuma tasaa lafa hundaa sagaleen dhohiinsaa, abidda boba’uu dhagahame; dhohiinsa heddutu lafuma hundaa dhagahame” jechuun Amnestii tti himte.
“Hundi keenyaa lafatti kukkufne, achii kaanee bakka itti dhokannu barbaachuuf yaalle. Mucaan olla keenyaa ganna 16 Arteem Sheevcheenkoo jedhamu battalumatti achumatti du’e. Lapheen isaa seentimeetira 1 kan ta’utu uraan argame. Abbaan isaas ribuu fi miilla isaatu rukutame” jechuun waan argite dubbatti.
Doktaroonni Hospitaala Giddu Gala Kaarkiv akka jedhanitti namoonni halleellaa naannoo mana jireenyaa namoonni heddumminaan jiraatanitti gaggeeffameen miidhamanii gara hospitaala isaanii dhufan, caccabaan sibiilaa madaa garaa, laphee, dugda isaanii keessaa sassaabame kan kilaastar boombii 9N210/9N235 jedhamuun kan wal fakkaatudha.

Akka gabaasa Amnestii Inatarnaashinaalitti, haleellaan naannoo Industiriitti uumameen boobiwwan heddu lafa iquweer meetira 700 ta’u irratti dhohuun namoota nagaa 9 ajjeessee 35 kan ta’an ammoo madeessera.
Bakka biroo namoonni heeddumminaan jiraatan naannoo Karkiiv Haribaaldii Istririit jedhamutti kilaastar boombin dhokuun dubartoota umuriin raagan lama ajjeessun kan biroo madeessera.
Tetiyaanaa Beeyiloovaa fi Oleenaa Sorokiinaa yeroo boombin dhuka’u ala taa’u turan. Achii ka’anii gara manaatti ol alaa osoo jedhanii boombin karaa isaan gala jiran irratti lafa dhahee dhohee Teetiyaana ajjeesse; dubartiin biroo Beeyiloovaa jedhamtus ni duute. Sorokiinan ammoo miilla ishee lachuu dhabde.
Amestii Intarnaashinaal qorannoo dirree torbaan lamaaf gaggeessen haleellan boombii 41 akka qaqqabee yoo xiqqaate lammiilee nagaan 62 yoo du’an 196 ammoo madaa’aniiru. Haleellaa kanaan Raashiyaan kilaastar boombii akka fayyadamtee fi rookkettiwwan qiyyaafannoodhan hin gaggeeffamneen namoonni lafa gabaatti, nyaata fudhachuuf osoo hiriiranii, yookin ammoo osoo karaa irra adeemanii akka ajjeefamanis gabaasni Amnestii kun ni ibsa.
"Meeshaaleen waraanaa kunneen tasumaa fayidaarra ooluu hin qaban. Meeshichi lafa bal’aa ta’e haleeluf kan hojjatameedha. Namoota nagaa irratti dhumaati fi miidhaa hamaa geessisa,” jedhu Amnestiitti gorsaa olaanaa dhimma balaaf deebii kennuu kan ta’an Donaateellaa Roveeraa BBC tti akka himaniiti.
Jalqaba irratti Raashiyaan meshaalee kilaastar boombii Yukreen keessatti waraanni koo itti hin fayyadamne jettee waakkataa turte.












